Eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanaa mootummaatti barnoota isaanii hordofan kaffaltii qooddannaa baasii isaanii sirnaan raawwachaa akka hinjirre ministeerri barnootaa ibse.
Ministeera barnootaatti hooggantuun sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii Amalawarq Hizqi’eel akka jedhanitti; keessumattuu hojjettoonni dhaabbilee dhuunfaatti qacaramuun hojjetanuu fi eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanaa hojii dhuunfaa hojjetan qoodinsa baasii isaan irra jiru kaffalaa hinjiran.
Addis Maaledaan kan dubbiste bara 2006tti maandisummaa eleektiriikaatiin kan eebbifamee fi hojii dhuunfaa isaa hojjetaa kan jiru dargaggeessi maqaa isaa ibsuu hinbarbaanne; qoodinsa gatii kana hanga ammaatti kaffaluu akka hinjalqabin ibsa. Hojii qacarrii hanga hinhojjetinitti kaffalticha kaffaluuf dirqama akka hinqabne kan amanu ta’uus dubbateera.
Hata’u malee bu’ura danbii qooddannaa baasii barnoota olaanaa lakkoofsa 154/2000tiin akkasumas fooyya’insa qajeelfama sassaabbii fi raawwii kaffaltii qoodinsa baasii barnoota olaanaa lakkoofsa 02/2009tiin itti fayyadamaan qooddannaa baasii kamiyyuu erga eebbifamee waggaa tokko booda irraa jalqabee; qacaramaa yoo ta’e galii isaa ji’aa irraa yoo xiqqaate dhibbeentaa 10 karaa waajjira isaatiin akka kaffalu; itti fayyadamaa dhuunfaadhaan hojjetu yoo ta’e immoo hanga danda’u kaffaluu akka qabu tumameera.
Kana kaasuudhaan gaaffii Addis Maaledaan gaafatte wayita deebisan; itti fayyadamtoonni waliigaltee qooddannaa baasii karaa adda addaatiin idaa isaanii akka kaffalan ibsuun; itti fayyadamtoota hojii dhuunfaa hojjetan irratti garuu rakkoon kaffaluu dhiisuu akka jiru dubbatan. Akka ibsa Amalawarqitti fayyadamtoonni dhaabbilee barnoota olaanaa irraa wayita eebbifaman xalayaa idaa isaan irra jiru mirkaneessu kan fudhatan yoo ta’es; kaffaluu isaa irratti rakkoon hubannoo akka jiru dubbataniiru.
Ebbifamtoonni barnoota digirii lammaffaa itti fufuu fi biyya keessaa bahuu wayita barbaadan kaffaltii isaan irra jiru kallattiin akka kaffalanu ibsanii; rakkoo hubannoo jiru furuufis waajjirri ministeera isaanii akka hojjetu beeksisaniiru.
Dhaabbata dhuunfaa keessatti qacaramee akka hojjetuu fi hojjechuu erga eegalees waggoota shan akka dabarse kan ibse maqaan isaa akka eeramu kan hinbarbaadnne Addis Maaledaatti yaada isaa kan kenne namni kan biraa immoo; dirqama qooddannaa baasii isaa akka kaffalu dhaabbanni inni keessa hojjetu akka isa hingaafatinii fi innis kaffaluuf yaadee akka hinbeekne dubbateera.
Dhimma kana irrattis yaada isaanii kan nuuf kennan Amalawarq; dhaabbileen dhuunfaa kaffaltii qooddannaa baasii qacaramtoota isaanii kaffalchiisuuf dirqama kan qaban yoo ta’u; kanas hubatanii dhaabbileen kaffalchiisan yoo jiraatanis; dhaabbileen hinkaffalchiisnes ni jiru jedhan. Kana furuufis dhaabbilee dirqama isaanii hinbaane hojiin beeksisuu ni hojjetama jedhan.
Kaffaltiin qooddannaa baasii hojjettoota dhaabbilee mootummaas ta’ee kan dhaabbilee dhuunfaa karaa ministeera galiitin kaffalamee ministeera barnootaa gabaasni akka qaqqabu kan ibsan Amalawarq; eebbifamtoonni barsiisummaa fi hojii fayyaa irratti bobba’an qooddannaa baasii isaanii tajaajilaan kaffalu jedhaniiru. Eebbifamtoonni hanga yoonaatti dirqama qooddannaa baasii isaanii hinkaffalin akka kaffalan taasisuufis qajeelfama sassaabbii fi raawwii kaffaltii qoodinsa baasii barnoota olaanaa fooyyessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dhaabbileen dhuunfaa hojjettoonni isaanii dirqama isaanii akka bahatan akka taasisan kan gaafatan Amalawarq; eebbifamtoonni dhaabbilee barnoota olaanaa hojii dhuunfaa hojjetan bu’ura labsii fi qajeelfamaatiin kaffaltii isaan irra jiru akka raawwatan gaafataniiru. Ministeerri barnootaas qajeelfama fooyyessuun cinatti hoimaataa fi hordoffii fooyyessuun sassaabbii kaffaltichaa fooyya’aa taasisuuf akka hojjetu beeksisaniiru.
Bu’uura danbii qooddannaa baasii barnoota olaanaa lakkoofsa 154/2000tiin akkasumas fooyya’insa qajeelfama sassaabbii fi raawwii kaffaltii qoodinsa baasii barnoota olaanaa lakkoofsa 02/2009tiin; itti fayyadamaan waliigaltee qooddannaa baasii kamiyyuu yeroo waggoota 15 hincaalle keessatti idaa isaa guutummaadhaan kaffaluuti irra jira.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 5 2015 No 66



