Kalee buqqisanii wallaanuun addaan cituu isaatiin dhukkubsattoota baasii hinmalleef saaxiluun ibsame

0
742
  • Tajaajilichi erga addaan cite waggoota lamaa ol lakkoofsiseera

Tajaajilli kalee buqqisanii wallaanuu sababa weerara Kooviidiin addaan cituu isaa fi hanga ammaatti jalqabamuu hafuu isaa hordofuun dhibamtoonni baay’een baasii hinmalleef saaxilamuu isaanii dhaabbanni tola ooltummaa kalee Addis Maaledaatti ibse.

Tajaajilichi waggoottaniif addaan cituu isaa fi hanga ammaatti harkifachuu isaatiin dhibamtoonni baay’inni isaanii sirriitti hinbeekamne tajaajilicha eeggachaa dhiqama kaleetiif (dialysis) baasii olaanaaf saaxilamuu isaanii hoogganaan dhaabbata tola ooltummaa dhibamtoota kalee Slamoon Asaffaa Addis Maaledaatti himaniiru.

Tajaajila addaan cite kana kan eeggatan dhibamtoonni kalee baay’een jiraachuu kan eeran hooggantichi; tajaajilli buqqisanii wallaanuu addaan cituu isaatiin torban torbaniin dhiqannaa kaleetiif baasii olaanaa baasuuf dirqamaniiru jedhan.

Gara biyya alaa deemuun tajaajila buqqisanii wallaanuu kana argachuuf hanga birrii miliyoona 1.6 akka gaafatu kan eeran Salamoon; dhibamtoonni Itoophiyaa keessatti argaman immoo baasii kanaaf humna akka hinqabaanne ni amanama jedhaniiru.

Wayita tajaajilli kalee buqqisanii wallaanuu jalqabametti dhibamtoonni; maatiin dhibamtootaa; akkasumas uummanni Itoophiyaa kan biraa dhiphachuu irraa baraaramanii akka turan eeranii; sababa Kooviidiin addaan cituun isaa garuurakkisaa akka ta’e ibsaniiru. Kanaan walqabatees; weerarri Kooviid wayita xinnootasgabba’eetiis tajajilichi jalqabamuu hindandeenye jedhaniiru.

Weerarri Kooviid Itoophiyaa keessatti kan mul’ate ji’a Bitootessaa bara 2012 yoo ta’u; ogeeyyota Itoophiyaatiin kennamaa kan ture tajaajilli kalee buqqisanii wallaanuu sababa weerarichaatiin waggaa lamaa ol duubatti harkifachuu isaa Salamoon Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Weerarri Kooviid barbaadamee kan dhufe osoo hintaane; tajaajilli kalee buqqisanii wallaanuu amma jalqabamuutu irra ture jechuun kan yaada isaanii kennan yoo ta’u; ministeerri fayyaa dhimmichi adeemsa irra jira jechuun lafa irra harkisaa jiraachuu isaa kaasaniiru.

Kana waan ta’eef; waggaa lamaa ol dayaalisisii gochuuf kan dirqaman dhukkubsattoonni kalee; dhaabbileen dhuunfaa walii isaaniitiin dorgomuudhaan dabalata gatii taasisaa jiraachuu Salamoon dubbataniiru.

Dhuunfaadhaan dhiqannaa kalee yeroo tokkootiif birriin kuma sadii ol kan gaafatamu yoo ta’u; namni torbanitti yeroo sadii dhiqachuun irra jiru birrii kuma sagal isa barbaachisa jedhameera. Addaan cite kan ture tajaajilli buqqisanii wallaanuu utuu jalqabamee garuu baasichi fi dhukkubichi hir’achuu ni danda’a yaadni jedhu ka’eera.

Gama biraatiin; ministeerri fayyaa maashinoota tajaajila buqqisanii wallaanuutiif oolan 100 akka bitu kanaan dura waadaa seenuu isaa Salamoon Addis Maaledaatti ibsanii; hanga ammaatti garuu hinbitamne jedhan.

Maashiinonni dhibbi tokko dhukkuba namoota baay’ee furuuf humna akka qabu utuu beekamuu; maashiinichi ni bitama erga jedhamee waggaa tokkoo ol lakkoofsisuu isaa hooggantichi dubbataniiru.

Maashiinii 100 nii bitama jedhamee ture ilaalchisees ministeera fayyaatiif irra-deddeebiin gaaffiin yoo dhiyaates; deebii adeemsa irra jira jedhuun alatti wanti argame akka hinjirre ibsameera.

Dhukkubsattoonni kalee gama isaaniitiin; tajaajilli buqqisanii wallaanuu yoo hinjalqabaminiif kana booda humni kalee dhiqsiifachuuf qaban dadhabaa ta’uu ibsu. Dhaabbileen hanga yoonaatti deeggarsa nuuf taasisan akkasumas hawaasa garraamii kan galateeffatan dhukkubsattoonni; tumsi baratame akka addaan jalaa hincinne gaafataniiru.

Dhukkubsattoonni kanumaan walqabsiisuunis maqaa isaaniitiin walfakkeessanii kadhachuudhaan kan maallaqa walitti qabatan jiraachuu eeranii; gochichi akka isaan gaddisiise dubbataniiru.

Addis Maaledaan komii ka’e qabattee deebii argachuuf deetaa ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa argachuuf yaaliin taasiste bilbila kaasuuf hayyamamoo ta’uu hafuu isaaniitiin utuu hinmilkaa’in hafeera.

Itoophiyaa keessatti sadarkaa dhaabbilee mootummaatti kalee buqqisanii wallaanuun kan jalqabame bara 2010tti yoo ta’u; waggaa lamaa asitti immoo sababa weerara Kooviidiin tajaajilichi addaan citeera.

Gama biraatiin; waldaan itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee fi “Liyaanaa heelz keer” jedhamu sadarkaa dhaabbata dhuunfaatti yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa keessatti bara 2015tti jalqabuuf akka ta’e kanaan dura Addis Maaledaatti ibsuun isaa kan yaadatamu yoo ta’u; dhukkubsattoonnis abdiidhaan eeggachaa akka jiran ibsaniiru.

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here