Gatiin gommaa doozeerii birrii kuma 80 irraa gara kuma 100 fi kuma 50tti ol dabale

0
730

Gatiin gommaan konkolaataa doozeerii ji’oota sadii keessatti birrii kuma 80 irraa gara kuma 100 fi kuma 50tti ol ka’uu isaa konkolaachistoonni looderii Addis Maaledaatti ibsan.

Gommaa konkolaataa looderii tokko kanaan dura birrii kuma 80n bitaa akka turan kan yaadatan Taaddasaa Asaffaa; ji’oota lama dura gara raabsaatti wayita qajeelan gatiin isaa birrii kuma 80 irraa gara kuma 95tti dabalee akka argan Addis Maaledaatti himaniiru.

“Galiin hojjennee argannuu fi gatiin gommaa wal hinsimu” kan jedhan konkolaachisichi; qaala’insa jireenyaa kanaan dura tureen al tokkotti dabalata birrii kuma 15 taasisuun; haala jireenya keenyaa gaaga’ee ture jechuun yaadataniiru. Dabalichi kanaan hindhaabbanne kan jedhan konkolaachisichi; gatiin isaa birrii kuma 85 irraa gara kuma 100tti dabaluu eeranii; kana irras darbuun tibbana immoo gara birrii kuma 100 fi kuma 50tti qaala’uun dabalata birrii kuma 55 agarsiiseera jedhan.

Gara raabsaa adeemuun “maaliif hanga kana dabale? Jechuun yoo gaafannu “dhimma yeroo ti” deebii jedhu nuuf kennu kan jedhan Taaddasaan; qaala’uun gatii hojii isaanii gufachiisaa akka jiru kaasaniiru.

Dabalati gatii gommaa galii argatanuu wajjin waan wal hinsimneef konkolaachistoonni baay’een hojicha dhaabuuf akka dirqaman Taaddasaan ibsaniiru. Isaanis gama isaaniitiin gatiin boba’aa fi gommaa waan isaan nuffisiiseef konkolaataa isaanii akka gurguran dubbataniiru.

“Gaaga’amni hojii uumame salphaa miti; kanaaf galii hojjennee arganne gommaa qofaaf baasnee akkamitti jiraanna?” jedhu namni komii dhiyeessan kun.

Konkolaachisaan Xigaabuu Sisaay jedhaman gommaa konkolaataa gireederii 17.5/25 ta’e waggaa tokko dura birrii kuma 38 hanga kuma 40tiin bitaa akka turan ibsanii; yeroo ammaa birrii kuma 85 hanga kuma 90tiin bitaa jirra jedhaniiru. Waggaa tokko dura birrii kuma 65n bitaa kan turan gommaa loodeeriis; tibbana birrii kuma 100 fi kuma 20n akka bitan ibsaniiru.

Dabalataanis gommaan Ayisuuzuu (ISUZU) birrii kuma 18 hanga kuma 20tiin bitamaa ture birrii kuma 42 olitti gurguramaa jiraachuu eeraniiru.

Kanaan dura birrii kuma kuma lamaa fi 500tti gurguramaa kan ture gara birrii kuma jahaatti; gommaan miinii-baasii birrii kuma sadiitti gurguramaa ture immoo hanga birrii kuma saddeetiitti gurguramaa jiraachuu himaniiru.

Namoota komicha dhiyeessan keessaa Xigaabuu Sisaay rakkinichi kan uumame gabaan biliisa waan ta’eef daldaltoota kan too’atu waan hinjirreef akka ta’e kaasanii; mootummaan itti xiyyeeffachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Dabalataanis; hangi isaa 8/25 kan ta’e gommaa xixiqqaan konkolaachistootaa ba’aa ofiin ofi irraa garagalchanii birrii kuma 16; 9/25 kan ta’e birrii kuma 23; gommaan 10/20 ta’e immoo birrii kuma 25 ta’uu mirkaneessuun danda’ameera. Akkasumas gommaan konkolaataa Siinoo Tiraakii 12/20 ta’e birrii kuma 43 hanga birrii kuma 45tti gurguramaa akka jiru hubachuun danda’ameera.

Addis Maaledaan giddugaloota gurgurtaa magaalota Finfinnee fi Dassee jiran gatiin gommaa meeqa akka ta’e haala qulqulleeffatteen; gatiidhuma namoonni komii dhiyeessan jedhanitti gurguramaa jira.


Caamsaa 27 2014 No 51

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here