Piroojeektiin baaburaa Awaash-Kombolchaa-Gabaa Haaraa tumsa olaanaa humnoota nageenyaa mootummaatiin saamichi irratti raawwatamaa jira jedhame.

0
768
  • Hatamee ba’uudhaan meetiin siinoo tiraakii tokko guute hanga birrii miliyoona 100tti gurguramaa jira.

Piroojeektiin baaburaa Awaash-Kombolchaa-Gabaa Haaraa addaan cite ture tumsa olaanaa humnoota nageenyaa mootummaatiin saamichi irratti raawwatamaa jiraachuu namoonni ijaan argan Addis Maaledaatti ibsan.

Saamicha kana olaantummaadhaan kan raawwatan piroojeekticha eeguuf kan ramadaman humnoota addaa naannoo Affaar ta’uu kan himan yoo ta’u; humnoonni Adda Biliisummaa Ummata Tigiraay erga naannoo sanaa bahanii jalqabee hanga yoonaatti dhaabbatee hinbeeku jedhaniiru.

Jiraattonni kun itti dabaluunis; keessumattuu man-kuusaan Shawaaroobiit daraan guddaa fi meeshaaleen adda addaa kan keessa isaatti kuufaman yoo ta’es; meeshaaleen garri caalaan saamamee dhumeera; kan hafes tibba kana haala cimaadhaan baasanii gurguraa jiru jedhan.

Jiraataan naannoo sanaa maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaadin tokko; “humni addaa naannoo Affaar tibba akana jijjiiramee dhufe immoo sirumayyuu kan konkolaataa Siinoo tiraakii narraa bitun barbaada” jechaa jira. Hayyama isaanii malee enyuyyuu keessa hinseenu; kan gurguru isaani. Isaan waliin dubbachuun meeshaa barbaaddu kaffalee ni baafta.

Amma waan hunduma fixanii gara boba’aatti naanna’aniiru. Maashinii fi konkolaattota man-kuusaa keessaa gara gammoojjiitti geessuun saamichas jalqabaniiru.

Saamicha kanaan namni baay’een miliyeenara ta’eera. Meetiin siinoo tiraakii tokko guutuun asii gara Finfinneetti geeffamu hanga birrii miliyoona 100tti gurgurama. Kun wayita ta’u aana irraa eegalee qaamoleen jiran hinbeekan hinjedhamu.

Gommaan konkolaataa hiikamee fudhatamaa jira. Piroojeektichi kana booda yoo jalqabame akka haaraatti eegalama. Kan hafe hadiidaa fi cirracha qofa; shiboo walitti qabamee mana kuusaa keessa kaa’ame qofa osoo hintaane shiboon diriirfames fudhatameera.

Ummanni piroojeektiin xumuramuu gahe maaliif akkas ta’a?; seerri hinjiruu?; jechuun dallanaa jira. Mootummaan maaliif akka callise namaaf hingalu” jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.

Tibba kana jenereeteeronnis bahanii gurguramaa jiraachuun kan himame yoo ta’u; jiraattonni komii kana qaama dhimmichi ilaalutti dhiyeessuu yoo barbaannes; walitti hidhamanii waan saamanuuf qaamni nu dhaga’u hinjiru; qabeenya abbaa hinqabne ta’eera jechuun ibsaniiru.

Piroojeektiin baaburaa Awaash-Kombolchaa-Gabaa Haaraa (AKH Railway Project) bajati ka’umsaa doolaarri biliyoona 1.7 qabameefii dhaabbata Yaappii Merkezii jedhamuun kan ijaaramaa ture yoo ta’u; dhaabbati ijaarsichaa barbadaa’insa sababa waraanaatiin isa mudateen waliigaltee hojichaa addaan kutuun gara biyya isaatti akka deebi’ee fi deebi’ee gara hojiitti akka galuuf maryatamaa jiraachuu Addis Maaledaan kanaan dura gabaasuun ishee ni yaadatama.

Raawwiin waliigalaa piroojeektichaa dhibbeentaa 94 ga’ee akka ture ibsamuun isaas ni beekama.

Addis Maaledaan dhimmicha irratti deebii argachuuf gara hoogganaa piroojeektichaa injineer Abdulkariim Mahaammaditti irra-deddeebitee yoo bilbiltes bilbilli isaanii waan hinhojjenneef utuu hinmilkaa’in hafeera.


አዲስ ማለዳ Hagayya 14 2014 No 62

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here