Buqqaafamtoonni aanaa Dibaaxeetti argaman deeggarsi namoomaa gara biraatiif dabarfamee nu jalaa kennameera jechuun komatan.

0
599
  • Ji’oota kurnan darban deeggarsi akka hintaasifaminiifis dubbataniiru.

Naannoo Biiniishaangul Gumuz godina Asoosaatti buqqaafamtoonni kuma lamaa ol aanaa Dibaaxeetti argaman deeggarsi namoomaa keenya dabarfamee miseensota saba Gumuziif nu jalaa kennameera jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti dhageessifataniiru.

Aanaa Dibaaxeetti buufata qubannaatti dahatanii kan jiran lammiiwwan kuma lamaa ol gara ji’oota kudhaniitiif sababoota adda addaatiin deeggarsi namoomaa naannichatti hingalle jechuun mootummaan naannichaa sirumaa deeggarsa nuuf hintaasisne jedhaniiru.

Ji’oota kanatti deeggarsi namoomaa adeemsi gara naannichaa itti gale akka jiru kan yaadachiisan komattoonni kun; komii isaanii irra-deddeebi’ame dhiisuun deeggarsi isaaniif taasifamuun irra ture darbee miseensota saba Gumuz jedhamuun beekamanuu fi bosona keessatti da’oo ijaarratanii jiraatanuuf bulchiinsi aanaa Dibaaxee kennuu isaa dubbataniiru.

Lammiiwwan buqqaafaman kun sababa rakkoo nageenyaatiin bakka adda addaa irraa buqqa’anii naannoo Amaaraa godina Goojjam lixaa magaalaa Chaaginii kuma afurii ol kan turan yoo ta’u; Hagayya bara 2013 eegalee gara naannoo Biiniishaangulitti akka deebi’anii fi kana keessaa lammiiwwan kuma lamaa gadi hintaane godina Matakkal aanaa Dibaaxeetti buufata qubannaatti da’atanii kan jiranii dha.

Buqqafamtoonni Addis Maaledaatti akka ibsanitti; naannoo Biiniishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxeetti da’oon sharaadhaan ijaarameefii jiraachuu erga jalqabanii ji’oota kudhan lakkoofsisuu isaanii himaniiru.

Buufata qubannaatti da’atanii yeroo turan waggaa tokko keessatti nama tokkoof qamadii kiiloo giraama 15 yeroo lama qofa deeggarsi kan taasifameef yoo ta’u; ji’oota kudhaniif garuu deeggarsi namoomaa akka hintaasifaminiif dubbachuun buqqaatonni roorroo isaanii dhageessisaniiru.

Buqqaatonni kun ittuma dabaluunis; ji’oota deeggarsi hintaasifaminitti kutaa hawaasaa naannoo sana jiraatu irraa gargaarsa gaafachuun lubbuu keenya turfachuuf dirqamneerra jedhaniiru.

Ji’oota kurnan kana keessatti deeggarsi namoomaa akka taasifamuufiif qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaalutti irra-deddeebi’uun wayita komii dhiyeeffatanitti; sababa rakkoo nageenyaa fi dhabiinsa geejjibaatiin deeggarsi namoomaa gara naannichaatti akka hingaliniif deebiin ibsu akka kennamuuf ibsaniiru.

Deebiin kun dhugaa irraa kan fagaate akka ta’ee fi deeggarsi namoomaas gara naannichaatti galuu irra darbee adeemsi qaama biraatiif dabarfamee itti kennamu akka jiru kan eeran buqqaatonni; hojmaanni kun sirrii kan hintaanee fi ittigaafatamummaa kan hinqabnee dha jedhaniiru.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa kan gaafatte naannoo Biiniishaangul Gumuzitti bulchaa itti aanaan aanaa Dibaaxee Habtaamuu Araarsaa gama isaaniitiin; sababa hanqina geejjibaatiin deeggarsi namoomaa yeroo isaa eeguun yeroon itti hindhufne ni jira jedhaniiru.

Gama kanaan buqqaatotaaf ji’oota Eblaa fi Caamsaa bara 2014 deeggarsi namoomaa yedhaan kan hintaasifamin yoo ta’es; ji’oota biraatti garuu deeggarsichi addaan jalaa hincinne jedhan.

Miseensonni saba Gumuz aanichatti argamanus buqqaatota waan ta’aniif akkuma nama kamiiyyuu deeggarsi akka taasifamuuf kan kaasan bulchaa itti aanaan kun; kana irra darbee garuu deeggarsa buqqaatota biraa dabarsinee hinkennine jedhaniiru.

Yeroo itti aanu qaamolee dhimmichi isaan ilaalu wajjin maryachuun deeggarsa namoomaa addaan ciccitu sirreessuuf hojjetaa jiraachuu isaani itti dabaluun eeraniiru.

Walaggaa bahaa fi lixaa; naannoo Biiniishaangul Gumuzii fi bakkawwan biraa irraas rakkoo nageenyaatiin buqqa’uun godinaalee Matakkal, Kamaashii fi Asoosaatti buqqaatonni baay’een aanaalee adda addaa keessatti argamu.


አዲስ ማለዳ Hagayya 14 2014 No 62

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here