Ji’oota saddeettan bara bajataa kanatti oomisha foonii fi aannanii gabaa biyya alaatiif dhiyaate irraa galiin birrii biliyoona 3.9 ol argachuu danda’uu instiitiyuutiin misooma induustirii foonii fi aannanii Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.
Kanaanis oomisha toonii kuma 16 fi 65 ol gabaa alaatti erguudhaan doolaara miliyoona 78.2 ykn birrii biliyoona 3.9 argachuun kan danda’ame yoo ta’u; galichi kan bara darbe yeroo walfakkaataatiin wayita wal biratti ilaalamu caalmaa doolaara miliyoona 29 akka qabu eerame.
Instiitiyuutii misooma induustirii foonii fi aannanii Itoophiyaatti daarikteerri koomunikeeshiinii Dabalee Lammaa garaagarummaan galii kun kan dhufuu danda’e sababoota adda addaatiin ta’uu ibsanii; sababoonni tilmaamaan keenye waan jiranuuf qoratamaa jiru jedhan.
Irra caalaatti garuu walitti bu’iinsi naannolee daangaa irra jiru daldalli kontiroobaandii akka kanaan duraatti akka hinsochoone taasiseera kan jedhan yoo ta’u; beeladni qalmaa baay’een kan dhufan naannolee gammoojjii jechuunis Sumaalee, Booranaa fi Baalee irraa ta’uu fi hongeen naannolee kanatti uumame qonnaan bulaan beeladoota qabu gara gabaatti gurgurachuuf baasuuf dirqamuu isaatiin rakkoon dhiyeessii galtee akka hinjiraanne taasisuu kaasaniiru.
Galii olaanaan foon hoolaa fi re’ee toonii kuma 11 fi 716 erguudhaan kan argame doolaara miliyoona 66.78 yoo ta’u; ga’umsi foon hoolaa fi re’ee Dubaayii fi Saa’udii Arabiyaa ta’uun ibsameera. Akka ibsa daarikteerichaatti foon re’ee fi hoolaa dhibbeentaan 95 gara biyyoota lamaaniitti ergama.
Waggaa kana ji’a Gurraandhalaa qofatti galiin doolaara miliyoona 9.25 kan argame yoo ta’u; kan bara darbe yeroo walfakkaataa wajjin wayita madaalamu doolaara miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkoon akka caalu beekuun danda’ameera. Ji’a itti aanuttis sooma Ramadaanaatiin walqabatee ajejani addaa jiraachuu ni danda’a kan jedhan daarikteerichi Dabalee Lammaa; galiin doolaarri miliyoona 12 han miliyoona 15 ji’a Bitootessaatii hanga xumura ji’a Ebilaatti yeroo jiru ji’a tokko keessatti argamuu akka danda’u eeraniiru.
Ta’us garuu qonnaan bulaan beelada qabu gara caalu gabaatti waan baaseef buufataaleen qalmaa dhiyeessii galteetiin rakkachuu ni danda’u jechuun yaaddoo qaban kaa’aniiru.
Aannan liitira kuma 500 fi kuma 13 ol erguunis naannoo doolaara kuma 100 fi kuma 50 kan argame yoo ta’u; yeroo tokko foon harree toonii 168 erguun doolaarri kuma 100 fi kumni sagaltamni yoo argames; sababa dhaabbatichi keessoo isaatti hanqina maallaqaa qabuun erguu dhiisee akka turee fi amma garuu erguudhaaf qophaa’aa jiraachuu daarikteerichi itti dabalaan ibsaniiru.
Dammis akkasuma gara caalu gara Awurooppaa fi Ameriikaatti erguudhaan doolaarri kumni 200 fi kumnidigdamni kan argame yoo ta’u; bara darbe yeroo walfakkaatutti kan argame doolaara miliyoona 30 wajjin wayita walcinatti ilaalamu caalmaa olaanaa hanga doolaara kuma 100 fi kuma 90 akka qabu ibsame.
Bara 2014 ji’oota saddeet keessatti waliigalaan doolaarri miliyoona 78.2 foon hoolaa fi re’ee, foon harree, aannan, horii maalaa, haftee qalmaa, gaga, oomisha qurxummii fi lukkuu erguudhaan kan argame ta’uun eerameera.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 24 2014 No 41


