Waajjirri qindeessaa hidha haaromsaa guddichaa hanqina bajataa hammaataa akka qabu beeksise

0
1047

Aajjirri qindeessaa hidha haaromsaa guddichaa hanqina bajataa hammaataa akka qabu Addis Maaledaatti ibse. Daarikteerri daayirektoreetii sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii waajjirichaa Hayiluu Abrahaam; waajjirichi humna namaa xiqqaadhaan hojiiwwan baay’ee akka hojjetu ibsanii; amma garuu hanqina bajataa jiruun hojiiwwan hedduu hojjechuun rakkisaa ta’uu dubbataniiru.

Hanga yoonaatti bajati isaa olaanaan (bajata bara kanaa dabalatee) birrii miliyoona 22 ta’uu eeranii; kana keessaa gara birrii miliyoona 14 kan ta’u miindaa fi dhimmoota adda addaatiif akka bahuu fi kunis dhaabbatichi; akkaataa hojiiwwan baay’ee hojjetuutiin hanqina bajataa hammaataa akka qabu mul’isaniiru.

Wayita hundaa’ettis bajati isaa birrii miliyoona shan akka ture kan eeran daarikteerichi; “wayita bajata gaafannu bajati hinjiru qindeessaa hojjedhaa jedhamna” jechuun dubbataniiru.

“Bajata kanaan piroojeektota uummata biraa dhufanis dabalatee raawwachuu hindandeenyu; hojii bal’aa hojjechuunis ni rakkisa” erga jedhanii booda; kanaan kan ka’e caalaatti hojjechuun akka hindanda’amnee fi piroojeektonni gurguddaanis hafaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoo olaanaan waajjirichaa hidha haaromsaatiif galii walitti qabuu qofa miti kan jedhan daarikteerichi; ummanni deeggarsa haamilee akka kennu; miirri abbummaa akka itti dhaga’amu; hidhichi nageenyaaf shoora akka qabaatuuf hojjechuu irraa jalqabee hidhichi wayita xumuramu balfaan akka hinguutamneef hojiin eegumsa naannoos ni hojjetama jechuun ibsan. Kanaafis bajati gahaan jiraachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hanqina bajataa hammaataa jiruun walqabatee yeroo yeroodhaan hojjeta baay’een akka gadhiisu eeraniiru. Hanqina bajatichaatiin mindaan hojjettootaa gadaanaa ta’uu hordofees; daarikteeronnii fi hojjettoonni baay’een dhaabbaticha gadhiisanii deemaniiru jedhaniiru.

“Yeroo sanatti miindaan hojjettootaa kan dhaabbata gumurukaa wajjin walqixa ture; kun garuu yaada hooggantoota wayita sanaatiin malee qorannoodhaan kan hojjetame waan hintaaneef sadarkaan miindaa amma jiru kan gumurukaa wajjin wayita ilaalamu adeemsa hojii wlfakkaatu irratti garaagarummaa birrii kuma 10 gadi hintaane qaba jechuun hubachiisan.

“Hojjettoonni waggaa waggaadhaan kontiraata mallatteessaa waan hojjetaniif akka dhaabbilee biraa carraa barnootaa fi faayidaa adda addaa argachuu hindanda’an; gaaffiin hojjetaa dhaabbataa ta’uu wayita ka’us isin hojjettoota kontiraataa ti deebii jedhutu kennama” jedhan.

Waajjirichi gaaffii dhiyeessuu erga jalqabee akka ture kaasanii; gaaffiiwwan yeroo yeroodhaan qaamolee dhimmi ilaaluuf ni ergamu; hata’u malee hordofee kan raawwachiisu waan hinjirreef hanga ammaatti utuu murteen itti hinkennamin tureera jedhan.

Seerri kontiraataa hojii irra jiru waan hinfooyya’iniifis hojjettootaaf kaffaltiin hojii yeroo dabalataa akka hinkennamne; wabii hojii waan hinqabneefis carraan isaanii gara fuula-duraa akka isaan yaaddessu; guddin mindaa argachuun akka hindanda’amnee fi hojjettoonni tasgabbaa’anii hojjechuuf rakkachuun isaanii ibsameera. Kanaanis waajjiraaleen damee hojjetaa tokko qofaa qaban jiraachuun eerameera.

“Haalli biyyattiin keessa jirtu ni beekama; ta’us garuu itti gaafatamummaa biyyaalessaa waajjirichi qabu waliin ilaalamuun rakkoowwan yoo sirratan waajjirichi caalaatti ni hojjeta; haamilee hojjetootaatiifis gaarii dha; jechuun daarikteerichi itti dabalaniiru.

Deeggarsa olaanaa ummanni Itoophiyaa hidha haaromsaatiif qabu toora qabachiisuu fi haala sirriidhaan qindeessuuf dhaabbata giddugaleessaa fi itti gaafatamummaa qabu hundeessuun waan barbaachiseef; waajjirri qindeessaa hidha haaromsa guddichaa waajjira dhimmoota koomunikeeshiinii mootummaa wayita sana tureen piroojeektii ootummaa yeroo ta’uun labsiidhaan akka hundaa’e ibsameera.

Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiif hanga ji’a Bitootessaa bara 2014tti birriin biliyoona 16.5 ol deeggarsaan wlitti qabamuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ Abriil 29 2014 No 47

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here