መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooFaddaalummaa fi kiraa manaa Seensa

Faddaalummaa fi kiraa manaa Seensa

Namoonni adunyaa kana irra wayita jiraatan dhimmoota adeemsa seeraa gaafatan adda addaa raawwatu. Fakkeenyaaf muraasa yoo eerre mana ni kireeffatu; ni kireessu; gaa’ila ni raawwatu; qabeenya ni bitu ni gurguru; akkasumas gochaawwan akka hojjetaa/tuu qacaruu fi kan kana fakkaatu ni raawwatu.

Itoophiyaanonni sochii jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti waliigaltee adda addaa ni raawwatu. Qabeenya wayita bitanuu fi mana daldalaaf ykn jireenyaaf wayita kireefftan waliigaltee barreeffamaatti kan fayyadan akkuma jiran qaamoleen waliigaltee hinfayyadamnes akka jiran hinhaalamu.

Namoonni fedha isaanii bu’uuraa guuttachuuf gochaawwan raawwatan keessaa bakka jireenyaa barbaacha bu’aa-ba’iin taasisan keessumattuu wayita ammaa jireenyi qaala’etti bal’inaan kan mul’atuu dha. Yeroo ammaatti qaala’insi jireenyaa Itoophiyaa keessatti yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu isaa hordofee rakkoo hammaataan tokko mana jireenyaa gatii wal gituun argachuu dha.

Keessumattuu hawaasni meeshaalee bu’uraa guyyaa guyyaan itti fayyadamu; meeshaalee ijaarsaa fi kan biraa irratti qaala’insi gatii mul’ataa jiru yeroo dhiyoo as jireenya lammiiwwanii daraan qoruu irratti argama.

Mootummaan qaala’insa gatii fi gaaga’ama jireenyaa isa hordofee dhufeef akka sababaatti kan dhiyeessu dhimmoota biyyaalessaa fi kan sadarkaa adunyaatti argamanii dha. Weerara Kooviid 19; qaala’insa galteewwan dheedhii; kutaalee Itoophiyaa adda addaatti tasgabbii dhabuu nageenyaa; akkasumas waraanni Raashaa fi Yuukireen qaala’insa gatiitiif akka sababaatti kan eeramanii dha.

Kun jedhamus garuu jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee qaala’insa jireenyaatiin cinatti kan qore kiraan manaa dhimma yaaddessaa isa ijoo ta’uun isaa hinhaalamu.

Qaala’insa jireenyaa qabata godhachuun kireessitoonni manaa yeroo yeroon gatii kiraa manaa irratti dabaluun dabalatatti haalli isaan erga kireessanii booda yeroo torban tokko hinguunne keessattu haalli itti gadhiisisan akka jiru ni dhaga’ama. Mana gadhiisisuu fi gatii dabaluun sababa haala yerootiin mootummaadhaan yoo dhorkames; qajeelfama hangasitti bu’aa buuse akka hintaane kan dubbatan ni jiru.

Abbabach Alamuu kan mana kireessitu ta’uu dubbatti. Jiraattuun magaalaa Finfinnee Abbabach akka ibsitutti; ji’a jaha dura mana kireeffamu kutaa tokko akka qabduu fi hanga birrii 2500tti akka kireeffamuuf faddaalatti himuu ishee ni yaadatti.

Garuu gama faddaalaatiin mana ishee birrii kuma sadiitti akka kireessuu fi maallaqa koomishiiniif kaffaltu birrii 250tti dabalataan birrii 500 akka kaffaltuuf gaafachuu isaa eerteetti. Abbabach yaada faddaala irraa dhiyaateefitti waliigaltee kan gaafatamtes kaffaltee manni ishee akka kireeffameef yaadatteetti.

Hojmaanni fi walitti dhufeenyi akkanaa faddaaltonni magaalaa Finfinnee kireessitootaaf dhiyeessan bal’inaan baratamaa fi raawwatamaa jira jetteetti.

