Itoophiyaa kibba-bahaatti laga Daawwaa irratti kan ijaaramee fi Gurraandhala bara 2012 eebbifamuun humna maddisiisuu kan jalqabe maddi humna eleektiriikii Gannaallee-Daawwaa (Genale Dawa III Hydropower Dam) tajaajila kennuu erga dhaabee ji’oota saddeetii ol akka ta’e eerameera.
Namni humna eleektiriikii Itoophiyaa keessan hojjedha kan jedhanii fi maqaan isaanii akka hinibsamne barbaadan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; hidhichi humna meegaa waatii 254 maddisiisuu kan danda’u yoo ta’u; toorri daddabarsa humna olaanaa Gannaalee-Daawwaa hanga Yirgaalemitti jiru beenyaan guutummaadhaan kaffalamee waan hinxumuraminiif humna maddisiisuu dhaabeera jedhan.
Hagayya bara 2013 irraa jalqabee tajaajilichi kan addaan cite yoo ta’u; qonnaan bultoota beenyaan hinkaffalaminiif keessaa tokko mukti isaa waan jigeef; toorichi yeroo sanaa jalqabee akka addaan cite dubbataniiru. Toorri humna dabarsu akka walquunnamu kan taasifame dursee qonnaan bultootaaf kaffaltiin beenyaa olaanaan akka raawwatamuuf waadaan kan seenamee ture yoo ta’es; booda irra kaffaltichi qoratamee wayita kaffalamuuf jedhu namoonni sun beenyicha hinfudhannu jechuu isaanii ibsaniiru.
Toorri daddabarsaas mukki yoo itti kufe waan addaan cituuf yeroo yeroon suphiinsi ni taasifama kan jedhan namichi kun; sarara kana irratti garuu namootaaf beenyaan waan hinkaffalaminiif hojii kamiinuu hojjechuun akka hindanda’amne ibsaniiru. Hojjettoonni achi dhaqanii hinhojjetan; dhaquufis hindirqaman; yoo dhaqanis ajjeesanii Shaneetu ajjeese jedhu jechuun dubbataniiru.
Hojjettoonni hidhichaa yeroo ammaa omaa akka hinhojjennee fi badiin isaan raawwatanis waan hinjirreef hojii malee miindaan kaffalamaafii akka jiru eeraniiru.
Yeroo hidhichi hojii dhaabee jalqabee hanga ammaatti humni eleektiriikii maddisiisuun irra ture maallaqaan wayita herreegamu; beenyaa osoo hintaane kan biraayyuu ni kaffala ture jechuun yaada isaanii itti dabalaniiru.
Rakkoon kaffaltii beenyaa kan jiru Adoolaa jalqabee hanga Booreetti aanaale jira afur keessatti akka ta’ee ibsanii; hidhichi yeroo kana hundaaf humna maddisiisuu dhaabuun isaa kasaaraa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Daarikteerri koomunikeeshiinii humna eleektiriikii Itoophiyaa Mooges Mokonnin; buufanni madda humnichaa rakkoo hinqabu; garuu biqiloota naannoo sarara daddabarsa humnichaatti marganiin kan ka’e haalli humna daddabarsuu itti hindandeenye waan uumamee fi kaffaltiin beenyaa waan hinraawwatamneef buufatichi jalqaba bara bajataa kana irraa jalqabee tajaajila kennuu dhaabuu isaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Rakkinichi kan uumame bakkeewwan muraasa naannolee Oromiyaa fi Sidaamaatti akka ta’e eeranii; tilmaamni beenyaa kan hojjetamu aanaatti waan ta’eef; aanaaleen fuduraa fi biqiltuuwwan akka baargamootiif tilmaama ifa ta’e hojjetanii akka fidanuu fi haala seerri hayyamuun beenyaan raawwatamee hojiin akka itti fufu ejjennoo jedhu qabannee hojjetaa jirra jedhaniiru.
Kanaafis naannolee lamaan wajjin dubbataa jirra kan jedhan daarikteerichi; koreen tilmaamu tilmaama beenyaa sirrii yoo nuuf dhiyeessu bu’uura seeraatiin kaffaltii raawwannee biqiltoonni erga kaafamanii booda buufatichi tajaajila kennuu itti fufa jedhan.
Hidhi madda humna eleektiriikii Gannaalee-Daawwaa doolaarri miliyoona 400 fi miliyoonni 51 akka itti ba’ee fi ol ka’insa meetira 110 fi dheerina meetira 426 akka qabu ragaaleen ni mul’isu. Humna bishaan kiyuubiik meetirii biliyoona 2.5 qabachuus ni qaba.
አዲስ ማለዳ Ebla 8 2014 No 43



