Turizimii Magaalaa Laalibalaa miidhame

0
1358

Kaabaa biyyattii Finfinneerraa fageenya 600km ol irratti kan argamtu magaalaaLaalibalaattiakka kanaan duraa konkolaattonni turistii  wayitagalanii fi bahan yookaan turistoonni wayita olii fi gadi socho’an hin mul’atu.

Magaalaan Laalibalaa magaalaa hambaaleen ishee galmee hambaalee addunyaa irratti galmaa’an kanaan dura turistoonni biyya keessaafi alaa hedduun daawwatan magaalaa hambaalee hedduu qabdu hin fakkaattu.

Sanarrayyuu,magaalaanbu’aa bahiinitti heddumaatu kun daandii isheerra konkolaattonni abbaa miila sadii darbee darbee wayita fiigan,akkasumas jiraattonni ishee asii fi achii yeroo socho’an arguurra kan darbeyeroo ammaa sochiin ho’aa ta’e magaalaa Turizimiiishee jechisiisu hin jiru.

Keesumaa erga tajaajillihumna ibsaa dhabdee ji’oota lakkoofsisuun ishee ammoo  rakkinicha hammeesseera jedhu jiraattonni magaalatti.

Magaalattitti xiqqoo aduun dhinaan darbee darbee sagaleen jenereetaraa ni dhahama.Ta’us magaalaattiin osoo sa’aatii hedduu hin turiin dukkana cillimiidhaanliqinfamti.

Kun ammoosochii Jiraattota magaalattii guyyaa guyyaa akka malee miidhuu jiraattoonni magaalatti ibsaniiru.

Keesumaa humnni ibsa dhabamuu sababeeffachuun rakkoon bishaanii magaalatti cimaa akka ta’u gochuusdubbataniiru.

Magaalaan Laalibalaa bakka argama manneen amantaa ajaa’ibsiisoota ta’uun isheen,jireenyi Jiraattota magaalattii kallattinis ta’e al-kallattiin hambaalee kana waliin kan Wal qabatu ta’u himama.

Sochii Turizimii  magaalatti.

Akka biyyattiTurizimiin Itoophiyaa akka malee kan miidhame sababa weerara vaayresii kooronaatiin ta’uun irra deddeebiin ibsameera.

Ta’us, kanarratti dabalata waraanni Kaabaa keesumaa sochii Turizimii Magaalaa Laalibalaairratti qormaata guddaa fidee dhufuuisaa jiraattoonni magaalatti Addis Maaledaan dubbise irratti walii galu.

Jiraattonni magaalatti,kana yommuu ibsanis weerara vaayresii koronaa dura turistoonni hedduun wayita dhufaa turanitti kanneen kophee qulqulleessanii fi gaarii oofan,kanneen meeshaalee xixiqqaa lapheerrattibaatanii olii fi gadi socho’uun daldalanii jalqabee hanga abbootiiqabeenyaatti bu’uurri isaanii kana ture.Amma hedduun keenya hojii dhabdoota taanee,rakkachaa jira jedhu.

Galiin turistii biyya keessaa irraa argamu,Hawaasaaf hangas mara ta’uubaatus,keesumaa,mootummaa fi daawwachiiftotaaf garuu laayyoo hin ture jedhu.

Yeroo ammaa waldaaleendaawwachiiftotaarakkoo keessa galan 200 gadi hin taane,jiraachuu eeruun turistoonni biyya alaa karoora imala isaaniikan baafatanii fi yeroo turtii isaanii kan beeksisan,osoo gara Itoophiyaa hin dhufiin dura waan ta’eef naannawichi waraana keessa turuu Isaa,ammas sodaa irraa kan bilisa hin taane ta’uu fi tajaajilaaleen bu’uuraa barbaachisoo ta’an bifa gahaa ta’een jiraachuu dhabuu isaaniitiin karoora dhufaatii isaanii akka dhiisan taasisuudha kan himan.

Mana amanticha keessatti tajaajilaa kanta’an,Daaqon Mulaat Laaqew turistoota biyya alaatiin gidduu galeessaan hanga birrii 1000 naaf kanfalamee guyyatti turistoota daawwachiisaa turerra jedhanii,ta’us yeroo ammatorbanitti turistii biyya alaa tokkoyyuu daawwachiisuu hin danda’udha kan jedhan.

Weerara koronaa dura,guyyaatti turistoonni biyya alaa3000 ta’an dhufaa  akka turan ibsanii,wayita ammaa garuu,torbanitti turistiin biyya alaa lamaa ol akka hin dhufne himaniiru.

Kanarraa kan ka’e moloksee,luboota fi hojjettootni biroo hojiilee garagaraa hojjetan 900 ta’an rakkoo guddaa keessa jiraachuu isaanii kaasaniiru.

Kun ammoo jireenya Lubootaa fi hojjettootaa maatii gaggeessaniimiidhaaf saaxileera,kan jedhan Mulaat turistoonni yoo dhufanis humni ibsaa dhibuu isaatiin guyyaa tokko ol akka turan isaan hin taasisu jedhaniiru.

Tamsaasni humna ibsaa Alaamaaxaa ta’uu fi bakkichi ammoo to’annoo garee adda bilisa baasaa uummataa Tigiraay(TPLF)jala ta’uun abdii ibsaa argachuu keenya fagoo taasiseeradha kan jedhan.

Waggoota sadan darban Vaayresii koronaa fi waraanichi akka malee kan miidhe sochii turizimii magaalatti,gara fuulduraa sababa weerara koronaan dhorkaawwanimalaa,addunyaarraa ka’amanii turanyoo ka’an akkasumas bakkichi sodaa yeroo ammaa irra deebiin ka’uu waraanaa irraa bilisa yoo bahe tariisochiin turizimii dadammaquu danda’a abdii jedhu qabateera.

Jiraattonni magaalatti Addis Maaledaan dubbise,tajaajilli humna ibsaa fi bishaanii magaalatti gara bakka duraaniitti deebi’uun sochii turizimii ol kaasuu keessatti gahee guddaa qabachuus  ibsaniiru.

Jiraattonni kunneen dabalataan hoteelonni hedduun yeroo gareen adda bilisa baasaa uummataa Tigiraay (TPLF)magaalatti weeraree turetti saamichii fi barbadaa’uun irra gahee turuu kaasanii,Mootummaan hoteelota kana deebisee ijaaruuf hojjechuu akka qabuu fi magaalaattiin Turizimiin ala filannoo jireenyaa biraa waan hin qabneef misoomawwan bu’uuraa kanneen akka daandii diriirsuu irraa jalqabee kan danda’u hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Haalaamma jiruunhoteelonni sadarkaa isaanii eeggatan 40 olii fidaawwachiiftonni seera qabeessa ta’an 200 ol sochiin turizimii dadhabaa dhufuu isaatiin wal qabatee,hojiin ala ta’aniiru,jedhameera.

Namoonni 206 Gaangee kireessanii fi hojjettootni turistiif deeggarsa Kennan akkasuma miidhaakanaaf saaxilamoo ta’uun isaanii ibsameera.

Sochiin turistii bifa kamiin dadammaquu danda’a?

Magaalattitti hawaasni rakkinichaaf hin saaxilamne hin jiru kan jedhame yoo ta’u,Addibilisa baasaa Uummataa Tigiraay(TPLF)ji’,oota shaniif wayita magaalatti to’atee turekeessatti qabeenyi mootummaa fi abbootiiqabeenyaa saamamuun isaan deebisanii bayyannachiisuuf rakkisaa ta’ee jiraachuunis ibsameera

Hogganaan waajjira Aadaa fi turizimiifi kaantiibaa itti aanaan bulchiinsa magaalaa Laalibalaa Daaqon Addisee Damissee ibsa Addis Maaledaaf kennaniin,bu’uurri dinagdeemagaalatti turizimii ta’uu isaa eeraniiru.Ta’us jalqaba weerarakoronaan achiin boodas waraanichaan yaa’insituristii guutummaa guutuutti dhaabatee jechuun ni danda’amaadha kan jedhan.

Kanaanis hoteelonni,kanneen turistiif deeggarsa taasisan,kanneen Gaangee kireessan akkasumas luboonni kallattiin kan miidhaman yoo ta’u,qaamoleen deeggartootaa kanneen biroo fi hawaasni magaalatti walii galaan miidhaniiru jechuun ibsaniiru.

Magaalaan Laalibalaa wayita ammaa dinagdeen burkutoofteetti kan hoggantichi magaalaattin ji’ootaaf dukkana keessa jiraachuun ishees yaa’insi turistii akka qabanaa’uuf gahee qaba jedhaniiru.

“Rakkoo ibsaa yeroodhaaf salphisuuf jenereetroonni lama dhufanii turan.Ta’us,ji’atti boba’aaf birrii miiliyoona shaniikan baasisan ta’uu isaaniitiin guyyaa 20 illee osoo  hin tajaajiliinakka dhaabbataan taasifameera” jechuun dubbataniiru.

Bishaaniis akkasuma bakka gadi bu’aa irraa kan dhufu ta’uu isaatiin deeggarsa birrii miiliyoona afur dhaabbilee deeggartootaa irraa argameen hanga ammaatti ji’oota afuriif dhihaachaa turuu kaasaniiru.Kunis xumumuramuuf baatiin tokko qofa kan hafe ta’uu isaatiin itti fufee maaltu akka ta’u hin beeknu jedhaniiru.

Ji’a tokko dura sagantaa galii walittiqabu Finfinneetti,keesumaa,Moloksee fi lubootaGaadamicha keessa jiran deeggaruuf,jechuun gaggeeffame ilaalchisee,hanga yaadame rakkicha kan  furuu akka hin taanee fidhaabbileen gurguddoonis hangas mara akka hin hirmaanne ibsaniiru.

Yaa’insi turistii addaan cituu irraa kan ka’e,hoteeloonni yeroo cufamanis hojjettonni hoteelootaa guutummaa guutuutti hojii gaggeeffamuu isaanis  eerameera.

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee naannoo fi Federaalaa dhimmi isaan ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu kaasanii,keesumaa gaaffii ibsaa dhiheessineef qaamni deebii dhimmi ibsaa Laalibalaa guyyaa kana furamajedhu nuuf kenne hin jirudha kan jedhan.

Yaa’insa turistii gara duraan turetti deebisuufis ministeera turizimii fi qaamolee deeggartootaa biroo waliin tumsaan hojjettota turistiif leenjiin xiinsammuu kennameera,jedhaniiru.

Dadammaqina yaa’insa Turizimiif yoo xiqqaate hoteelonni ibsaa argachuu qabu kan jedhan hoggantichi rakkoon ibsaa yoo furame rakkooleen isaawal qabatanis isa waliin furamuu akka danda’anidha kan kaasan.

Dabalataanis Kan Ameerikaan dabalatee,Ambaasaddaroonni biyyoota garagaraafi daayrektaroonni dhaabbata barnoota,saayinsii fi Aadaa(UNESCO)

gara bakkichaatti afeeruun lammiileen isaanii gara Laalibalaa dhufanii akka daawwatan hojii dadammaqsuu akka hojjetan hubannoo kennineeras jedhaniiru.

Waa’ee Hambichaa keessaa waan muraasa.

Hambaaleen kunneen hanga ammattis balaa babaqaquu fi dulloomuuf saaxilamanii akka jirantu mul’ata;jiraattoonnis isuma ibsu.Keesumaa gaadisni gamoo balaa irraa eega jedhamee waggaa shaniifakka tajaajiluufhojjetamee ture,waggaa 15 ol turuu isaatiin rakkoo irratti uumeeradha kan jedhame.

Hambichi hanga ta’e aduu fi rooba argachuu kan qabu ta’us,yeroo amma kana gaadisni gamoo balaa kun hambichiisa kana akka hin arganne kan godhu ta’uu isaatiin ariitiin jijjiiramu akka qabu ibsameera.

Piroojektiindeeggarsa mootummaa Firaansiin hojjetamu yeroo dhihootti hojiitti gala jedhamee eegamu,guyyaa guyyaa banamuun hambichi aduu fi rooba akka argatu kan dandeessisu,ulfaatinniIsaas salphaa ta’ee kan hojjetamu ta’uu isaatiin rakkoo kana ni fura jedhameakka eegamutajaajiltonni gadaamicha ibsaniiru.

Hogganaan waajjira Aadaa fiturizimii magaalatti gama isaaniitiin marii ogeessota dhaabbata barnoota,saayinsii fi Aadaa waliin taasifameen qadada ittisaa balaaHambichaa irraa kaasuuf walii galteerra gahameera jedhaniiru.

Itti dabaluunis qadadichi yeroo ka’u garuu,akkaataa itti utubaawwan isaa hojjetamanii fi bu’uurri isaa eessaatti urachuuakka qabuu,dabalataan  karaadhangala’aan bishaanii itti dhabamsiifamu akkam ta’uu akka qabu irratti gaaffiin dhihaachuufis dubbataniiru.

Adeemsi isaas ariitiin kan raawwatamu osoo hin taaneqorannoo saayinsaawaa kan barbaachisu ta’uus kaasanii,ogeessonni kunneen qorannoo sakatta’insa dhiibbaa naannawaa erga xumuranii boodas,yeroo dhihootti akka kaasan beeksaniirudha kan jedhan.

Addis Maaledaan ibsa dabalataa argachuuf biirooTurizimii naannoo Amaaraa fi ministeera Turizimii irra deddeebiin bilbila bilbiluus osoo hin milkaa’inhafeera.

Jaarraa 13ffaa keessa tokko irraa kan ijaaraman kan himamuufi manneen Amantaa Laalibalaa kudha tokkonuu bara 1970 akka hambaaaddunyaatti galmaa’uun isaanii ni beekama.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 20 2014 No 50

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here