መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiBudeen gogaan gabaa biyya alaatiif dhiyaatu tokko gatiin isaa gadaanaan doolaara 1.2...

Budeen gogaan gabaa biyya alaatiif dhiyaatu tokko gatiin isaa gadaanaan doolaara 1.2 ta’eera.

Bideen gogaan Itoophiyaa keessaa gabaadhaaf dhiyaatu gatii gadaanaan itti gurguramu doolaara 1.2 ta’uu instiitiyuutiin misooma induustirii nyaata; dhugaatii fi Faarmaasiyuutikaal Addis Maaledaatti beeksise.

Instiitiyuutiin misooma induustirii nyaata; dhugaatii fi Faarmaasiyuutikaal Addis Maaledaatti akka beeksisetti; Itoophiyaan buddeena gara biyyoota adda addaatti ergituuf tilmaamni gatii gurgurtaa utuu hinkaa’amin kan ture yoo ta’u; ji’a Hagayyaa bara 2014 jalqabee garuu gatii gurgurtaa of danda’e baasuudhaan gara hojiitti galameera jedhameera.

Bu’ura kanaan Ameriikaatti gatiin gurgurtaa budeena tokkoo doolaara Ameriikaa 1.3; Kaanaaddaati gatiin gurgurtaa buddeena tokkoo doolaara Ameriikaa 1.2; Awurooppaa fi biyyoota biraatti immoo dolaara Ameriikaa 1.2 olitti akka gurguramu murtaa’ee gara hojiitti akka galame eerameera.

Kunis doolaarri Ameriikaa 1.2 gatii gurgurtaa isa xiqqaa; doolaarri Ameriikaa 1.3 immoo gatii gurgurtaa isa olaanaa ta’uun akka taa’e fi kunis bahun isaa Itoophiyaadhaaf shoora olaanaa akka qabu himameera.

Kanaafis waggoota kanaan dura turanitti gatiin gurgurtaa buddeenaa bahuu hafuu isaa hordofee biyyoota tokko tokko keessatti gatii Itoophiyaatti ittiin gurguramuu gaditti haalli itti gurgurame akka ture ibsameera.

Tilmaamni gatii gurgurtaa buddeena gogaa utuu hinba’in dura gatii turee wajjin wayita wal cinatti madaalamu; tilmaamichi erga taasifamee fi gara hojiitti galee ji’a Hagayyaa bara 2014tti haalli jiru kan duraan itti gurguramaa ture caalaatti guddina olaanaa akka qabuu fi dhibbeentaa 27n caalmaa agarsiisuun isaa eerameera.

Dhaabbileen daldalaa hedduun buddeena gogaa gara biyyoota adda addaatti ergan Itoophiyaa keessa kan jiran yoo ta’u; gatii gurgurtaa murtaa’ee gaditti gurguruun akka hindanda’amnee fi dhaabbatichi too’annaa cimaa akka taasisu ibsameera.

Timaamni gurgurtaa gatii buddeenaa Itoophiyaan gara biyyoota adda addaatti ergituu bahun isaa sadarkaa qulqullinaa qabaachuu isaa akka qabu agarsiisuu isaatiin cinatti; Itoophiyaadhaaf galii doolaaraa fooyya’e akka argamsiisuuf himameera.

Itoophiyaan gara Ameriikaa, Awurooppaa fi biyyoota adda addaatti buddeen gogaa haala olaanaadhaan akka ergituu fi buddeena gara biyya alaatti ergituuf gatiin itti gurguramu yeroo yeroon ol-ka’uu fi gadi bu’uu isaa hordofee tilmaama baasuuf akka dirqamee fi tilmaama baheen gaditti gurguruun akka hindanda’amne himameera.

Instiitiyuutiin misooma induustirii nyaata; dhugaatii fi Faarmaasiyuutikaalaa namoonni Itoophiyaa keessaa buddeena gara biyya alaatti ergan gatii barbaadaniin ergaa waan jiranuuf gatiin itti gurguramus olii fi gadi waan jedhuuf gatii ittiin ergamu dhaabbataa kaahuuf dirqameera jedhameera.

Itoophiyaa keessatti yeroof lakkoofsaan ibsuun yoo hindanda’amnes dhaabbileen daldalaa buddeena erganu hedduu fi buddeen gogaan baay’een gara biyyoota adda addaatti ni ergama jedhameera.

Ji’a Hagayyaa bara 2014 dura yeroowwan turanitti ergitoonni buddeenaa gatii barbaadaniin ergaa akka turanii fi gatii gad-aanaadhaan yoo ergames galiin doolaara Itoophiyaan galchitu gadaanaa akka ture ibsameera.

Raga duraan tureen buddeen tokko gatiin biyya alaatti ittiin ergamu doolaara 0.5 hanga doolaara tokkoo qofa ture. Gatii gurgurtaa buddeenaa kaahame irratti hundaa’uun Itoophiyaan doolaara miliyoona 10 buddeena gara biyyoota alaatti ergamu irraa akka argattu himameera.


አዲስ ማለዳ sebtembar 7 2015 No 66

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች