Hidhattoonni Gumuzii fi ABO-Shaneen qabeenya saaman qooddchuu irratti wal-loluun isaanii ibsame

0
641

Naannoo Biiniishaangul-Gumuz godina Matakkal aanaalee Dibaaxee fi Bulan keessa kan socho’an hidhattoonni ABO fi Gumuz qabeenya saaman qooddachuuf waliigaltee irra waan hinga’iniif michummaa isaanii duraa irra gara lola hammaataatti ce’uu isaanii madden amanamoon bakkichatti argaman Addis Maaledaatti ibsan.

Maqaan isaanii akka hineeramne kan barbaadan maddi Addis Maaledaa tokko akka dubbatanitti; kanaan dura michummaadhaan waliin hojjetaa kan turan hidhattoonni garee lamaanii qooddannaa qabeenya saamanii irratti waan walii hingaliniif gara walitti bu’iinsatti seenan. Hidhattoonni kun kan walii hingalin “qabeenya ummataa saaman kan kiyya” jechuun ta’uu maddichi ibsaniiru.

Kana hordofees; haalli nageenya naannawichaa akka hammaatee fi jiraattota irratti qaaxxeen akka raawwatame ibsame. Maddi Addis Maaledaa waa’ee dhimmichaa wayita dubbatan; “baay’ina isaanii yoon beekuu baadhes namoonni du’an baay’eetu jiru; madaa’anii hospitaala sadarkaa tokkoffaa Bulan kan galan jiru; kana malee immoo ‘riifariin’ barreeffameefii hospitaala Paaweetti kan kan wallaanamaa jiran ni jiru” jedhan.

Rakkoon nageenyaa ammas ittuma fufeera kan jedhan maddi Addis Maaledaa; rakkinichi bal’inaan kan mul’atu bakkeewwan aanaa Bulanii fi Dibaaxee jiranitti ta’uu eeraniiru.
Kanaan walqabatees; bakkeewwan hidhattooni qaaxxee itti aggaaman aanaa Dibaaxee keessatti jiraattonni Caatii, Barbar, Daalchaa fi Diiboo; akkasumas aanaa Bulan keessatti Mooraa, Daan, Gifta bakkeewwan jedhaman keessa kutaaleen hawaasaa jiraatan buqqa’aa jiraachuun ibsameera.

Lammiiwwan kan buqqa;anu naannawaa aanaa Bulanitti bakkeewwan amma tokko nageenyi jiruu fi aanaa Dibaaxee keessatti bakka Barbir jedhamutti dha.
Madden Addis Maaledaa akka jedhanitti yoo ta’e; hidhattoonni ABO-Shanee fi Gumuz kanaan dura waliigaltee nageenyaa gidduu isaanii tureen kan turan yoo ta’es; torbeewwan sadii asitti garuu gidduu isaaniitti wal-dhabiinsi uumameera.

Naannichtti sababa qaaxxee hidhattootaatiin lammiiwwan irratti rakkoon uumamuu erga jalqabee waggoottan yoo lakka’amanis; yeroo dhiyoo asitti garuu amma tokko nageenyi bu’ee akka ture dubbatama. Torbeewwan lamaa fi sadii as garuutasgabbiin hir’achaa qaaxxeen akka haaraatti irra-deebiin kan ka’e yoo ta’u; lammiiwan kanaan dura buqqa’an utuu furmaanni hinkennaminiif jiraattonni bakkeewwan kanaan olitti eeraman turan dabalataan buqqa’aa jiru jedhameera.

Kan tibbana buqqa’aa jiran utuu hindabalatin aanaa Bulan qofa keessa kanaan dura buqqaatonni kumni 67 jiraaachuu maddi Addis Maaledaa kan ibsan yoo ta’u; itti dabaluunis “deeggarsi omaa hinjiru; deeggarsi namomaa kanaan dura dhufaa ture dhaabbateera” jedhaniiru.

Addis Maaledaan odeeffannoo madden ishee irra qaqqabaniin hubachuun kan danda’ame; aanaa Bulan keessa raayyaan ittisaa yoo jiraates bakkeewwan yaaddessaa jedhaman keessa garuu humnichi akka hinjirree dha.

Rakkinichi bal’inaan kan mul’atu aanaa Dibaaxeetti yoo ta’es; aanichi rakkinicha furuuf hojjetaa akka hinjirre madden eeraniiru. Maadi Addis Maaledaa dhuma irrattis; hwaasni qe’e isaa gadhiisuun gara biraatti wayita buqqa’u callisanii ilaaluu irra achumatti akka tsgabbaa’u taasisuun hidhattoota irratti tarkaanfii cimaa fudhachuutu irra ture kan jedhan yoo ta’u; humni nageenyaa garuu kutannoodhaan tarkaanfii fudhachuu irra onnee laafaa fi qabbanaa’atu irraa mul’ata jedhaniiru. Kunis uumamuu rakkinichaatiif qaawwaa guddaa dha jechuun itti dabalaniiru.

Addis Maaledaan kan aasofsiiste bulchaan aanaa Dibaaxee Mulu’alem Waawuyyaa rakkoo uumameef deebii akka kennan gaafatamanii “walga’ii irran jira; akkan fixeen nan bilbila” deebii jedhu yoo kennanis; sana booda irra-deddeebiin bilbilameefii bilbila kaasuuf hinfeene.

Kanaan dabalatatti hoogganaan koomunikeeshiinii naannoo Biiniishaangul Gumuz Mallas Bayyanaa gama isaaniitiin dhimmicha irratti deebii akka kennan wayita gaafataman walga’ii irra akka jiran dubbatan. Turtii boodas bilbila waan hinkaasneef deebii qaban kanatti ida’uun hindanda’amne.


አዲስ ማለዳ Ebla 8 2014 No 43

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here