Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaatti aanaan Limmuu qaaxxee ABO Shaneen aggaamuun jiraattonni buqqa’uu isaanii hordofee; lafti qonnaa aanicha keessa jiru yeroon itti qotamu darbuun isaa haala amma keessa jiran caalaatti rakkoo hammaataa itti fiduu akka danda’u yaaddoo qabaachuu isaanii jiraattonni Addis Maaledaatti ibsan.
Maddi Addis Maaledaa utuu maqaan koo eeramuu hafee jedhan; “lafti calisee bosona’aa jira; bakkichas gadhiifneerra; lafichis faayidaan ala ta’aa jira; qotuufis ta’ee facaasuuf humna hinqabnu; maallaqa keenya fixneerra; amma immoo waraanni beelaa fuula keenya dura dhaabbateera” jedhan.
Lafti hinqotamin hanga hinqabu kan jedhan jiraataan naannoo sanaa kun; “gandaan jedhanii ibsuu wayya malee hektaaraan ibsuun ni ulfaata” jechuun bal’ina lafichaa ibsan.
Itti dabaluunis; sanyiin idileedhaan facaafamuu kan jalqabu giddugaleessa ji’a Caamsaa irraa kaasuun akka ta’e eeranii; yeroon maasii itti qulqulleessanuu fi bulleessan akka darbee fi kun immoo agabuu buluu maasichaatiif sababa akka ta’u dubbataniiru.
Jiraataan naannoo sanaa maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne kan biraa gama isaaniitiin; oyiruun kun yeroon isaa yoo darbe midhaan akka xaafii, shumburaa fi kan biraa dafanii qaqqaban biqilchuu akka hindandeenye dubbatan.
Haala wal qabatuun; sanyii kamiinuu facaasuuf oyiruun kan qulqullaa’u ji’a keessa jirru kanaaan dura akka ture kan ibsan yoo ta’u; amma garuu lafichi yeroo tokko illee akka hinqotamin Addis Maaledaatti himan.
Jiraattonni kan ibsan; keessumattuu lafti boqqolloo kan qotamu dursee yoo ta’u; yeroo kanatti lafti qotame siruma akka hinjirree dha. Akkasumas lafti saliixii, aatoo boonsituu, kan boloqqee immoo kan qulqullaa’u dursee akka ture yoo ta’es; amma garuu oyiruu qulqulleessuun hafee namni yoo achitti argameyyuu akka butamu ibsaniiru.
“Homtuu hojjetamaa hinjiru; sanyiif wanti yaadame hinjiru” kan jedhan komattoonni; kanaan dabalatatti aanaa Limmuus ta’ee Giddaatti dhiyeessiin xaa’oo fi sanyii akka hinjirre eeran.
Qonnaan bulaan tokkichi xaa’oo hanga kuntaala 10 barbaada kan jedhan jiraataan aanaa Limmuu; “duraan kontiroobaandiidhaan gala ture; amma hinjiru”jedhan. Itti dabaluunis; bakka tokko tokkotti dhiyeessiin xaa’oo yoo jiraates gatiin isaa garuu akka qaala’e dubbataniiru.
Jiraattonni bara darbe Daappii kuntaala tokko birrii kuma tokkoo hanga kuma lamaatiin bitaa akka turan yaadatanii; bara 2014tti garuu gatiin Daappii kuntaala tokkoo birrii kuma shan akka seene ibsan. Kana waan ta’eef mootummaan qonnaan bulaan qotuu dadhabuu isaa hubatee furmaata kennuu dhiisuun isaa gara fuula duraatti baay’inni namoota gargaarsa barbaadanii akka dabalu kan taasisuu dha jechuun yaada isaanii ibsaniiru.
Oyiruu irra utuu hinfac’in hafuun hubaatiin isaa jiraattota naannoo sanaatiif qofa osoo hintaane namuma hundaafi kan jedhan buqqaatonni; zayitiillee oomishuun kan danda’amu aatoo boonsituu fi saliixiin yoo oomishamanii dha. Lafti aatoo boonsituudhaan beekamu immoo utuu hinqotamin hafuuf jira jedhaniiru.
Induustiriiwwan oomishtoota zayitii biyya keessa jiran 15 waggaatti aatoo boonsituu kuntaala miliyoona lamaa ol akka isaan barbaachisuu instiitiyuutiin misooma induustirii nyaataa, dhugaatii fi faarmaasiyuutikaalii qorannoon bara 2013tti baase ni mul’isa.
Haala walqabateen saliixiin qabiyyee midhaan zayitaa olaanaa dhibbeentaa 48 ta’u akka qabatu ragaan dhaabbaticha irraa argame mul’iseera. Jiraattonnis odeeffannoo kana yaadatanii; dhimmichi furmaanni yoo hinkennamneef hubaatiin isaa kutaalee hawaasaa hundaaf akka ta’u hubachiisan.
Gama biraatiin jiraattonni kan ibsan; hooggantoota Shanee wajjin hariiroo qaban mootummaan addaan baasuu yoo hindandeenyes; buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti deebi’aa jiraachuu dha.
Fakkeenyaafis aanaa Giddaa keessa kan turan jiraattonni mandara arfaffaa; Guuttin kan turan buqqaatonni mandara shanaffaa fi kurnaffaa gara qe’e isaaniitti deebi’aniiru jedhameera. Buqqaatonni aanaa Giddaa deebi’aa yoo jiraatanis; jiraattonni Andoodee garuu akka hindeebine beekuun danda’ameera.
አዲስ ማለዳ Ebla 22 2014 No 46