Dabalataanis; faddaaltonni faayidaa dabalataa ykn koomishiinii argachuuf “mana kee gatii fooyya’aatti siif kireessina; nama itti kireessiteen kiraa manaa dabali jedhiin yoo hinfudhanne ari’i yeroon ittiin jedhan jiraachuus ni yaadatti. Yeroo sanatti yaada dhiyaatetti yoo walii hingalles yaadichatti kan walii galanuu fi kireeffattoota kan gidirsanii fi rakkisanu kireessitoonni tokko tokko jiraachuun beekamuu qaba jetteetti.

Abbabach hojjettuu manaas karaa faddaalaatiin qacarattee akka turte ni yaadatti. Karaa faddaalaatiin hojjettuu manaa argachuu akka dandeessee eeruun; ji’a ji’aan birrii kuma lama kaffaluuf karaa isaaniitiin waliigaluu ishee dubbatti. Gahee ishee birrii 200 akkasuma hojjettuttiinis miindaa ishee ji’a jalqabaa irraa kan kutamu dabalataan birrii 200; waliigalaan birrii 400 faddaalaaf kaffaltii koomishiinii raawwachuun akka waliigalanii fi hojjettuttiinis mana qacaramtetti hojii jalqabuu ishee dubbatteetti.

Hojjettuun manaa sun turtii ishee guyyoota afuriitti hojii mana keessaa ishee irraa eegamu jechuunis nyaata qopheessuu, huccuu miiccuu fi hojiiwwan biraa utuu hinhir’isin raawwachuu danda’uu ishee fi itti gaafatamummaa ishee akka bahatte Abbabach dubbatteetti.

Hojjettuun manaa sun turtii ishee guyyoota afurii booda miindaa yeroo turtii ishee akka hinbarbaanne erga ibsitee booda; gaafa guyyaa shanaffaa obboleettii ishee dhukkubni akka mudatee fi maatiin ishee bilbilaan akka itti himan ibsuudhaan baatee deemuu ishee Abbabach ibsiteetti.

Haalli kana fakkaatu yeroo lammaffaaf akka ishee mudate kan kaaste Abbabach; mudannoon kana fakkaatu karaa hojjettoota biraatiin hollootaa fi michuuwwan ishees irra deddeebiin mudatee argeera jetteetti.

Kanaaf immoo guutummaadhaan ta’uu yoo baates; hojjettoonni mana keessaa tokko tokko hariiroo faddaaltotaa wajjin qaban cimsuu fi icita uummachuun akkasumas kaffaltii koomishiinii walii qooduudhaan mana itti qacaraman tokkoo bahuudhaan tooftaa mana biraatti ittiin qacaraman mijeessuun akka ta’e dubbatteetti.

- ይከተሉን -Social Media

Jiraataan magaalaa Finfinnee mana akka kireessu dubbatu kan biraa Kiflee Mollaa ti. Kifleen akka ibsutti waggaa lama dura irraa jalqabee mana isaa karaa faddaalaatiin akka kireessee fi faddaalaaf kaffaltii koomishiinii idilee gama lamaaniin dhibbeentaa 20 argamsiisaafii akka ture hima.

Gama faddaalaatiin gaaffiin dhufe yoo hinjirres gama kireeffataatiin garuu wanti hindagatamne na mudateera kan jedhu Kifleen; turtii kiraa waggaa lamaa booda namni mana itti kireesse manichi kan ofii isaa akka ta’ee fi himachuu akka danda’u beeksisee gatii kiraa kaffaluu akka addaan kute himeera. Manni itti kireesse moora of danda’e yoo qabaates; waggaa lama keessatti yeroo lamaaf gatii kiraa dabaluu isaa eereera.

Kanaan ala garuu faddaala irratti hundaa’uun kiraa manaa dabaluu fi mana akka gadhiisanuuf gaaffii dhiyeessee akka hinbeekne dubbata. Itti dabaluunis; kireeffataa himachuu jalqabee wayita dhimmi isaanii gaaddisa seeraa jala turetti odeeffannoo kaartaa manaa aanaa bira ture gama kireeffataatiin akka ta’e kan ibsu ture.

Garuu; manichi kan ofii isaa ta’uu kan ibsuu fi waliigaltee kireessaa fi kireeffataa kan ittiin raawwate akkasumas dabalataan biiroo galiiwwanii kutaa magaalaa Booleetti ragaa gibira manaa kireessaa fi kireeffataa ittiin kaffale dhiyeessuu danda’uu isaatiin manni kireessee ture akka deebi’eef ibseera.

Magaalaa Finfinneetti kireessaa fi kireeffataa wal quunnamsiisuun akka jiraatu kan himu Habtaamuu Abarraa ti.

Habtaamuun akka jedhutti wayita manneen gurguddaaf kireessaa fi kireeffataa walitti fidnu namni kireeffatu gatii kiraa ji’oota sadii dursee kan kaffalu yoo ta’e hanga ji’oota ja’a itti aananuutti gatiin kiraa akka hindabalamnee fi fedhii ofii isaatiin yoo ta’e malee gadhiisuuf akka hindirqabmne dubbata.

Kanaaf immoo kireessaa fi kireeffataan wayita wal argan kana yoo diiganiif waliigaltee seeraan isaan gaafachiisu akka mallatteessanuu fi garagalcha isaa bulchiinsa gandaatti galchuu irra darbee gama aanaatiin gibira kireessaa fi kireeffataa of danda’e akka kaffalu ibsa.

Hbataamuun ittuma dabaluudhaan; kireessaa fi kireeffataan waliigalticha erga mallatteessanii booda qaamolee lamaan irraa kaffaltii koomishiinii dhibbeentaa 20 fudhacuun alatti sharriin biraa hinjiru jechuun dubbata.

- ይከተሉን -Social Media

Waliigaleen kireessaa fi kireeffataa erga xumuramee booda garuu gama kireessaatiin adeemsi gatiin kiraa itti dabalamu akka jiruu fi haalli gadhiisuuf itti dirqamu jiraachuu kan kaase Habtaamuun; yeroo sanatti garuu manicha kireessuuf bifa haaraadhaan yeroo hojii itti jalqaban ta’uu hindhoksine.

Dabalataan manneen xixiqqaa kireessuuf kireessaa fi kireeffataa wayita walitti fidan muraasa yoo ta’an malee waliigalteen akka hinbaratamin Habtaamuun ibseera.

Yeroo kanatti kireessaa fi kireeffataa walitti fiduun gama lamaaniin kaffaltii koomishiinii fudhachuu irra darbee waliigaltee akka hinmallatteessisnee fi gidduus akka hinseenne dubbateera.

Tarii jedha Habtaamuun; kireeffataan kireeffatee erga gatii kiraa ji’a jalqabaa kaffalee booda keessummoonni bay’een yeroo yeroon kan itti dhufan yoo ta’e gama kireessitootaatiin gatii kiraa dabalataa akka kaffalu dirqisiifamuun alatti wayita kireeffatetti rakkoo nageenyaa kan uumu yoo ta’e waliigalteen mallatteessan yoo hinjirre akka gadhiisuuf ni dirqama jedheera.

Kanaan ala garuu faayidaa argachuuf yaaduun kireeffattootas ta’ee kireessitootaa wajjin icitii uumuun wanti raawwannu siruma hinjiru jedheera.

Kan biraa maqaan isaa akka ibsamu kan hinbarbaannee fi magaalaa Finfinnee keessa hojii faddaalummaatiin akka jiraatu namni ibse akka jedhetti yoo ta’e immoo; manneen gurguddaa irratti waliigalteen of danda’e akka jiruu fi yaada Habtaamuun kaasee wajjin akka wal fakkaatu eere.

Itti dabaluunis; gaaffiin waliigaltee kireessaa fi kireeffataatiin ala ta’e yoo ka’e namni gaaffii sirrii hintaanetu ka’e jedhee amanu gara seeraatti adeemuu akka danda’uu fi bu’uura waliigaltee isaaniitiin falmee seeraan moo’achuun akka danda’amu ibseera.

Dabalataanis manneen xixiqqaa irratti yeroo yeroon kireessaa fi kireeffataa walitti fiduun kaffaltii koomishiinii fudhachuu irra ce’uun hariiroo akka hinqabaanne himeera.

- ይከተሉን -Social Media

Kireessaa fi kireeffataan waliigaltee idilee yoo hinqabaanne waliin dubbatanii yaada isaanii furachuuf adeemsi ittiin danda’an yoo hinjirree fi gama kireessitootaatiin manichi akka kireeffamuuf gaaffiin yoo dhufe garuu kireessaan walitti fiduu irraa gara duubaatti hindeebinu jedheera.

Waa’ee dhimma akanaatiif yaada isaanii kan gaafanne ogeessi seeraa Xigaabuu Dassaaleny; ejentummaa koomishiiniitiin gurgurtaa lafaa fi qabeenyaatiif bitattaa fi gurgurataa gama walitti fiduutiin faddaaltoonni hayyama seeraa qaban akkuma jiran namoonni utuu hayyama hinqabaanne bittaa fi gurgurtaa qabeenyaa ni raawwachiifne; hojjettoota mana keessaa fi qacartoota walitti fidna; akkasumas kireessitootaa fi kireeffattoota manaa wal quunnamsiisna jechuun hojjetan jiraachuu kaasaniiru.

Ogeessichi itti dabaluunis; gama faddaalotaatiin hojiin faddaalummaa kireessitootaa fi kireeffattoota manaa walitti fidna jechuun hojjetamu yeroo ammaa magaalattiitti qaala’uu gatii manaa fi jireenyaatiif dhiibbaa olaanaa hordofsiiseera jedhaniiru.

Faddaaltonni tokko tokko kireessitoota manaa wajjin hariiroo faayidaa irratti hundaa’e uumuun haala seera irratti hinbu’ureeffanneen kireeffataan tokko erga mana kireeffatee booda kiraan manaa akka itti dabalamu himuu irra darbanii rakkoo nageenyaatiin wal qabsiisuu fi saba taasifachuun kireeffattoonni akka gadhiisan adeemsi itti taasisan jiraachuu himaniiru.

Walitti dhufeenya faddaaltonnii fi kireessitoonni manaa tokko tokko uumanuun dhiibbaa kireeffattoota irraan gahuun cinatti dhiibbaa dinagdee olaanaa waan uumuuf qaala’insa jireenyaas akka hammeessu ogeessichi ni ibsu.

Gochaawwan akkasitti seera cabsan irratti mootummaan xiyyeeffannaadhaan hojjechuu akka qabuu fi faddaaltota seera cabsan hordofuun eeruu hawaasa biraa isa qaqqabu irratti hundaa’uun tarkaanfii fudhachuu qaba jedhaniiru.

Ogeessichi itti dabaluunis; hariiroon kireessaa fi kireeffataa seeraan kan deeggarame, waliigaltee cimaan hojii irra akka ooluuf mootummaan gama aanaa fi gandaatiin akka hojjetamu gochuu qaba jedhaniiru.

Dabalataan; gama koree Qaxanaadhaan mootummaan naannoo naannootti hundeesseetiin kireessaan tokko wayita mana isaa kireessu ragaa waliigaltee isaa gandatti akka galchu too’achuu irra darbee; faddaalota fayifaa hinmalle walitti qabuu fi dinagdee irratti dhiibbaa uuman seeraan gaafachiisuu akka barbaachisu ibsaniiru.

