Imaltoonni daandiiwwan dhedheeraa taarifaan ol waan kaffalanuuf balaaleffataa jiru

0
906

Imaltoonni Finfinnee irraa gara godinaaleetti akkasumas magaalaa tokko irraa gara biraatti adeeman taarifaan ol waan kaffalaniif balaaleffataa jiraachuu isaanii Addis Maaledaatti ibsan.
Kanaanis qaamoleen geejjiba kennan yeroo gara yerootti seeraan ala kaffalchiisaa akka jiranuu fi too’ataan waan hinjirreef hawaasa mufachiisaa akka jiru dubbataniiru.

Komattoonni fakkeenyaaf Finfinnee – Fichee gatii taarifaan murtaa’een ala birrii 30 – 50 dabalanii akka kaffalchiisan ibsanii; Gohaa tsiyonii – Dajan deemuufis taarifni seeraan murtaa’e geejjibni uummataa sadarkaa tokkoffaan birrii 31; akkasuma geejjiba sadarkaa lammaffaatiin birrii 28 ta’ee utuu jiruu; konkolaachistoonni garuu birrii 150 yoo ta’e malee akka hinfeenee fi kana gochuu erga jalqabaniis waggaa tokkoo ol ta’uu himaniiru.

Konkolaachistoonni taarifa murtaa’een tajaajiluun akka isaan hinbaasnee fi gatii sanaan akka hinimalchiisne himuun; buufata konkolaataattii wayita bahan naga’ee geejjibaa irratti gatii sirrii barreessuun kan bahan yoo ta’es; imaltoonni karaa irratti poolisiin tiraafiikii yoo isaan gaafate gatii sirrii kaffaluun imaluu isaanii akka himan isaan dirqiqsiisu. Imaltoonni deddeebi’anii yoo gaafatanis qaamni dhaga’u waan hinjirree fi kabachiistota seeraa irrattis amantaa jabaa waan hinqabneef too’attoota tiraafiikaatti himuu hinfilatan jedhan.

Konkolaachistoonni baay’een utuu buufata konkolaataa hinseenin taarifaa ol kaffalchiisuun akka imalchiisan komattoonni ibsaniiru. Baay’ina namoota guyyaa guyyaatti imalanii wajjin wayita ilaalamu konkolaataa gahaan waan hinjirreef imaltoonni filannoo dhabuun kaffaltii seeraan ala gaafataman kaffaluuf akka dirqaman ni kaasu.

Akkasumas Finfinnee – Dabte birhaan taarifni isaa birrii 70 yoo ta’es; imaltoonni kan kaffalan birrii 100 yoo ta’u; Dabre Biraan – Axaayyees akkasuma birrii 15 dabalataan kaffalchiisu jedhameera. Imala gara kibbaatti taasifamuunis qaamoleen geejjibaa taarifaan ala kaffalchiisan jiraachuu beekuun danda’ameera.

Addis Maaledaan Finfinnee irraa gara magaalota naannoleetti akkasumas imalli magaalota naannolee gidduutti taasifaman taarifa isaanii wayita qulqulleeffatte; imaltoonni bakkeewwan hedduutti taarifaa ol akka kaffalanuu fi yeroo ammaa akka gatii idileetti lakkaa’uu isaanii dubbataniiru.

Kana waan ta’eef qaamni mootummaa dhimmichi ilaalu too’annoo taasisuu qaba; abbootii qabeenyaa kan miidhu wayita ta’us yeroo yeroon sirreeffama taarifaa taasisuun ykn taarifa murtaa’e kabajuun akka hojjetanii fi hawaasni yoo hiyyes kan na dhaga’u hinjiru jechuun umurii isaa guutuu komachuu hinqabu jedhaniiru.

Keessumattuu wayita ayyaanaatti dabalanni taarifaa seeraan alaa kan baay’atu yoo ta’u; ummanni baay’ina olaanaa qabus dhabiinsa geejjibaatiin caalaatti gatii hammaataadhaan akka gidirfamu irra-deddeebiidhaan ibsama.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa irratti ministeera geejjibaa irraa deebii kan gaafatte yoo ta’u; gochaan akkasii yoo jiraate imaltoonni of irraa dhowwuu akka qaban; kana irra darbees too’achuuf akka mijatutti toora geejjibaa taarifaan ol kaffalchiisan eeruu kennuun gaarii dha jechuun ibseera.

Ministeera geejjibaatti daarikteerri tajaajila geejjiba daandii Yirgaa Taaddasaa; komiitu jira jedhamee mana hojii isaaniitti akka hindhiyaatin kaasanii; hata’u malee gochaawwan sirrii hintaane akkasii keessumattuu wayita ayyaanaatti jiraachuu akka danda’an dubbataniiru.

Yeroo baay’ee gochaawwan kana fakkaatan kan raawwataman dhiyeessitoonni geejjibaa karaa seeraan alaatiin buufataalee konkolaataatii alatti wayita imalchiisan ta’uu dubbataniiru. Kennitoonni geejjibaa buufata konkolaataatii kan bahan bobbaatii fudhatanii ti kan jedhan daarikteerichi; namoonni wayita komii dhiyeessan eessaa imalan isa jedhu beekuu barbaachisa jedhaniiru.

Hawaasni kennitoota geejjibaa buufataalee konkolaataatii alatti imalchiisanitti wayiya fayyadamu taarifaa ol isa kaffalchiisu; kanaafis hawaasni tumsuu akka hinqabne eeranii; yeroo itti aanutti qaamolee dhimmichi ilaalu waliin ta’uun dhimma irratti hojjennu dha jechuun ibsaniiru.

Geejjiba taarifaan olii hayyamaman ilaalchisee; kun kan ta’u imalli addaa wayita uumamutti yoo ta’u; kunis kan akka dirqama duula raayyaa ittisaa; tibba ayyaanaa fi kan biraa ti. Yeroo kanas konkolaattonni baay’een bahanii wayita deebi’an duwwaa dhufu. Kana waan ta’eef imalli taarifaan alaa kan hayyamamu imala addaa kana fakkaatu qofaadhaan ta’ee; daballiin isaas dhibbeentaa 25; 30; 50 fi hanga dhibbeentaa 60 ti jedhan. Too’annaa cimsuudhaan waliigalaan rakkoowwan damee geejjibaa keessatti mul’atan furuuf itti yaadamaa akka jiru daarikteerichi beeksisaniiru.

Dirqama loltummaatiif bobba’aniiru jechuun; konkolaattonni hinjiran ykn buufata konkolaataa keessa hinseenne jechuun kan jalqabame dursanii tiikeeta kutuu dhiisuun hanga ammaatti akka itti fufe kan dubbatanis ni jiru. Dhibbeentaa jechuudhaanis wayita as deebi’an nama hinargatan jechuunis taarifaa ol akka kaffalchiisan yoo hayyamameefis; duwwaa wayita deebi’an akka hinargine imaltoonni wayita komatan ni dhaga’ama.


አዲስ ማለዳ Ebla 15 2014 No 45

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here