Qulqullinni barnootaa gadii gara oliittimoo olii gara gadiitti laata?

0
1307

Bara 2015 dhufaa jiru irraa jalqabee yeroo duraatiif qorumsi yuunivarsiitii ittiin bahan kennuuf qophii taasisaa jiraachuu ministeerri barnootaa Bitootessa 26 bara 2014 beeksiseera.
Kanaan walqabatees “yeroo itti aanutti qorumsi ittiin bahumsaa yuunivarsiitotaan kennaman eebbifamaa beekumsaan, dandeettii fi xiin-sammuun guutame horachuuf akka dandeessisuu fi qorumsi ittiin bahumsaa bu’ura seenaa eebbifamtootaatiin eebbifamtoota gahoomaa fi dorgomaa baasuun humna namaa qulqullina qabuu fi haalaan leenji’e gabaaf dhiyeessuuf akka dandeessisu” eerameera.

Kana hordofees; qaamoleen hedduun eebbifamtoota gahoomaa fi dorgomaa horachuuf qulqullinni barnootaa fi qorumsa ittiin bahan kennuun gadii gara oliittimoo yookaanis olii gara gadiitti qeeqa jedhu kaasaa jiru.

Kan ta’e ta’ee ministeerri barnootaa qorumsa ittiin bahiinsaa kennuun eebbifamtoota dorgomaa horachuuf karoorfachuun isaa jajjabeessaa ta’us; gama hawaasa hedduutiin immoo komiiwwan hedduu uumeera. “eebbifamtoota gahoomaa fi dorgomaa” horachuuf dandeessisa yaadni jedhame eebbifamtoota hojiif dorgoman hir’isuuf yaada dhokataa akka of keessaa qabu qaamoleen komatanis ni jiru.

Dhugumatti murteen kun barattoota dorgoman hir’isuuf kan itti yaadame fakkaata kan jedhan yuunivarsiitii Baahir Daaritti barataa waggaa sadaffaa kan ta’an Muhabbaaw Bagoo ti.
Kutaaleen hawaasa Itoophiyaa bal’aan ijoollee isaanii kan barsiisan waggaatti galii yeroo tokko argachuuf utuu hintaane barnoota isaanii xumuranii hojjetaa ta’uudhaan abbaa miindaa ji’aa akka ta’anuuf yaaduudhaani.

Barattoonni eebbifamanu carraan hojii argachuuf qaban garuu yeroo gara yerootti wayita hir’ataa dhufu hubatama. Maarree Itoophiyaanonni kutaalee hawaasaas ta’ee haatii fi abbaan waanjoo hiyyummaa jalaa bahuuf harka isaanii diriirsuun ijoollee isaanii irraa kan eegan carraan hojii argachuu erga akka samiitti irraa fagaatee bubbuleera.

Gara duubaatti deebinee yoo ilaalle; bara bajataa 2014tti wayita marii mootummaatti carraan hojii eebbifamtootaa dhiphachaa jiraachuun ka’uun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti.

Mootummaan kanaan dura karoora isaa bara bajataa 2014 ilaalchisuun marii taasiseen bakkawwan barbaachisaa tokko tokkoon ala bara bajatichaatti qacarrii haaraa hinraawwadhu jechuun isaa kan yaadatamuu dha.

Biyya keenya Itoophiyaatti manneen hojii mootummaa lammiiwwan hojiitti bobbaasuudhaan dhaabbilee qooda olaanaa qabanii dha.

Dhaabbileen mootummaa waggaa waggaatti eebbifamtoota baay’ee qacaruudhaan lammiiwwan hedduu haammatanii qabachuu isaaniitiin yoo beekamanis; baay’ina hoji-dhabdootaa garuu hanga barbaadamuun hir’isuun hindanda’amne.

Abdiin kan itti kenname mootummaan; bara bajataa 2014tti kanaan dura akkuma baratame qacarrii akka hinkeessummeessine ibsuu isaatiin walqabatee gaaffii carraan hoji-dhabdootaa maal haata’u? jedhu kaasaa akka tures Addis Maaledaan wayita sanatti gabaasaa turteetti.

Kan ta’e ta’ee bara 2015tti qorumsi bahiinsa yuunivarsiitii kennamuun isaa fedhii muraasotaa yoo guute malee carraa hojii argachuu eebbifamtoota hedduu kan jaamsu akka ta’u ammumaan yaaddoo uumeera.

Kanuma ilaalchisuun barattoonni yuunivarsiitii dhimmichatti dhiyoo ta’an qorumsi bahiinsaa kennamuuf ta’uun isaa faayidaa yoo qabaates; barattoonni carraan qorumsicha darbuu itti hindandeenye yoo uumame carraan hojii argachuu isaanii laafaa akka ta’u komii kaasaa jiru.

Waa’ee adeemsa barnootaa gara gadii jiruu muraasa
Gara yuunivarsiitiitti utuu hinqajeelin dura adeemsa barnootaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti jiru wayita daawannu barattoota gara kutaa itti aanuutti dabarsuu malee hojmaati gahoomsuu xiyyeeffannaa dhabee mul’ata.

Mootummaan bulchitoota dhaabbilee barnootaa gara gadii jiranuuf qajeelfamni gadi buuse tokko ni jira.
Kunis barattoota gahoomsanii dabarsuu malee kuffisuun akka hindanda’amnee dha. Hojmaanni kun kaayyoon isaa ijoon barattoota barnootaan dadhabina qaban kuffisuu irra barnoota keessa-deebiin kennuun qabxii isaanii akka fooyyeffatan taasisuun gara kutaa itti aanuutti ceesisuu dha.

Murtichi jecha irra darbee hojii irra utuu oolee barattoota gahoomaa fi dorgomaa umurii isaanii kichuu irraa jalqabuun horachuuf kan dandeessisu hojmaata hawwataa ta’uu isaa namoonni hedduun ittiin waliigalu.

Kana hordofee garuu bulchitoonni dhaabbilee barnootaa gara gadiitti argaman barattoota meeqa dabarseen itti gaafatamummaa jalaa bahe jechuu malee; hojmaanni isaanii barattoota meeqan gahoomse jedhu dadhabaa ta’uutu himama. Taateen kun kan hubatamu keessumattuu dhaabbilee barnootaa kutaalee baadiyyaa keessa jiranitti akka ta’e dhaga’ama.

Kana waan ta’eefis; barattoonni barnoota keessa-deebiitiif wayita waamaman carraan dhufaatii isaanii hangas miti. Kanaaf sababni isaa ilaalcha maatiin isaanii barnoota irratti qabanuu fi dhiibbaan hojii isaan irra jiru isa tokko.

Gama biraatiin; afaan barattoota hedduu irraa kan dhaga’amu “enyutu baratee hojii qabate; mana barumsaa kanin dhaquu yeroo dabarsuufi” kan jedhu oduu kaayyoo ajjeessuu fi dhandhama jireenyaa balleessutu irra-deddeebiin dubbatama.

Egaa barattoota baay’ee gara kutaa itti aanuutti dabarsuu hafuun nu qeeqsisa yaaddoo jedhuun dhaabbilee barnootaa gara gadii jiran tokko tokko keessatti barattoonni callisanii gara kutaa itti aanuutti carraan itti darban akka jiru maatiin barattootaa walga’ii maatii barattootaa irratti wayita kaasan ni hubatama.

Gama biraatiin; sababa waraanaatiin barattoonni barnoota hordofuu dadhaban kan biraa wajjin akkamiin dorgomuu danda’u komiin jedhus ka’aa jira.
Keessumattuu sababa waraanichaatiin yuunivarsiitota naannoo Tigiraay keessaa barnoota addaan kutanii kan deebi’anii fi bu’aa ba’ii hedduu booda gara yuunivarsiistota biraatti yoo ramadamanis barnooti isaanii ququnxuramaa akka ture ni beekama.
Kana waan ta’eef; qorumsa ba’iinsaa barattoota kaaniin qixa qoramuun isaanii sirrii akka hintaane komii kaasaa jiru.

Barattoonni kun barnoota isaanii addaan kutuun dhufuu isaanii ministeerri barnootaa wayita sanatti Addigiraatii barattoonni kuma lamaa fi 355; Aksumii kumni lamaa fi 992; Maqalee irraa kumni sadii fi 668; Raayyaa irraa kumni tokkoo fi 149; waliigalaan barattoonni kumni 10 fi 164 hanga Hagayya 6 bara 2013tti karaa yuunivarsiitii Samaraatiin gara Finfinnee akka galan ibsee ture.
Barattoonni as deebi’an kun barnoonni isaanii addaan ciccitaa jiraachuu irra-deddeebiin yoo kaasanis; turtii baay’ee booda gara yuunivarsiitota nageenyi jiruutti raadamaniiru. Kun ta’us garuu ragaan yeroof ittiin eebbifaman kan kennuuf waan dhabaniif kan rakkatan jiraachuu Addis Maaledaadhaan gabaafamee ture.

Eebbifamtootaaf qorumsi akkamiiyyuu yoo kenname; dhaloonni dubbisuu sodaachuu hinqabu; qorumsi kan ittiin of sakatta’anuu dha kan jedhan ogeessi fedhii addaa fi barnoota waloo Dr. Alamaayyoo Takile Maariyami.

Qorumsi ittiin bahiinsaa barattoonni akka of sakatta’an isaan gargaara kan jedhan Alamaayyoon; biyyoota qulqullina barnootaa gaarii galmeessisan gidduudhaa Ameriikaa kaasuun; barattoonni isaanii kan digirii fudhatan waggaa waggaadhaan qorumsa qoramaa yoo kufanis irra-deebiin fudhachaa ti jedhaniiru.

Akka ibsa Alamaayyoo yoo ta’e; waggaa dhufu ni kennama kan jedhame qorumsi bahiinsa yuunivarsiitii dandeettii barattootaa gabbisuun; dhaabbilee barnootaa; barsiisotaa fi maatiitti ulfinaa fi ofitti amantaa carraa gonfachiisu uuma jedhan.

Sirni barnootaa Itoophiyaa kutaa gadiitii jalqabee wal irraa hojjechuudhaan kan burjaaja’ee dha kan jedhan Alamaayyoon; qorumsi ittiin bahiinsaa kennamuun isaa dhaloonni amma jiru akka of sakatta’u; dhaloota dhufuuf immoo of eeggannoon barachuu dandeessisa jedhan.

Kun utuu kanaan jiruu garuu; barsiisonni qorumsa ittiin bahiinsaa kennanuu fi baasanu gahoomaa fi amanamaa ta’uutu irraa eegama jechuun yaada isaanii kennaniiru.
Biyyoonni akka Maaleezyiyaa; Jaappaanii fi Chaayinaa jiranitti barattoonni kan of ittiin sakatta’an qorumsa bahiinsaa fudhataa hangam akka darbanii fi akka kufan ofiin of sakattauuni kan jedhan Alamaayyoon; gochaan kunis barattoonni hanqina isaanii beekuun akka jabaatan gargaara jedhaniiru. Itoophiyaa keessas muuxannoon kun yoo jiraate qulqullinni barnootaa fooyya’aa akka ta’u hinshakkisiisu jechuun waliin dorgomsiisaniiru.

Qorumsi ittiin bahiinsaa sadarkaa yuunivarsiitiitti kennamu gabbachuu dandeettii barattootaatiif carraa gaarii uuma jedhamee yoo yaadames; keessattuu barattoota naannoo waraanaa keessa turan kan biraatiin qixa dorgomsiisuun haqa-qabeessa akka hintaane yaadonni kennamaniiru.

Kana ilaalchisuunis Alamaayyoon barattoota naannoo waraanaa keessa turaniif qorumsicha salphisuun sirrii dha jedhanii; tarii barattoota kanaaf yeroo itti qu’qtan kennuun sirrii dha jedhaniiru.
Barnootaa fi siyaasa

Qulqullina barnootaa Itoophiyaa keessatti gadi-bu’eef sababni ijoon siyaasa barnootaan walqabsiisuu dh kan jedhan Alamaayyoon; hojmaanni kun akka hafuuf dhaabbata barnootaa gara gadii irraa jalqabee hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Hooggantoonni dhaabbilee barnootaa gara gadii irraa eegaluun jiran siyaasaan waan xaxamaniif; barattoota gahoomsanii dabarsuu malee kuffisuun hindanda’amu qajeelfama jedhuun utuu hinga’in dabarsuun dhaloota ajjeesaa jiraachuu kaasaniiru.

Hoogganaa mana barumsaa qaamni olaanaan biraa; hoogganaan mana barumsaa barsiisota karaan ittiin too’atan barattoota meeqa gahoomsitee dabarsite kan jedhu utuu hintaanebarataa meeqa dabarsite kan jedhu waan ta’eef sirni barnootaa siyaasaan biyyoo nyaateera jedhan.

Alamaayyoon walqabsiisuunis; yuunivarsiitii keessatti barattuun hinbarreessinee fi hindubbifne arguu isaanii yaadatanii; uumamuu rakkoo kanaatiif rakkoo ijoon hojmaata gara gadii jiruu dha jechuun yaada isaanii kennaniiru.


አዲስ ማለዳ Ebla 15 2014 No 45

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here