Bulchiinsi looterii biyyaalessaa looterii ergaa gabaabaa jalqabuuf

0
1010

• Itiyoo telekoom wajjin waldhabdeen qooddannaa bu’aa irratti ture furameera

Bulchiinsi looterii biyyaalessaa barri bajataa kun utuu hinxumuramin tajaajila gurgurtaa looterii ergaa gabaabaa akka jalqabu Addis Maaledaatti beeksise.

Bulchiinsi looterii biyyaalessaa bara bajataa 2013tti ergaa gabaabaadhaan (SMS) gurgurtaa looterii raawwachuuf Itiyoo Telekoom wajjin dhimmoota lama irratti jechuunis; ergaa barreeffamaa fi qoodinsa galiitiin kan walqabateen waliigaluu hafuu isaanii hordofee tajaajilicha akka hinjalqabin ibsee; yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa lamaan waliigaluu waan danda’aniif waggaan bajataa kun utuu hinxumuramin tajaajilicha akka jalqabu hoogganaan sab-quunnamtii Tewoodiroos Niwaay Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Bulchiinsichi gurgurtaa looterii haaraa jalqabsiisuuf bu’ura hayyama abbaa taayitaa koomunikeeshiinii Itoophiyaa irraa argateetiin; tajaajila ergaa gabaabaa kan dhiyeessu Itiyoo telekoom wajjin waliigaltee galii qooddachuu irra gahuu isaa hooggantichi Addis Maaledaatti ibsaniiru. Itiyoo telekoomii fi bulchiinsicha gidduu kan ture waliigaluu hafuun dhiyeessiin ‘siisteemaa’ fi qoodiinsa bu’aa furamuu kan himan hooggantichi; waliigalteen qooddannaa galii dhaabbilee lamaaniin akka mallatteeffamu dubbataniiru. Waliigalteen qooddannaa galii Itiyoo telekoom wajjin taasifame hangi isaa meeqa akka ta’e ibsuu irraa garuu of qusataniiru.

Bulchiinsichi tajaajila gurgurtaa looterii ergaa gabaabaa jalqabsiisuuf hojii kan jalqabe bara 2011 dura yoo ta’u; bulchiinsichi Itiyoo telekoom wajjin sababa qooddannaa gaheetiin adeemsicha itti fufuu akka hindanda’in Addis Maaledaan kanaan dura gabaasuun ishee kan yaadatamuu dha. Yeroo sanatti waliigaltee irra kan hinga’amin Itiyoo telekoom galii argamu irraa dhibbeentaan afurtamni anaaf ta’a gaaffii jedhu waan kaaseef ture.

Tajaajilli gurgurtaa looterii ergaa gabaabaa kun wayita jalqabu gosa looterii idilee torba jechuunis Inquxaaxashii, Gannaa, Tinsaa’ee, Liyyuu iddilii, Zihonii fi lootoriin Tomboolaa hojii irra kan oolan yoo ta’u; looteriiwwan duugaman garuu gurgurticha keessatti akka hinhaammatamnee fi raabsaa fi tajaajilli looterii idilee ykn waraqaa akka addaan hincinne hooggantichi dubbataniiru.

Bulchiinsichi tajaajilli gurgurtaa looterii ergaa gabaabaa kan jalqabamu waraqaadhaan maxxanfamee naannessitoota looteriitiin kan gurguramuun cinatti kan raawwatamu ta’uu ibsee; bulchiinsi looterii biyyaalessaa hanga bara 2022tti tajaajila looterii tekinooloojiidhaan deeggarame dhiyeessuun gahumsa gurgurtaa isaa bal’isuuf karoora akka qabu hooggantichi eeraniiru. Bu’ura kanaanis tajaajilota gurgurtaa looterii tekinooloojiidhaan deeggaraman dhiyeessuun qaqqabamummaa isaa akka bal’isuu dha walqabsiisuun kan ibsan.

Hooggantichi itti dabaluunis bulchiinsichi tajaajila kanaan olitti ibsame wayita jalqabu naannessitoonni looterii faayidaan kanaan dura argatanu akka eegametti ta’ee; isaaniin ilaalchisee kallattiin dabalataa teessifamee akka hinjirre dubbataniiru. Gurgurtaan looterii ergaa gabaabaa fi ‘online’ gurgurtaa looterii waraqaatiin cinatti kan adeemsifamu yoo ta’u; looteroonni yeroo ammaatti gabaa irra oolaa jiran maxxansa irraa jalqabee dadhabina olaanaa kan qabanii fi maamiloota naannolee Itoophiyaa adda addaa bira hanga gahanutti barfachuun kan irraa mul’atuu dha. Kanaan kan ka’es bara bajataa kanatti tajaajila ergaa gabaabaa jalqabuuf bulchiinsi looterii biyyaalessaa dirqamuu isaa ibsaniiru.

Gurgurtaan looterii ergaa gabaabaa kun wayita jalqabamu tajaajilicha si’ataa taasisuu irra; baasii kan qusatuu fi maamiltoota kan bashannansiisu tajaajila kutannaa looterii ammayyawaa ta’a jedhameera. Looteriin biyyaalessaa hayyama tajaajila gurgurtaa looterii ergaa gabaabaa kan argate dame bashannanaatiin ta’uun ibsameera.

Bulchiinsichi ji’oota saddeettan bara 2014tti gosoota looterii sagal gabaaf dhiyeessuu fi koomishiinii tapha carraa irraa galii birrii miliyoona 600 fi miliyoona 87 ol walitti qabuu isaa Addis Maaledaan maxxansa ishee turban darbeetiin gabaasuun ishee kan yaadatamuu dha.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 24 2014 No 41

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here