Weerarri raammoo geerii naannolee torbatti lafa qonnaa fi dheedichaa heektara Kuma 100 fi Kuma 11 irratti mudachuu ministeerri qonnaa Addis Maaledaatti himeera.
Ministeera qonnaatti daayrektarri eegumsa biqiltuu Balaaynaah Nugusee Addis Maaledaaf akka ibsanitti Itoophiyaa naannolee torbatti jechuunis Naannoo Oromiyaa, Kibbaa, Kibbaa Lixaa Itoophiyaa, Gambeellaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Beenishaangul Gumuuzitti mudachuu himaniiru
Naannolee eeraman,godinalee 25,aanota 113’tti Weerarri raammoo geerii akka mudatee fi naannawa mudateetti ministeerri qonnaa termoo meetiriidhaan raaguu kan danda’e yoo ta’u, weerarichi akka hin babal’anneef keemikaalota farra ilbiisaa, meeshaan keemikaala biifu fi meeshaalee adda addaa gara naannoleetti dursanii eegamuu daarektarichi eeraniiru
Naannolee torbanitti lafa heektaara Kuma 100 fi Kuma 11 fi 361 keessaa lafa heektaara Kuma 38 fi 387 irratti biiffaan keemikaala farra raammoo geerii,lafa heektaara Kuma 22 akkasuma hojii mala aadaan hojjetameen walii galaan lafa heektaara kuma 60 fi 899 irraa raammoo geerii balleessuun kan danda’ame yoo ta’es, lafa gara heektaara kuma 50 irratti garuu Weerarri raammicha midhaanirrattis ta’es, lafa dheedichaa irratti miidhaa hin geessisuu jedhame biiffaan keemikaalaa kan hin taasifamne ta’uu, daarektarichi eeraniiru.
Ji’ootni fuulduraa kana ji’oota gannaa ta’uu hordofee kallattiin qilleensaa kutaalee Kaabaa Itoophiyaatti kan luucca’u ta’uu isaatiin weerarri raammichaa gara naannoo Affaar,godina Harargee Bahaa akkasumas gara naannoo Amaaraatti carraa bal’inaan,babal’achuu akka qabu daarektarichi ibsaniiru.
Weerarri raammichaa gara naannolee birootti akka hin babal’anneef mootummaanis ta’e kutaan hawaasa kamiyyuu tumsa akka godhu daarektarichi gaafataniiru.
Karaa Ministeera qonnaa fi naannoo tokko qofaan weerara raammichaa to’achuu kan hin danda’amne ta’uu isaatiin naannoleen hundi tumsaan gara bakkeewwan garagaraatti akka hin babal’anneef hojjechuu akka qaban daarektarichi eeraniiru.
Dabalataanis keemikaalli farra ilbiisaa bakka biifametti naannawaa fi hawaasa irraan dhiibbaa waan geessisuuf kutaan Hawaasaa kamiyyuu lafa qonnaa fi dheedichaa irraan miidhaa akka hin geessifneef mala aadaan hojii dhabamsiisuu akka hojjetan daarektarichi eeraniiru.
Ministeerri qonnaa naannawwa weerarri raammichaa mudateetti lafa qonnaa fi dheedichaa irratti miidhaa geessise koree qoratu erguuf, qophii gochaa jiraachuu fi qorannichi yeroo xumuramu gabaasa ragaa guutuu akka beeksisan daarektarichi ibsaniiru.
Bara darbe Itoophiyaa naannolee adda addaatti weerara awwannisaa mudatee ture ittisuuf akkataa tumsa taasifameen, weerara raammoo geerii naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa ka’umsa taasifachuun gara naannawwa birootti tattamsa’e to’achuuf hojiin cimaan hojjetameeradha Ministeerichi kan jedhe.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 11 2014 No 53



