Waggaa kana waldaalee siivilii 65 irratti qisaasni qabeenyaa fi komiiwwan biraa dhiyaachuun ibsame

0
945

Bara bajataa 2014tti; dhaabbilee waldaalee siivilii kuma afuritti dhiyaatanuu fi Itoophiyaa keessa socho’an gidduudhaa 65 kan ta’an irratti qisaasa qabeenyaa fi rakkoowwan biraatiin walqabatee komiin akka irratti dhiyaate abbaan taayitaa dhaabbilee waldaalee siivilii Addis Maaledaatti ibse.

Kanaanis abbaan taayitichaa dhaabbilee waldaalee siivilii karaa itti hordofuu fi too’atu keessaa tokko kan ta’e eeruu hawaasaa, 65 kan ta’an qisaasa qabeenyaa, hojmaata seeraa hordofuu dhabuu, nagahee baankii guutanii dhiyeessuu hafuu, akkasumas gabaasa hojii isaanii qaamolee dhimmichi ilaalun raggaasisuu hafuun rakkoowwan mul’atanii dha jedhameera.

Komiin itti dhiyaate garri caalaan danbii ittiin bulmaataa fi kaayyoo hayyamameefiin ala hojjechuu; hojmaata 20/80 hordofuu hafuu; rakkoowwan qacarrii hojjetaa fi sirna bittaa hordofuu hafuun komiin dhiyaateera jedhameera.

Akkasumas miseensota isaanii gidduutti waliigalteen dhabamuun rakkoo mul’ate yoo ta’u; yaa’ii isaanii waliigalaa yeroo eeguun taasisuu hafuun isaanii akka komiitti dhiyaateera.

Meeshaalee telekoomunikeeshiinii fi saatelaayitii adda addaa hayyamnii fi beekamtiin mootummaadhaan hinkennaminiif qabatanii argamuun dabalatatti; lammiiwwan biyya alaa hayyama hojii malee qacaruun hojjechiisuun waggaa kana kan hubatame rakkoo dhaabbilee waldaalee siivilii akka ture eerameera.

Daarikteerri itti aanaan abbaa taayitaa dhaabbilee waldaalee siivilii Faasikaawu Mollaa; haala kanaan komiin kan itti dhiyaate 38 kan biyya keessaa fi 28 dhaabbilee waldaalee siivilii keessaa; boordii qorataa hundeeffameen ilaalamanii muraasni akka sirreeffama taasisan ajajni kan itti kenname jiraachuu eeranii; of eeggannoon kan itti kenname jiraachuus Addis Maaledaatti himaniiru.

Itti dabaluunis; komicha hordofee lakkoofsi herrega baankii isaanii kan cufame jiraachuu kaasanii; torban kana boordiin waldaalee siivilii dhaabbati tokko akka diigamu murteesseera jedhan.

Dhaabbilee waldaalee siivilii hordofuuf too’achuuf bara 2013tti kan qophaa’e maanuwaaliin hordoffii fi too’annaa haaraan waggaa kana hojii irra ooluun; kuma tokkoo fi 300 kan ta’an gabaasa isaanii waggaa madaaluun akka sirreessan taasifameera jechuun ibsan.

Guutummaa biyyattiitti dhaabbilee waldaalee siivilii 354n kan hojjetaman piroojeektota 394 dirreetti argamuun madaaluun kan danda’ame yoo ta’u; piroojeektota kanaan ummanni miliyoona 13.5tti dhiyaatu kallattiin fayyadamaa ta’u isaa beekuun danda’ameera jedhan.

Piroojeektonni kunis misoomaalee bu’ura bishaanii, fayyaa, barnootaa fi kan biraa ta’uu kan eeran daarikteerri itti aanaan kun; ummanni miliyoona 7 fi kuma 900 ta’us al-kallattiidhaan fayyadamaa ta’uu eeruun; baay’een isaanii hojii milka’a dha jedhamu hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiinis; hordoffii waldaalee siivilii kana irratti taasifamuun 29 kan ta’an lammiiwwan biyya alaa qacaruuf gaaffii dhiyeessanii dhorkamaniiru jedhaniiru. Sababa kun ta’eef wayita ibsanis hojjettoota biyya alaa qacaruun kan danda’amu lammiin Itoophiyaa hojichaaf gitu yoo hinjirre qofaa dha jechuun dubbataniiru.

Dhaabbileen waldaalee siivilii baay’een isaanii deeggarsi idil-adunyaa qorruu isaatiin rakkoo maallaqaa qabu kan jedhame yoo ta’u; kana keessaa ba’uuf madda galii ofii isaanii uumuu qabu jedhameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here