Magaalaa Finfinnee keessatti bakkeewwan 26 namoonni irra deddeebiin balaa tiraafikaaf saaxilamanii fi walitti bu’insi konkolaataa heddumaatu adda bahuun hojiin fooyya’insa hojjetamuu akka ta’e ejensiin manaajimentii Finfinnee Addis Maaledaatti himeera.
Magaalaa Finfinneetti waggaa waggaan namoota 100 ol ta’an rakkoo balaa tiraafikaa mudatuun akka du’an,miidhaa cimaa fi salphaaf saaxilamaa jiraachuu fi walitti bu’insa konkolaataan qabeenyi miiliyoonaan lakka’aman ni barbadaa’u.
bakkeewwan 26 irra deddeebiin balaa tiraafikaaf saaxilamoo ta’an daandii Wal qunnamsiiftuu Boolee madihaanaalemii,daandii Wal qunnamsiiftuu Qirqoos daandii Wal qunnamsiiftuu imbasii Naayjeeriyaa, kanneen ol aantummaan eeraman yoo ta’u,bakkeewwan kanneenitti torbee lama booda hojiin fooyyessuu kan hojjetamuu ta’u,daayrektarri sabqunnantii ejensii manaajimentii tiraafikaa Finfinnee Biraanuu Kumaa eeraniiru.
Itti dabaluunis GarjiiMabiraataayilii,Imbasii Israa’el,Paarkii Shoolaa,22 Toomaak Soofii,SII Em SII Safaarii,Semeen maazegaajjaa,Inqulaal Faabirikaa,Askoo Bucuqqoo Faabirikaa,buufata konkolaataa Askoo,Sabaatenyaa,Kondominiyemii Lidetaa,naashinaal Motor,Adda babahii Saaris,Qaraaniyoo tokkoo fi lama,Gofaa mabiraataayilii fi marfamni kanneen eeramaniidha
Cehumsa Adda babahii Magganaanyaa,Meeksikoo fi naannawaa birootti argaman Balichaa kan saaxilaman yoo ta’u,Balichaa hir’isuuf hojiin fooyyessuu akka hojjetamu ibsameera.
Hojiin fooyyessuu Kun dhimmoota hedduu kan of keessatti hammatu yoo ta’u,yaa’insa tiraafikaa fooyyessuurra kan darbe nageenya lafoo deemtootaas kan mirkaneessu yoo ta’u,Qaama miidhamtootaafis mijaataa ta’ee hojjetamaa jedhameera
Bakkeewwan adda bahan irratti adda babahiiwwan bal’isuu fi dhiphisuu,bakkeewwan daandii Wal qunnamsiiftuu irratti ibsaa tiraafikaa hin qabne irratti dhabuu fi kanneen hojiin ala ta’an tajaajilaa akka kennaniif hojii suphaa hojjechuu ,akkasumas bakkeewwan uummanni itti koruu fi bu’utti barjaaleen ni dhaabbatu jedhameera
Dabalataanis bakkeewwan adda addaatti, cehumsa lafoo deemtotaa mijaatoo hin taanetti daandii zebraa fooyyessuufi Qaama miidhamtootaaf mijataa akka ta’an hojiin taasisuu akka i hojjetamu hoggantichi ibsaniiru
Ejensiin manaajimentii tiraafikaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee,balaa tiraafikaa magaalattitti mudatan hir’isuuf calaqqeewwan agartuu halkanii dabalan dhaabaa jiraachuun himaniiru
Balaawwan magaalattitti mudatan irra caalaan isaanii halkan ta’uun ibsameera.Balaawwan kana hir’isuuf calaqqeewwan dhabamaa jiran magaalaa keenyatti daandiiwwan balaan tiraafikaa irra deddeebiin itti mudatan,Wal qunnamsiiftuu fi daandiiwwan golboo irratti yoo ta’u,Kunis halkan agartuu konkolaachiftootaa dabaluun balaa kanneen hir’isaniidha.
Calaqqeewwan dhabamaa jiran daandii Adda babahii Kaalmarkii hanga Tsabala lidataa fi lidataa hanga Meeksikoo,laga harii hanga Istaadiyeemii daandii baaburaa salphaa irrattidha jedhameera.
Ejensichi gara fuulduraatti bakkeewwan biroottis qorannoo irratti hundaa’uun fooyya’insa kanneen biroo dabaluun yaa’insa tiraafikaa mijataa taasisuud akka hojjetus eerameera.
Ejensiin manaajimentii tiraafikaa Finfinnee dhiphina tiraafikaa yeroo yerootti magaalattitti mudatu furuuf filannoowwan biroo mijeessuun hojjechaa jiraachuunis eerameera.
አዲስ ማለዳ Caamsaa 20 2014 No 50



