Naannoo Amaaraa aanaalee afur keessatti dhibeen gifiraa mul’achuu instiitiyuutiin fayyaa hawaasaa naannichaa beeksise.
Aanaalee naannichaa Jaabii Xahinaan, Machakkal, Baasoo Liibanii fi Minjaar jedhaman keessatti weerarri dhukkuba gifiraa uumamuu instiitiyuutiin fayyaa hawaasaa naannichaa Addis Maaledaatti ibseera.
Hoogganaan sab-quunnamtii instiitiyuutichaa Fiqire Maariyam Yoseef bakkawwan biraattis yaaddoon jiraachuu eeranii; dhukkubichi aanaalee eeramaniin alatti bakkawwan biraattis argamuu akka danda’u ibsaniiru. Dhukkubni gifiraa godina Shawaa kaabaa aanaa Minjaar Shonkooraatti dursee Gurraandhala 05 bara 2014 irraa jalqabee gandoota Rarraatii, Charchaa Yohaannis, ganda Aarartii 02, Kiristoos Samiraa fi Mamhaar jedhaman shan keessatti akka mul’atee fi itti fufees aanaalee kan biraa shan keessatti akka argame hooggantichi ibsaniiru.
Hanga turban darbeetti qorannoo taasifameen namoonni 28 ta’an dhukkubichaan qabamuu isaanii hooggantichi ibsanii; lakkoofsichi kanaan olitti dabaluu akka danda’u eeran. Hanga yoonaatti dhukkubichaan qabamee namni du’e akka hinjirres beeksisaniiru. Keessumattuu aanaa Minjaar Shonkooraatti dhukkubichi daddarbuuf akka sababaatti kan ka’an tajaajila wallaansaa kennuuf bakkichi mijataa ta’uu hafuu fi dhaabbileen fayyaa fagaachuu dha.
Ho’ii fi shifoon qaama irratti bahan mallattoolee ijoo dhukkubichaa yoo ta’an; dhukkubbii ijaa (diimachuu) fi furraa’uun; akkasuma mallatoolee kan biraa namni dhukkubichaan qabame agarsiisu ta’uu hooggantichi eeranii; dhukkubichi da’aaf waan nama saaxiluuf namni mallattooleen kunirratti mul’atan kamiyyuu gara dhaabbata fayyaatti geeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Dhukkubichi gara bakkawwanii fi aanaalee biraatti akka hindabarreef hojiin wal’aansa manaa manatti, daawannaa fi basaasuun hojjetamaa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u; namoota dhukkubichaan qabaman addatti baasanii wallaanuu fi vaayitaamiin A manaa manatti kennuu kan fakkaatan hojiiwwan ittisa dhukkubichaa hojjetamaa jiraachuun himameera.
Dhukkubsattoota dhibichi irratti argames hanga danda’ametti wallaansi kennamaafii akka jiru hoogganaan sab-quunnamtii kun dabalataan himaniiru.
Akka naannootti hangi tamsa’ina dhukkubichaa waggoota alamaa fi sadn darbanitti haala olaanaadhaan babal’ataa jira jechuudhaan instiitiyuutiin fayyaa hawaasaa kun beeksiseera.
Ragaaleen akka mul’isanutti gifirri dhukkuba vaayireesiidhaan daddarbu yoo ta’u; nama irraa gara namaatti haala olaanaadhaan daddarbuunis ni beekama. Dhukkubichi yeroodhaan wal’aansa yoo hinargatin agartuu ijaa hanga dhabsiisuutti nama geessisuu akka danda’uu fi dhibee sombaa, hiita sammuu fi infeekshiiniif akka nama saaxilu himameera.
Yeroo ammaa keessumattuu biyyoota hiyyeeyyiitti dhiyeessiin talaallii dhukkuba gifiraa haala ga’aa ta’een jiraachuu hafuun akka rakkoo guddaatti fudhatama. Talaallicha argachuu utuu danda’anuu ijoolleen isaanii akka hintalaalamne maatiin taasisanus dhukkubichi hanga barbaadamuun akka hinhir’anneef sababa ta’uutu eerama. Daa’imman caalaatti dhukkubichaaf saaxilamtoota akka ta’anis ragaaleen ni mul’isu.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Adunyaa akka agarsiisutti; dhukkuba gifiraatiin adunyaa guutuu irraa waggaa waggaadhaan namoonni kuma 100 fi kuma 10 ta’an lubbuun isaanii ni darba. Ogeeyyiin akka ibsanuttis; lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanuu yeroo gara yerootti kan dabalu; odeeffannoo dogongoraa namoonni talaallichaaf qaban; akkasumas sirnoonni tajaajila wal’aansaa waan kufaniif.
አዲስ ማለዳ Ebla 8 2014 No 43



