መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiDhaabbileen dirqama waliigaltee isaanii hinbahatin saddeet caal-baasii bittaatti akka hinhirmaanne dhorkaman

Dhaabbileen dirqama waliigaltee isaanii hinbahatin saddeet caal-baasii bittaatti akka hinhirmaanne dhorkaman

Dhaabbileen dirqama waliigaltee dhaabbilee mootummaa wajjin seenan hinbahatin caal-baasii bittaattii akka hinhirmaanne dhorkuu isaa abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Addis Maaledaatti beeksiseera.

Abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaatti daarikteerri koomunikeeshiinii Sexxeny Galaan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; bara bajataa 2015 ji’oota lamaan darbanitti jechuunis ji’oota Adoolessaa fi Hagayyaa bara 2014tti manneen hojii mootummaatiif meeshaalee barreeffamaa fi kan biraa isaan barbaachisu dhiyeessuuf caal-baasii kan moo’atan yoo jiraatanis; dhaabbileen waliigaltee isaanii hinraawwatin ni jiru jedhan.

Daarikteerichi ittuma dabaluunis; manneen hojii mootummaa federaalaa afurii fi mana hojii naannoo Biiniishaangul Gumuzitti argamu tokkoof meeshaalee barbaachisan dhiyeessuuf waliigaltee raawwatanii waliigalticha raawwachuuf dhaabbileen fedha dhaban saddeet caal-baasii bittaa mootummaa kamittuu akka hinhirmaanne taasifamaniiru jedhaniiru.

Naasir Huseen, Siraaw Taaddasaa, Fu’aad Shariif, Beeksisa Boolee, Olyaad Majiidii fi hiryoota isaanii, Muhaammad Ahimad, Maxxansitoota Naasimii fi Dhaabbati fichisiisaa Seefdeelii; waliigalaan dhaabbileen saddeettan kan tarkaanfiin irratti fudhatamee fi yeroo itti aanutti adeemsa caal-baasii dhaabbileen mootummaa baasan kamittii akka hinhirmaanne dhorkamuun isaanii himameera.

Dhaabbileen kanaan olitti ibsaman kun waliigaltee caal-baasii ministeera ittisa biyyaa; koomishiina gumurukaa; ministeera tuurizimii fi isa jalatti kan argamu abbaa taayitaa qorannoo fi eegumsa hambaalee; yuunivarsiitii Baahir Daar; yuunibarsiitii Wallaggaa fi biiroo misooma bishaanii, jal’isii fi inarjii naannoo Biiniishaangul Gumuz waliin seenan waan hinraawwatiniif tarkaanfiin irratti fudhatamuu akka danda’e daarikteerichi eeraniiru.

Dabalataan waliigaltee manneen hojii mootummaa waliin taasisaniin dirqama isaanii kan hinbahatin labsii bulchiinsa bittaa fi qabeenyaa mootummaa lakkoofsa 649/2001 keewwata 2 irratti kan kaa’ame kan cabsanii dha jedhameera.

Caal-baasii bittaa mootummaa kamittuu akka hinhirmaanne taasisuuf abbaan taayitichaa keewwata labsichaa 76n tarreeffama dorgomtoota caal-baasichaa dhorkaman labsicha keewwata 15 keewwata xiqqaa saddeetii fi bu’ura qajeelfama raawwii bittaa keewwata 48 keewwata xiqqaa 5/4n; tarreeffama dhaabbilee murteen tarkaanfichaa irratti murtaa’e qaamolee dhorkichi isaan ilaalutti ni beeksisa jedhameera.

Kanaanis manneen hojii federaalaa hundaaf; yuunivarsiitota naannoleetti argaman hundaaf; kooleejota; giddugaloota; bulchiinsa naannolee fi magaalotaaf akka beekan ni taasifama jedhameera.

Haala wal-fakkaatuun abbaan taayitichaa bara bajataa 2014tti yeroo adda addaa manneen hojii mootummaa wajjin waliigaltee walqabataa ta’an hinraawwannu kan jedhan; raga dogongoraa kan dhiyeessan; akkasumas badii biraa kan balleessa dhaabbilee dhuunfaa 58 irratti of eeggannoo fi waggoota lamaa hanga sadiitti caal-baasii mootummaan baasutti akka hinhirmaanne tarkaanfii taasisu fudhachuun isaa ni beekama.

Dhaabbileen kun biiroo aadaa, aartii fi tuurizimii magaalaa Finfinnee; abbaa taayitaa daandiiwwan magaalaa Finfinnee; abbaa taayitaa bishaanii fi dhangala’aa magaalaa Finfinnee; koomishiinii hooggansa balaa abiddaa magaalaa Finfinnee; biiroo galiiwwan magaalaa Finfinnee fi dhaabbilee mootummaa kan biraa bulchiinsa magaalaa Finfinnee wajjin waliigaltee seenan kan hinraawwatin turan.

Kana keessaa dirqamaa waliigaltee bahuu hafuu yookaan waliigaltee raawwachuuf hayyamamoo kan hinta’in dhaabbileen daldalaa 47; kan hafan immoo kan sanada burjaajessan; dhiyeessii gatii ittiin moo’atan kan hindhiyeessin; icitii fi burjaajessuun yookaan sanada sobaa qabatanii kan argaman ta’uun himameera.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 5 2015 No 66

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች