Sukkaarri kiiloo giraamni tokko hanga birrii 120tti gurguramaa jira.
Magaalaa Finfinnee fi magaalota naannolee adda addaatti sukkaarri waldaalee bitattootaatiin dhiyaatu sababa hanqina dhiyeessiitiin dabalata gatii olaanaa agarsiiseera.
Magaalaa Finfinnee keessatti buna jabanaa gurguruudhaan kan of bulchituu fi shamarreen maqaa ishee ibsuu hinbarbaanne akka ibsitetti; sukkaara yeroo barbaaddetti dhabuu ishee; yoo argattes gatiin isaa qaala’uun hojii isheetti gufuu ta’eera.
“Sukkaara kiiloo giraama tokko birrii 120n bitee hojjechuun natty ulfaateera” kan jettu shamarreen kun; gatiin sukkaaraa fi bunaa qaala’uun walitti dabalamuun birrii kudhanitti gurguraa kan turte gatii buna siinii tokkoo birrii 15 akka taasistuuf ishee dirqisiisuu ibsiteetti. Waldaalee bitattootaa irraa ji’atti sukkaara kiiloo tokko argachuu kan dandeessu yoo ta’es; sukkaarri wayita dhufu sababa dabree dheeraan jiraatuuf sukkaaricha fudhattee akka hinbeekne dubbatte. Gatiiwwan kanaan wal-qabatan waan qaala’aniif yaada hojicha jijjiiruu akka qabdu kan dubbatte shamarreen kun; sukkaarri akkasitiit gatiin isaa aala’ee wayita argitu inni kun isa jalqabaa ta’uu dubbatti.
Addis Maaledaanis magaalaa Finfinnee keessatti bakkawwan haala wal-fakkaatuun bunni jabanaa itti gurguramutti dhimmi qaala’insa sukkaaraa namoota dhiyeessii bunaa fi shaayeetti bobba’anii fi maamiltoota isaanii dhimma yaaddesse ta’eera. Sababa qaala’insa gatii kanaatiinis buna jabanaa siinii tokko irratti dabalati birrii lamaa hanga shanii akka dhufu taasisuu isaa Addis Maaledaan mirkaneessiteetti.
Magaalaa Bishooftuu kan jiraatan Gannat Gabre Goorgis; sukkaara bitachuu akka waan qananiitti ilaalaan jira afaan jedhaniin; waldaa bitattootaa irraa ji’a lamatti sukkaara kiiloo giraama tokkoo fi walakkaa akka argatan dubbatu. Kunis kan ji’aan argachuu qaban kiiloo giramaa sadii irraa daraan kan hir’atee dha jedhaniiru. Sababa kanaan qinxaaboodhaan daldaltoota irraa kiiloo giraama tokko birrii 120n bituuf akka dirqaman dubbataniiru. Kunis waldaa bitattootaa irraa kan kiiloo tokko ittiin bitatan birrii 46 waliin wayita wal cinatti ilaalamu daraan olaanaa dha jedhaniiru.
Magaalaa Dabre Maarqos keessa kan jiraatan Natsaannat Alamuu immoo; waldaa bitattootaa miseensa itti ta’anitti kanaan dura namni tokko ji’a tokkotti sukkaara kiiloo tokkoon tilmamameetu miseensota maatii isaanii jahaaf sukkaara kiiloo jaha fudhataa akka turan dubbataniiru. Hata’u malee ji’a Amajjii bara 2014 as dhiyeessiin sukkaaraa akka hinturree fi Waxabajjii Hagayyatti kan duraan kennamaafii ture kiiooln jaha wallakkaadhaan hir’ifamee kiiloo giraamni sadii qofti akka kennameef himaniiru. Waldaa bitattootaa irraa gatii sukkaara ittiin bitankiiloo tokko birrii 45 caalaatti daldaltoota irraa qinxaaboodhaan kiiloo tokko birrii saddeettamaan bitaa kan turan yoo ta’es; yeroo dhiyoo as kiiloon tokko birrii 120 ga’eera jedhaniiru.
Dhiyeessiin sukkaaraa waldaa bitattootaa qaqqabu yoo fooyya’e gatii isaa too’achuuf carraa kan uumu yoo ta’es; sukkaara karaa seeraan alaatiin daldaltoota qinxaabootiin gurguramu gara karaa seeraatti fiduu akka barbaachisu kan dubbatan namoonni yaada kennan; mootummaan xiyyeeffannoo kennuudhaan akka irratti hojjetu hubachiisaniiru.
Dhimmicha irratti Addis Maaledaan kan dubbiste ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannawaatti hoogganaan sab-quunnamtii Qumnagar Unatuu akka mirkaneessanitti; rakkoon hanqina dhiyeessii sukkaaraa akka jiru ministeericha eeruun ga’eera. Kana ilaaluunis deebii atattamaa kennuuf hojjetaa akka jiran kan eeran Qumnagar; rakkoowwan dhiyeessii fi kanaan walqabatan hiikuuf ni hojjetama jedhan.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 5 2015 No 66


