Bulchaan magaalaa Haroo hidhamaniiru jedhame

0
700
  • “Jiraattonni Shanee wajjin akka waraana walitti fudhatan gorsiteetta” jedhamuun hidhamuu isaanii jiraattonni himaniiru.

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Kiiramuutti bulchaan magaalaa Haroo; jiraattonni naannoo sanaa ABO Shanee wajjin akka waraana walitti fudhatanuuf gorsiteetta jedhamuun hidhamuu isaanii jiraattonni Addis Maaledaatti beeksisaniiru.

Bakka adda addaatti hubaatii garee ABO Shaneetiin raawwatamu too’achuu fi nageenya naannichatti diriirsuuf yaadamee Fulbaana 20 bara 2014 bulcha magaalaa Haroo ta’uun kan muudaman Fiqaaduu Waldee; rakkoo nageenyaa naannoo sanatii uumame sirreessuuf tattaafataa akka turan jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Bulchichi magaalattii itti gaafatamummaadhaan tajaajilaa akka turan kan eeran jiraattonni; Caamsaa 24 bara 2014 “jiraattota naannoo sanaa yeroo yeroon walitti qabuu fi mariisisuun ABO Shanee wajjin akka waraana walitti kaasan gorsiteetta” jedhamanii qaamolee nageenyaa mootummaatiin qabamanii hidhamaniiru jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Jiraattonni itti dabaluunis; bulchaan magaalattii qaamolee nageenyaa mootummaatiin qabamanii hidhamuu isaanii malee bakka itti hidhamanii fi eessa akka jiran hinbeeknu kan jedhan yoo ta’u; Addis Maaledaan hanga odeeffannoo kna qindeessitetti odeeffannoon dhaga’ame akka hinjirre dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa-bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Haroo fi bakka biraa gareen ABO Shanee kan jiru waan ta’ee fi bakkaa bakkatti socho’uun yeroo yerootti qaaxxeen kan raawwatamu yoo ta’u; bulchichi qaamolee nageenyaatiin yeroo hidhamanii jalqabee magaalaa Haroo fi gandoota ittiin wal daangessanitti yaaddoon nageenyaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

Bulchichi yeroo magaalattii hoogganaa turan ji’oota sagal darbanitti; magaalattii fi naannoo sanatti hubaatiin ABO Shaneedhaan raawwatamaa ture guutummaadhaan ta’uu baatus; adeemsi too’achuun itti danda’ame akka ture eerameera.

Jiraattonni itti dabaluunis; gareen ABO Shanee naannoo sana socho’u uummata akka hinhubneef bulchaan magaalattii hawaasni qindoominaan ofii isaa fi maatii isaa akka eegu gama taasisuutiin jajjabeessaa turan jedhaniiru.

Dabalataanis bulchichi kutaalee hawaasaa magaalattii yeroo sanatti walga’ii waamuudhaan mariin taasisaa turan naannoo sana yaaddoo nageenyaa irraa ittisuuf yoo ta’u; bulchichaan dabalatatti jiraattoonni magaalattii kan biraa 28 ABO Shanee wajjin walitti dhukaastaniittu jechuun himatamuun isaanii ibsameera.

Aanichatti yeroo sana miidhaatu nurra gaha jechuun lammiiwwan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an ammas akka jiranuu fi aanichatti hanga odeeffannoon kun qindaa’etti namoonni kuma 45 ol buufataalee qubannaa adda addaatti argamu jedhameera.

Humni addaa naannoo Oromiyaa, poolisiin federaalaa fi raayyaan ittisa biyyaa haala nageenyaa naannoo sanaa amanamaa taasisuuf bakka adda addaatti bobba’uun too’annaa taasisaa yoo jiratanis; bakkichi garee ABO Shanee irraa akka hinqulqullaa’in jiraattonni eeraniiru.

Naannoo sanatti gareen ABO Shanee irra-deddeebiin hubaatii qaqqabsiisuu isaa irra darbee lammiiwwan achi jiraatan enyummaa bu’ureeffachuun namoonni ajjeefamaa jiraachuu jiraattonni himaa akka turan hindagatamu.

Addis Maaledaan waa’ee hidhamuu bulchichaa gaafachuuf koomunikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa fi koomishiinii poolisii naannichaatiif yaaliin taasiste hinmilkoofne.

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here