Bara bajataa kana ji’oota sagal darbanitti gogaa’ fi bu’aawwan gogaa irraa galiin doolaarri miliyoona 52.5 argamuu giddugalli qorannoo fi misooma induustirii gogaa fi bu’aawwan gogaa Addis Maaledaatti beeksise.
Adoolessa 1 bara 2013 hanga Bitootessa 30 bara 2014tti ji’oota sagal jiranitti gogaa fi bu’aawwan gogaa adda addaa gabaa alaatti dhiyeessuudhaan galii doolaara miliyoona 61 ol argachuuf kan karoorfamee ture yoo ta’u; argachuun kan danda’ame doolaara miliyoona 52.5 ta’uu giddugala qorannoo fi misooma induustirii gogaa fi bu’aawwan gogaatti dursaan garee sab-quunnamtii Biruk Xilaahun Addis Maaledaatti beeksisaniiru.
Dursaan garichaa itti dabaluunis bara bajatichaatti ji’oota sagalitti galii doolaara miliyoona 61 ol argachuuf yoo karoorfames; galii kanaan olitti ibsame argachuun akka danda’ame Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Waraana Itoophiyaa-kaabaa keessa ture hordofee qoqqobbaa mootummaan Ameriikaa toora daldala biliisaa Afriikaa ykn AGOA Itoophiyaa irratti taasiseen kophee fi oomishaalee gogaa tokko tokko hanga eegamu gara Ameriikaatti erguun waan hindanda’amneef milkaa’uu hafuu karoorichaatiif akka sababaatti kan eeramu ta’uu dursaan garichaa Biruk eeraniiru.
Bara 2014 keessa ji’oota sagalitti gabaa alaatti erguudhaan argachuuf kan karoorfame wayita ibsan; gogaa fi bu’aawwan gogaa irraa galii doolaara kuma 51 argachuuf karoorfamee doolaara kuma 27 fi 291 argachuun danda’ameera jedhameera. Omisha gogaa muraasni isaa xumuramee fi guutummaadhaan xumurame irraa immoo galii doolaara kuma 33 fi 977 argachuuf yoo karoorfames; doolaarri kuma 400 fi kumni 11 argameera.
Dabalataan oomishaalee kophee irraa galii doolaara kuma 9 fi 104 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u; doolaarri kumni lamaa fi 738 argameera; akkasumas agaagduu harkaa irraa doolaara kuma sadii argachuuf karoorfamee; doolaara kuma lamaa fi 280 argachuun akka danda’ame dursaan garichaa dubbataniiru.
Bara darbe yeroo walfakkaatutti gogaa fi bu’aalee gogaa irraa galii doolaara kuma 26 fi 164; bu’aawwan gogaa muraasni isaa kan xumuramee fi guutummaadhaan xumurame irraa galiin doolaarri kuma 16 fi 719 argameera. Dabalataan oomishaalee kophee irraa galii doolaara kuma sadii fi 449 akkasumas haguugduu harkaa irraa doolaarri kumni lamaa fi 398 argamuun isaa ni yaadatama.
Ji’oota sagal keessatti galii ni argama jedhamee gadi yoo ta’es; kan yeroo walfakkaataa bara darbee wajjin wayita wal cinatti madaalamu doolaara kuma 10 oliin akka caaluu fi leenjiin oomishtummaa guddisu kennamuu danda’uu isaatiin; baankota; koomishiinii gumurukaa fi dhaabbilee dhimmicha keessaa qooda qaban wajjin hojiin cimaan qindoominaan hojjetamuu danda’uun isaa jijjiirama galmaa’ef akka eeraman dursaan garee kun ibsaniiru.
Dabalataan hojiiwwan ijaarsa dandeettii damichaan raawwatamanii fi warshaaleen baay’een gara hojiitti seenuun isaanii guddina galii argameetiif shoora gumaachuun isaanii eerameera.
Giddugaleessichi nuusa jalqabaa bara 2014tti gogaa fi bu’aawwan gogaa gara gabaa alaatti dhiyaate irraa galii doolaara miliyoona 10.3 argachuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u; kunis kan argachuuf karoorfate keessaa dhibbeentaa 78 ture.
Bara 2013 as gogaan adeemsi isaanii hinxumuramin gabaa alaatti akka dhiyaatan hayyamamuu isaa hordofee bu’aawwan gogaa Itoophiyaan gabaa alaatiif dhiyeessitu sadarkaa afuritti kan qoodaman ta’uun isaanii ni beekama.
አዲስ ማለዳ Abriil 29 2014 No 47



