Buufataalee moobaayilaa sababa waraana kaabaatiin miidhaman keessaa dhibbeentaan torbaatamni tajaajila hinkannan

0
876

Itiyoo-telekoom kutaalee biyya keenyaa adda addaatti; keessumattuu sababa rakkoo nageenyaa kuta kaaba biyya keenyaatti mudateen buufataalee moobaayilii miidhaman keessaa dhibbeentaa 70 kan ta’an amma yoonaatti tajaajila kennuu akka hinjalqabin beeksiseera.

Dhaabbatichi kana kan beeksise gabaasa raawwii hojii isaa kan bara 2014 Kamisa darbe (Adoolessa 21 bara 2014) waltajjii ifa taasise irratti dha.

Waltajjicha irrattis hooggantuun dhaabbatichaa Firehiwoot Taammiruu; bara hojii 2014 kutaalee biyya keenyaa adda addaatti keessumattuu kutaa kaaba biyyattiitti sababa rakkoo nageenyaa mudateetiin buufataalee moobaayilii kuma torbaa fi 622 biyyattii keessa jiran keessaa magaalota naannoleetti argama 10 keessatti kan argaman buufataaleen moobaayilaa kumni sadii fi 473 miidhamuu isaanii fi sababa kanaan tajaajila kennuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Yeroo ammaabuufataalee kuma sadii fi 473 kana keessaa dhibbeentaa 30 kan ta’an tajaajila kennuu jalqabuu isaanii kan ibsan hooggantuttiin; garuu buufataaleen moobaayilii kuma tokkoo fi 144  ta’an hanga ammaatti hojii akka hinjalqabin beeksisaniiru.

Buufataalee tajaajilichi addaan itti cite kuma tokkoo fi 144 gidduudhaa 482 riijinii kaabaa kan jedhamu Tigiraayii fi naannawaa sanatti kan argama yoo ta’u; 265 kan ta’an immoo kibba-lixaa jedhamuun dhaabbatichaan kan beekamu riijinii Wallaggaatti kan argaman ta’uu Itiyoo telekoom odeeffannoo kenneen ilaaluun ni danda’ama.

Kanumaan walqabatee Itiyoo telekoom bara bajataa 2013tti galii birrii biliyoona 56.5 kan argate yoo ta’u; bara bajataa 2014tti immoo birrii biliyoona 70 argachuuf karoorfatee ture. Ta’us garuu karoora isaa keessaa dhibbeentaa 87.6 milkeessuun bara bajataa xumurametti galii waliigalaa birrii biliyoona 61.3 argachuu isaa Firehiwoot dubbataniiru.

Itiyoo telekoom qormaata hedduu keessa akka ture kan himan hooggantuttiin; “akkaataa rakkoo nu mudateetiin galii kana hunda argachuun keenya salphaa miti” jechuun dubbataniiru.

Milkaa’uu hafuu karoorichaatiif sababoonni baay’een ka’uu akka danda’an kan ibsan hooggantuttiin; rakkoo nageenyaa kutaa kaaba biyya keenyaatti uumameen tajaajilli addaan cituu; qabeenyaa neet-woorkii irratti balaan gahu; akkasumas hannaa fi kukkutamuu toora faayibarii fi meetii; telekoomii burjaajessuu; weerara Koroonaa; qaaxxeewwan qabeenya dhaabbatichaa irratti haggamaman; tasgabbaa’uu dhabuu gabaa akkasumas dhiyeessiin anniisaa addaan ciccituun rakkoowwan gurguddaa akka turan himaniiru. Dhiyeessiin anniisaa addaan ciccituu; hanqina boba’aa; meeshaalee galchuuf hanqina koonteeneeraa akkasumas hanqinni doolaaraa fi qaala’insi gatii milkaa’uu hafuu karorichaatiif akka sababoota dabalataatti kaa’amaniiru.

Bara bajatichaatti galii argame keessaa dhibbeentaan 51 tajaajila sagalee; dhibbeentaan 27 tajaajila daataa fi inteerneetii; dhibbeentaan 10 galii idil-adunyaa, dhibbeentaan 5.7 tajaajiloota galtee dabalan irraa akkasumas dhibbeentaan 6.6 ta’u tajaajiloota kan biro irraa kan argaman ta’uu hooggantuttiin himaniiru.

Dabalataanis; tajaajiloota sharafa alaa argamsiisan irraa doolaarri Ameriikaa miliyoonni 100 fi miliyoonni 46.6 argamuu ibsanii; kunis karooricha keessaa dhibbeentaa 82.3 kan mikeessee dha jedhan.

Itiyoo-telekoom adunyaa irratti dhaabbilee tajaajila telekoomunikeeshiinii kennan 778 keessaa 26ffaa akka ta’e kan beeksisan yoo ta’u; Afriikaatti dhaabbilee tajaajilicha kennan 195 keessaa lammaffaa dha jedhameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here