Itoophiyaatti lammiiwwan miliyoona 20 deeggarsa namoomaa barbaadaniif doolaara biliyoona sadii akka barbaachisu ibsame

0
607

Itoophiyaatti lammiiwwan miliyoona 20 deeggarsa namoomaa barbaadanuuf deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf doolaara biliyoona sadii akka barbaachisu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroon qindeessaa dhimmoota namoomaa beeksise.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti biiroo qindeessaa dhimmoota namoomaatti qindeessaan Itoophiyaa (OCHAA Itoophiyaa); Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa lammiiwwan miliyoona 20 deeggarsi namoomaa akka isaan barbaachisu gabaasa torbanii baaseen ifa taasiseera. Doolaara biliyoona sadii barbaachisu keessaa doolaarri miliyoona 700lammiiwwan hongeedhaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kan barbaachisu ta’uu biirichi gabaasa isaa torbaniitiin beeksiseera.

Naannolee Itoophiyaa adda addaa keessatti gaaga’ama uumamaa fin am-tolchee hedduun kan ka’e baay’inni lammiiwwan deeggarsi namoomaa isaan barbaachisuu dabalaa akka jiru OCHAn gabaasichaan eereera. Karoora deebii deeggarsa namoomaa bara 2022 irratti akka ibsametti A.L.A. hanga xumura bara 2022tti namoonni miliyoona 20 caalan deeggarsa namoomaa fi tajaajila eegumsaa isaan barbaachisa jedhameera.

Waraana irra-deebiidhaan torbeewwan sadii dura jalqabame hordofee; Itoophiyaa-kaabaatti haala tasgabbaa’aa ji’oota shaniif ture booda naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigiraayitti lammiiwwan kumaatama kudhaniin lakkaa’aman buqqa’uu  beekuu isaa dhaabbatichi beeksiseera. Haalichi fedhii deeggarsa namoomaa olaanaa uumuu fi namoota rakkataniif gargaarsa geessuuf kan tattaafatan tumsitoota namoomaa humna deebii isaanii qoraa akka jiras jedhameera.

Naannoo Amaaraa godinaalee Gondor-kaabaa, Walloo-kaabaa fi Waag-Himiraatti hawaasni naannoo waraanaa jiru rakkoo keessa jiraachuu fi rakkoon nageenyaa waan jiruuf kennitoonni tajaajila namoomaa qaqqabuuf rakkisaa akka itti ta’e qindeessaan Itoophiyaa kun beeksiseera. Godina Walloo kaabaa magaalaa Marsaatti godaantonni haaraan kuma 12 gadi hintaane; keessumattuu dubartoonnii fi daa’imman magaalattii qubataniiru jedhameera.

Gabaasni OCHA Itoophiyaa akka mul’isetti; naannoo Amaaraatti yoo xiqqaate lammiiwwan miliyoona shan ta’an wabii nyaataa argachuu hindandeenye. Keessumattuu naannichatti bakkawwan walitti bu’iinsi uumametti haalli isaa yaaddessaa ta’uun gabaasichaan kan ibsame yoo ta’u; bakkawwan walitti bu’iinsi uumametti hanqinni nyaata madaalamaa olaanaan jiraachuun eerameera.

Haala wal-fakkaatuun; naannoo Tigiraay bakka adda addaatti waraanni itti fufuu isaa hordofee namoonni kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’uu fi qabeenyi lammiiwwanii fi misoomni bu’uraalee miidhamuu gabaasichi mul’iseera. Karaa Samaraatiin sochiin deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigiraayitti eegumsaan geejjibamuu waan addaan citeef; dhiyeessii namoomaa geejjibuuf gufuu ta’eera jedhameera. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti tajaajilli qilleensa namoomaa torbanitti yeroo lama Finfinnee – Maqalee geejjiba qilleensaatiin geessaa kan ture balaliin deeggarsa namoomaas addaan citeera.

Bahaa fi kibba baha Itoophiyaatti mootummaa fi tumsitoonni gargaarsaa bakkaawwan hongeedhaan miidhamanitti lammiiwwan miliyoona 17tti siqaniif gargaarsa baraarsa lubbuu dam-daneessa dhiyeessuuf galteewwan walitti qabuu yoo itti fufanis; fedhichi deebii deeggarsa namoomaa amma adeemsifamaa jiruu wajjin akka wal hinsimne gabaasichi mul’iseera. Hanqinni wabii nyaataa hammaachuu isaa fi hanqinni nyaata madaalamaa dabalaa dhufuu isaatiin dabalatatti; barnoota addaan kutuu fi yaaddoon nageenyaa baay’achuu OCHA Itoophiyaan mul’iseera.

Daa’imman, haadholiin ulfaa fi kan harma oosisan miliyoona 2.9 hanga xumura bara 2022tti nyaata dabalataa isaan barbaachisa jedhameera. Sababa hongeetiin buqqaatiin baay’achuu; manneen barnootaa cufamuu fi dhibeewwan daddarbaan uumamuu isaatiin daa’imman miliyoona 1.4 barnootaan ala ta’uu isaanii gabaasichi ibseera. Dhukkuboota gifiraa fi garaa-kaasaadabalatee hongeen uumame hubaatiin fayyaa irraan gahu dabalaa jiraachuun ibsameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here