Gama biraatiin; labsii hojjetaa fi hojjechiisaa lakkoofsa 1156/2001n hojjettoonni idilee ykn qacaramtoonni damee dinagdee dhuunfaa keessa ta’uun labsii hojjetaa fi hojjechiisaatiin kan bulan yoo ta’u; qacarriin kan idilee fi kan yeroo jedhamuudhaan bakka lamatti akka qoodamu dubbataniiru.

Seerri kun; kan waliigaltee cimaa qabanuuf kan fayyadu yoo ta’u; hojjettoota mana keessaa gama ilaaluun garuu seerri of danda’e hinbaaneef jedhaniiru.

Hojjettoonni mana keessaa karaa faddaalaatiin mana nama dhuunfaatti carraan itti qacaramanu akka jiruu fi hojjettoonni qacartootaa wajjin waliigaluu dhabuunis ta’ee fedha ofii isaaniitiin torban tokkotti ykn isaa gaditti haalli gadhiisanii itti bahan akka jiru tajjabeera kan jedhan ogeessichi; kun immoo irra-deddeebiidhaan akka hubatamu ibsaniiru.

Hojjettoonni mana keessaa namoota isaan qacaranuun dhiibbaan hojii fi hacuuccaan waan itti uumamuuf gadhiisuuf dirqamuu isaanii akka sababaatti kan kaasan yoo ta’u; gama qaamolee qacartootaatiinis akkasuma sababa malee hojjettoota akka gadhiisanuu fi irra-deddeebiin hojjettoota haaraa qacaruuf gara faddaalaatti deddeebi’uuf dirqamuu isaanii akka dhaga’anu ogeessichi ibsaniiru.

Qaamolee qacaranu; hojjettoota mana keessaatiinis ta’ee gama faddaaltotaatiin gaaffiiwwan ka’anuu fi qaawwaa mul’atuuf rakkoo guddaan seerri of danda’e dhabamuu akka ta’e ogeessi seeraa kun cimsanii kaasan.

Dabalataan hojmaanni seera-maleessi faddaaltonni uumanu rakkinichaaf ka’umsa akka ta’es ni eerama jedhaniiru.

Kanaaf immoo faddaaltonni hojjettuun mana keessaa tokko mana nama dhuunfaa tokko akka qacaramtu erga taasisanii fi koomishiinii erga fudhatanii booda hojjettuttii wajjin dubbachuun yeroo torbsn tokko hinguunnetti mana sanaa baasuun birrii 50 hanga 100 dabalchiisuun namoota biraatiif haalli itti qacarsiisan akka jiru ogeessi seeraa kun ibsaniiru.

Kanaan alatti labsii hojjetaa fi hojjechiisaa lakkoofsa 1156/2001 keewwata 55 jalatti hojjetaa dhaabbata kamiinuu keessatti dhaabbiidhaan ykn yeroodhaaf qacaramee hojjetuuf hanga miindaa isa xiqqaa kan kaasu yoo ta’u; hacuuccaa humna hojjetootaatiin walqabatee gaaffii ka’un walqabatee hanga miindaa haqabaatu jedhamee seeraan tumamee hojjetamaa jira jedhameera.

Hojjettoota hojjettummaa mana keessaatiin qacaraman ilaalchisee hangi miindaa of danda’e dhabamuun isaa gaaffiiwwan dabalataan ka’anuuf sababa akka ta’uu fi hariiroon hawaasummaa gaariin akkasumas hariiroo hojii gaarii waan laafaa jiraachuu ogeessichi eeraniiru.

Ogeessi seeraa kun ittuma dabalunis; seerri of danda’e yoo hinjiraanne illee gama aanaa fi gandootaatiin qacartootaa fi hojjettoota mana keessaa qacaramanuuf adeemsi waliigaltee itti mallatteessan utuu jiraatee rakkinicha hir’isuuf ni dandeessisa jedhaniiru.

Wal-qabsiisuunis; hangi miindaa of danda’e qaamolee mootummaa gandaa fi aanaa jiranuun utuu bahee gaarii ta’uus eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 4 2014 No 52

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች