መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiMaallaqni manneen murtii wabiif qaban garri caalu hindeebifamu jedhame

Maallaqni manneen murtii wabiif qaban garri caalu hindeebifamu jedhame

Too’annaa seeraa jala ta’anii qorannaan poolisii kan itti taasifamu ykn abbaa alangaatiin himati itti banamee namoonni wabiidhaan gadhiifaman; dhimmi isaanii utuu murteen itti hinkennamin fannifamee waan hafuuf maallaqni wabiif qabsiisan akka hindeebineef komachuu isaanii Addis Maaledaatti ibsan.

Kanaanis manneen murtii maallaqa wabummaa bu’ura seeraatiin ala akka madda galiitti itti fayyadamaa jiru jechuun namoonni maallaqa wabummaa qabsiisan komii dhiyeessu.

Abukaatoon paartii Baalderaas Diimookiraasii Dhugaatiif jedhamuu Heenook Akililuu; seerri himatichi yoo cufame maallaqichi deebi’uu qaba jedha. Haala amma jiruun garuu miseensonni keenya dhimma seeraa qaban dhimmi himata isaanii fannifameetu hafa; maallaqni wabummaas hindeebi’u jedhaniiru.

Itti dabaluunis maallaqni hedduun wabiidhaaf qabamaniitu hafu erga jedhanii booda; galmeewwan abbaa alangaatti dhiyaatanii yoo cufaman malee maallaqichi deebi’uu hindanda’u. kunis gama seeraatiin sirrii miti jechuun dubbatan.

“Nuti akka paartiitti maallaqni kumoota dhibbaan lakkaa’aman wabummaadhaan nu jala qabameera; abbaa dhimmaa yeroo yeroon gara mana murtiitti dhiyaatu wayita yaadnu immoo maallaqni miliyoona dhibbaan lakkaa’amu manneen murtiitti qabameera” jedhan.

“Manni murtii dhimma tokkoof hanga birrii kuma 60tti wabummaa gaafachuun isaa baratamaa ta’eera; hanga odeeffannoo ani qabuutti maallaqni kun odiitarri sirnaan kan hordofu miti” jedhaniiru.

Maallaqni malaammaltummaa fi gochaa seeraan-alaatiif kan saaxilamee dha kan jedhan abukaattichi; namoonni maallaqni isaanii qabamesbuufata poolisii adeemuudhaan dhimmichi eessa gahe jedhanii gaafachuuf muuxannoo waan hinqabnee fi yoo deemanis al tokko abbaa alangaatu ilaalaa jira; yeroo biraa immoo poolisii bira jira waan jedhamanuuf adeemsa dadhabsiisaa hordofanii deebisiisuu dadhabuu ni danda’u jedhaniiru.

Hanga yoonaattis namoonni dhuunfaa qabeenyaa jalaa qabaman kan akka bilbilaa fi paaspoortii wayita deebisiisan malee; dhimmoota jiran keessaa dhibbeentaa 99 kan ta’an himanni isaanii cufamee maallaqni wabummaa wayita deebi’uuf argee hinbeeku jedhanii jiru.

Kanaafis yeroo baay’ee deddeebina; ta’ees garuu maallaqa wabummaa deebisiisuun hafeeyyuu; lakkoofsi baankii pirezidaantii paartichaa (kan Iskindir Naggaafaa) bara 2012 kaasee kan dhorkame waan ta’eef irra-deddeebiin gaafatanii hanga ammaatti hinbanamneef jedhan.

Namoonni maallaqni wabummaa jalaa qabame biirookiraasii dhuma hinqabneen nuffanii akka dhiisan taasifamaa jira yaada jedhu dubbataniiru.

Abbootiin dhimmaa maallaqni wabummaa isaanii kan deebi’uuf abbaan alangaa himatichi akka cufamu yoo taasisee dha waan jedhameef Addis Maaledaan ministeera haqaa kan gaafatte yoo ta’u; hoogganaan pirees sekireetariyaatii ministeerichaa Awwal Sulxaan; kaayyoo olaanaan maallaqa wabummaa himatamaan beellama isaa itti aanu kabajuun akka argamuufi erga jedhanii booda; maallaqichi kan deebi’uu danda’u galmeen sun yoo xumura argatee dha jedhan.

Dhimmichi utuu murtee hinargatin qilleensa irra hanga jirutti garuu adeemsis isaa waggaa 10 yoo tures; maallaqichi hindeebi’u jechuun ibsaniiru. Deebifamuun maallaqichaa kan murtaa’us daangaa umurii galmee qorannichaatiin ta’a jedhan.

Abbaan alangaa dhimmi maallaqa wabummaa isa hinilaallatu erga jedhanii boodas; wayita himatamaan badu; ragaan utuu hindhufin yoo hafe; akkasumas poolisiin himatamaa dhiyeessuuf yeroon itti fudhatu adeemsa isaa duubatti waan harkisuuf abbaan alangaa galmee harka isaa irra hanga hintursinitti kanaan itti gaafatamaa ta’uu akka hindandeenye kaasaniiru.

Manni murtii karaa sirrii hintaaneen kan beellama kennu yoo ta’e; abbaan alangaa raga utuu hinguutin yoo hafe; poolisiin hidhii dhiyeessi kan jedhame yoo hindhiyeessine adeemsi isaa ni harkifata. Adeemsa kanaan qaamoleen sadanuu rakkoo qabu jechuun ibsan.

Addis Maaledaan hojjetaa mana murtii waliigalaa maqaa isaanii ibsuu hinfeene kan aasofsiiste yoo ta’u; isaanis abbaan alangaa himata bane hanga hincufinitti maallaqni wabummaa manneen murtii hinilaallatu jedhan.

“Abbaan alangaa kan bane maaliif hincufu; himata inni baneen mitii manni murtii wabii qabsiisaa bahaa kan jedhu?” kan jedhan hojjetichi; himata abbaan alangaa hincufiniif manni murtii akkamitti maallaqa wabummaa gadhiisa jedhaniiru.

- ይከተሉን -Social Media

Maallaqni wabummaa maal bu’ureeffateetu tilmaamama kan jedhu gaafatamaniis; kun kan mutaa’u abbootii seeraatiin; ta’us maallaqichi bakka bu’aa badii sanaa miti; yeroo tokko tokko maallaqa badii sana irraa baay’ee xiqqaa ta’etu wabiidhaaf gaafatama; kunis himatamaan gaaddisa seeraa jala taa’ee dhimma isaa akka hordofuufi jechuun dubbataniiru.

Guyyaa beellamaa manni murtii kennetti abbaan alangaa fi himatamaan utuu hinargamin yoo hafanis; manni murtii dhimmichi ukkaamamee (inactive) ta’ee akka turu taasisa. Kanaanis galmichi hanga murtiin itti hinkennaminitti manni murtii maallaqa wabummaa hindeebisu jedhan.

Maallaqni wabummaa walitti qabamu tajaajila kamiifuu akka hinoollee fi mootummaan ittan fayyadama yoo jedhe; manni murtii maallaqa uummataa ti jechuun akka dhowwatu eeraniiru.
Addis Maaledaan dubbi-himaa manneen murtii federaalaa Tasfaayee Niwaay irraa ibsa dabalataa barbaaddee yoo bilbiltes; wayita sanatti hojii irran jira jechuu isaaniitiin yaada isaanii kanatti ida’uu hindandeenye.


አዲስ ማለዳ Ebla 22 2014 No 46

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች