Bosonni paarkii biyyaalessaa gaarawwan kaabaa hektaarri digdamni mancaafamuun ibsame

0
1406

Godina Gondar kaabaatti kan argamu paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan kaabaa bosonni isaa hektaarri digdamni manca’uu hoogganaan paarkichaa Addis Maaledaatti beeksisan.

Hoogganaan paarkichaa Ababaaw Azaanaawu; yaaddoowwan gurguddaan paarkichaa dheedicha gadhiisii olaanaa, gara paarkichaatti dhiyaachuudhaan ijaarsa seeraan alaa fi qonnaan seeraan alaa babal’achuu akka ta’an eeranii; bosona mancaasuunis akkasuma paarkicha balaatti kan saaxile ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis aanaalee paarkicha daangessan keessaa tokko kan ta’e gama aanaa Adarqaayiin ciramuun bosonaa haala olaanaadhaan jiraachuu ibsan. Kanaanis bosonni hektaara 20tti dhiyaatu manca’uu isaa eeran. Kanaan kan ka’es namoonni 20 ta’an shakkamanii qoratamaa akka jiran himan.

Keessumattuu aanaalee paarkicha daangessan keessaa aanaan Xellamti hanga tokkoo fi aanaan Adarqaay hangi tokko to’annaa garee gooltummaa TPLF jala waan jiraniif; caasaan mootummaa jiru tasgabbaa’ee hojii bulchiinsaa hojjechuu dadhabuu isaatiin qaamolee paarkicha miidhan qabuu fi seeratti dhiyeessuun akka hindanda’amin kaasaniiru.

Gama aanaa Dabaarqiinis akkasuma hammaataa ta’uu baaatus sochii beeladaa jechuudhaan paarkicha irra miidhaan gahaa jira jedhaniiru.

Paarkichaa fi lafa qonnaan bultootaa giddu bakka jiru karaa seeraan alaatiin weeraruun; ijaarsa manaa seeraan alaa fi hojii qonnaatiif oolchuudhaan paarkicha daangaa malee hambisuuf; boodas beeladoonni hawaasaa paarkicha keessa seenuun akka dheedan taasifamaa jira jedhan.

Godinichi haala keessa jiruun kan ka’e hooggansi dhiibbaa paarkicha irra gahu hir’isuuf akka duraanii xiyyeeffannaa kennuun hojjechuu hafuun isaa paarkicha irra miidhaan akkagahu taasiseera jechuun dubbataniiru.

Paarkiin biyyaalessaa gaarawwan kaabaa galmee hambaa uumamaa adunyaa irratti galmaa’ee jiru; kanaan dura galmee balaa keessa seenee tattaaffii hedduudhaan akka haqame yaadachiisanii; miidhaan amma keessa jirus irra-deebiin galmee balaa keessa akka seenu dhiibbaa taasisuu danda’uu dha jedhaniiru. Paarkichi rakkoon irra gahaa jiru waraanichaan walqabatee kan dhufe ta’uus hubachiisaniiru.

Dhiibbaa paarkicha irra ga’u hir’isuufis koree mariisisaa paarkichaa gandaa hanga naannootti jiruu wajjin karoorri bahee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Yaa’a tuurizimii ilaalchisuun hooggantichi wayita ibsan; duraan uumamuu Koroonaa; boodas waraanichi gara paarkichaatti siqee waan tureef sochiin tuurizimii guutummaan dhaabbatee ture; amma garuu keessumattuu ji’a Bitootessaatii asitti sochii muraasni ni jira; ta’us gahanii deebi’uu dha malee akka duraanii turtii yeroo dheeraatiif dawataan dhufu hinjiru jedhan.

Sochiin uurizimii dhaabbachuu isaatiinis; qaamoleen jireenya isaanii kanaan walitti hidhatan hedduun rakkoo hammaataa keessatti kufanii jiru jedhaniiru. Kanaanis waldaaleen daawachiistotaa, kan nyaata bilcheessanuu fi dunkaana dhaabaa turan, milishoonni eeganu, akkasumas waldaaleen Ikoo-tuurizimii rakkoo keessa jiru jechuun himan.

Paarkiin biyyaalessaa gaarawwan kaabaa naannoo Amaaraa, godina Gondar kaabaatti kan argamu yoo ta’u; Itoophiyaa keessatti tulluu dheerticha Daashin akkasumas Itoophiyaa qofa keessatti kan argaman bineensota qaalii akka Waaliyaa fi sardiidni diimtuun kan itti argamanu ta’uun isaa ni beekama.


አዲስ ማለዳ Abriil 29 2014 No 47

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here