Buqqaatonni 600 ol ji’oottaniif deeggarsi akka hintaasifaminiif ibsan

0
982
  • Mana tokko keessaa miseensonni maatii sadii ajjeefamaniiru.

Godina Shawaa kibba lixaatti aanaalee adda addaa keessaa qaaxxee hidhattootaatiin namoonni buqqifaman 600 ta’an deeggarsa argachuu akka hindandeenye Addis Maaledaatti ibsan.

Maqaan isaanii akka ibsamu kan hinbarbaanne jiraataan aanaa Gooroo ganda Sinaamoo akka himanitti; jiraattonni aanichaa bakka adda addaa jiraatan akka buqqa’anii fi gargaarsa argachuu akka hindandeenye ibsanii; sababa hubaatichi itti fufeef baay’inni buqqaatotaa 600 ol gahuu isaa ibsaniiru.

Gareen hidhataa naannichaa aanaalee godina Shawaa kibba lixaa adda addaa keessatti hubaatii isaa babal’isaa dhufuun kan himame yoo ta’u; tibbana qaaxxee enyummaa irratti xiyyeeffachuun raawwateen jiraattonni manaa fi qabeenya isaanii kennanii yoo godaananis gargaarsi waan hinjirreef “akkuma jiraattota Wallaggaa rakkinicha hunachuuf dirqamneerra” jechuun dubbataniiru.

Maddi Addis Maaledaa kan biraa; buqqaatonni baay’een gara nagaan jirutti adeemuun mana firaatti dahachuu isaanii kaasanii; manaa fi qabeenyi isaanii akka barbadaa’ee fi akka saamame ibsaniiru. Bakkichattis qaamni mootummaa qaaxxicha qolachuu danda’u (hidhataan) hinjiru kan jedhan godaantichi; daa’imman; haadholiin; maanguddoota dabalatee rakkoo nyaataa, kan dahoo fi uffataa akka qaban ibsaniiru.

Ji’oottaniif gargaarsa argachuu akka hindandeenyee fi gareen hidhatee jiru hubaatii qaqqabsiisuu akka hindhaabin kan eeran maddi Addis Maaledaa; torban lama dura mana tokko keessatti namoonni sadii ajjeefamuu isaanii himaniiru. Maqaa namoota du’anii sirriitti hinbeeku; haadha, abbaa fi haadha manaa akka ta’an garuu sirriitti dhugaa bahaniiru.

Godina Shawaa lixaa aanaa Noonnoo ganda Caandootti Muddee 22 bara 2014 dhalattoonni Amaaraa digdamni; aanaa Daannoo ganda Adileetti Amajjii 23 bara 2014 dhalattoonni Oromoo 13 garee hidhattootaatiin ajjeefamuun isaanii ibsameera.

Gama biraatiin; namoota bakka hubaatiin itti qaqqabe sana jiranuu fi jalaa bahuu hindandeenyeen “gareen hidhate sun manaa mana seenuun meeshaa fidaa jechuun doorsisaa qabeenyaa isaanii saamaa jira” jedhameera.

Hubaatichi akka dhaabbatuuf mootummaa fi qaamni dhimmichi ilaalu tarkaanfii bu’uraa waan hinfudhatiniif ammas ajjeechaa fi godaansi hammaateera kan jedhan jiraattonni naannichaa; lubbuun waan caaluuf qabeenya keenya kenninee baqanneerra garuu ijoollee keenya maal ha nyaachifnu? Akkas kan ta’us hanga yoomiitti? Jedhaniiru.

Naannoo Wallaggaatti waggoottan sadan darban namoota nagaa baay’ee ajjeeseera; miidhaa qaamaa salphaa fi hamaatti saaxileera; godaansiseera; beeladootaa fi meeshaalee adda addaa saameera; manaa fi qabeenya barbadeesseera; maasiin akka agabuu bulu taasiseera kan jedhame gareen gooltummaa fi hidhataa ABO Shanee; qaaxee isaa enyummaa irratti hundaa’e godinaalee Wallaggaa garaa garaa irraa gara godina Shawaa kibba lixaatti babal’ifachuu isaa odeeffannoo madda amanamaa irraa argame irraa beekuun danda’ameera.

Hubaatii Shaneen aggaamu qofaan lammiiwwan kuma shanii ol buqqa’uu isaanii ibsi dhiyeenya kana karaa biiroo komunikeeshiinii naannichaatiin kenname mul’iseera.

Addis Maaledaan gaaffii buqqaatotaa qabattee deebii argachuuf hoogganaa biiroo koomunikeeshii naannoo Oromiyaa Hayiluu Adunyaa yoo gaafattes deebii kennuuf utuu hayyamamoo hinta’in hafaniiru. Yaalichi kan hinmilkaa’in bilbila cufanii ergaan akka barreeffamu erga gaafatanii boodaa fi bu’uruma gaafataniin ergichi yoo ergames irra deebiin wayita bilbilamu kaasuuf hayyamamoo waan hinta’iniifi.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 4 2014 No 52

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here