Naannawaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu jalatti ganda Filiidooroo (Malkaa Gafarsaa) keessa kan jiraatan abbootiin warraa 200 ol manni keenya waggoota 13 ol keessa jiraanne hojjettoota gandaa mattaa fudhatanuun nu jalaa diigamuufi jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti ibsan.
Jiraattonni walqabsiisuunis mootummaan manni dhaabbate akka hindiigamnehaaraanis akka hinijaaramne wayita jedhetti hojjettoonni gandaa ka’umsa mataa isaaniitiin mattaa fudhachuun mana keenya dureeyyotatti gurguraa jiru jedhaniiru.
Ijoollee godhee maatii horadhee bakkicha waggoota 14 ol jiraadheera kan jedhanii fi maqaan isaanii akka hinibsamne abbaan warraa barbaadan tokko; buqqa’ee eessa kaan jiraadhuu fi maal akka wayyu hinbeeku jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti himaniiru.
Hooggansi gandaa bifa gurmaa’een kana raawwatu kan jedhan abbaan warrichaa; ajeja mootummaa utuu ta’ee guyyaa walga’ii fi Sanbataa fi Dilbata hindhufan turan jedhan. Gara waajjira kantiibaa magaalaa Buraayyuu deemnee yoo hiyyannes achuma gandatti isiniif ha xumuran nun jedhu; kanaanis waliin kan wal qabatanii dha jechuun dubbatan.
Manni keenya dhaabbatee nurratti durreeyyota fiduun nurratti maryatu; waan jirrus isaanitti hinfakkaatu; qaamni nu dhagahu hinjiruu laata jechuun gaafataniiru.
Jiraataan kan biraas akkasuma homaa fiduu hindanda’an jechuun mana keenya diiguun dirree irratti nu bittinneesuuf jechuun dubbatan.
Kanaan dura namni kamiyyuu mana bitee jiraachuu wayita jalqabu birrii kuma 10 gandaaf kaffalee; dabtara misooma fi eegumsaa kennuuf. Itti fufuunis bishaanii fi ibsaatu galaaf. Gibira baaxii fi keenyanaas ni kaffala; misooma ni misoomsa; kan raayyaa ittisaa; kan barnootaa; kan wallaansaa naga’eetu kutamaaf. Haala kanaan waggoota baay’ee jiraanneera. Har’a nu jalaa diiguuf kan nu doorsisan ajeja mootummaa ta’ee utuu hintaane fedha mataa isaaniitiini jedhaniiru.
Gara adeemtanutti adeemaa nuun jedhu; isaanis nyaatanii adeemuufi kan kana godhan jechuun ibsaniiru.
Namni kan biraa komii isaanii dhageessisan kan biraa gama isaaniitiin hooggantoonni gandaa dureeyyota gurmeessuun birrii fudhatanii nuun buqqisuun kan maallaqa qabu galchaa jiru jedhaniiru.
Kanaan duras bifuma walfakkaatuun; manni keessan misoomaaf barbaadama jedhamuun jiraattonni manni jalaa diigame yeroo booda birrii kennuun deebisanii akka fudhatan namoonni komii dhiyeessan ibsaniiru. Hooggantoonni gandaa kun hooggansa irraa kan bu’an qabeenyaa mootummaa fi uummataa saamuudhaan akka ta’e kaasaniiru.
Manni keenya kaartaa yoo hinqabaannes manneen naannoo Finfinneetti argaman dhibbeentaan 75 ol manneen baatii ti. Tarkaanfiin fudhatamuu yoo qabaates mootummaadhaani malee caasaa mootummaa da’oo godhachuun faayidaa ofii isaaniitiif jecha namoota dhuunfaa ta’uu akka hinqabne hubachiisan.
Gandicha keessa abbootiin warraa kumni jahaa ol akka jiraatanuu fi manni keenya diigamuufi jechuun kan komii dhiyeessan hedduun isaanii waggoota 13 hanga 20 kan jiraatan ta’uu ibsaniiru.
Hoogganaa olaanaan bulchiinsa ganda Malkaa Gafarsaa Balaay Taakkalaa komii jiraattota biraa ka’e bu’ureeffachuun Addis Maaledaaf ibsa kennaniin; bishaan ykn ibsaa kan qaban; manni jiraattota gibira baaxii fi keenyanaa kaffalan hindiigamu. Sirumayyuu kaartaan akka hojjetamuuf kallattiin kaa’ameeraaf jedhaniiru.
Hooggantichi komiin isaan bira gahe akka hinjirre ibsanii; tarii faddaaltonni seeraan alaa dukkanaan da’achuun lafa gurguran gocha kana irratti raawwatanii ta’uu danda’a jechuun dubbataniiru.
Itti dabaluunis bulchiinsi gandichaa dureeyyotaaf lafa kennuuf aangoo akka hinqabne eeranii; jiraattonni yaaddoo qabu yoo ta’e yeroo itti aanutti maryachuun rakkinichaaf falli ni kennama jedhan.
Hooggantichi akkas haa jedhan malee; jiraattonni komii isaanii Addis Maaledaatti dhiyeeffatan hooggantichi Balaay Taakkalaa “isin yoo hindiigne nuyi humna diigu fidnee dhufuun mana keessan ni diigna” jechuun afaan isaaniitiin nutty dhaadataniiru; gochaa seera-dhabeessa kana keessa isaanis ni jiru jechuun himatu.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 17 2014 No 40


