Mirga Socho’uu Lammiiwwanii Qorumsa keessa Seene

0
1018

“Bara Jaanhoy…” jedhu maanguddoon tokko; bara isaan Goojjamii gara Finfinneetti miilaan deddeebi’aa turan mootummaa mooticha Hayile Sillaasee yaadachuudhaan. “Bara sana Goojjamii isumayyuu miilaan adeemuuf rakkisaa kan ture laga Abbaay ce’uu qofa ture. Lagni guddaan sun riqicha waan hinqabneef kan ceenu daaktuudhaan ture. Kanaafis nama tokkoof birrii xagaraa tokko kan kaffallu yoo ta’u; gamaa fi gamana nama qawwee hidhatetu dhaabbatee eega.

Maliif yoo jedhame akka shiftaan nu hinajjeefneef jedhamee utuu hintaane utuu bishaanicha keessa jirruu naachi yoo ol ba’e rukutuufi. Bishaanicha nagaadhaan yoo ceene mana barbaadnne ‘keessummaa Rabbii’ jechuun boqochaa Finfinnee sienna turre” jechuun yaadatu.

Itti fufuunis; “dhimma keenya xumuruun wayita deebinus yaaddoo malee ture gaafa guyyaa jahaffaa kan mana keenya geenyu. Booda irra immoo Jaanhoy riqicha ijaarsisanii konkolaataan wayita seene gara Finfinnee imaluun daraan salphaa ta’e. Miilaan deddeebi’uunis seenaa ta’ee hafe. Kan tibbana dhageenyu garuu daraan qaanessaa fi bara kanatti ni ta’a jedhamee kan hinamanamnee dha” jechuun itti dabalan.

“Ummanni Itoophiyaa Finfinneedhaa dhimma hinqabne hinjiru. Finfinnee seenuun qorumsa ta’eera; namoonnis ukkaamamanii badaa jiru jechuu wayitan dhaga’u; namni bulee oolee qaroomaa deema malee kan waggaa 50 dure gadi ta’ayiin jedha” jechuunis kan tibba kanaa; yaaddoo keessa kan seene mirga socho’uu lammiiwwanii ibsu.

Kitaaba Hayile Sillaasee “Hiwootee ena YeItoophiyaa Irmmijjaa” jedhu keessatti yeroo tokko lammiiwwan biyyattii bakka tokkoo gara biraatti socho’uuf rakkoo hammaataa keessa galanii akka turan eeruun; kana dhaabsisuuf mala tokko maluu isaanii ibsu.

Kunis namni tokko bakka tokkoo ka’ee wayita gara bakka biraatti socho’u yoo balaan irra gahe; qaamni mootummaa naannoo balaan itti qaqqabe sana bulchu seera cimaa itti gaafatamaa isa taasisuu dha. Seera kana baasuudhaanis yeroo gabaabaa keessatti rakkinichi furamee akka barbaadanitti socho’uu danda’uu isaanii ti.

Yeroo kanattis sochiin lammiiwwan bakka tokko irraa gara biraatti taasisan baay’inaan yaaddoodhaan kan guutame yoo ta’u; bakka baay’eettis namoonni nagaan hidhattootaan wayita ajjeefaman akkasumas humna nageenyaa mootummaatiin utuu hinhafin isaanii gidirfaman argauun kan baratamee dha.

Kunis mootummaan giddugaleessaa nageenya lammiiwwaniitiif bakki kenne hangas ta’uu isaa irraa kan ka’e; dadhabina qaamolee naannoo isaanii akka bulchanuuf aangoon kennameefiin ta’uu namoonni baay’een ni dubbatu.

Yeroo baay’ee namoonni hedduun ajjeefamaa fi buqqifamaa kan jiran bakkawwan giddugaleessa biyyaa irraa fagaatanitti yoo fakkaates; yeroo dhiyoo as immoo keessumattuu lammiiwwan naannoo Amaaraatii gara Finfinnee seenanus “har’a immoo maaltu nu mudata laata?” jechuun dhiphachuu irra darbee reebichaa fi gaaga’amatu nurratti raawwatame jechuun dubbachuu erga jalqabanii oolanii bulaniiru.

Ji’a Fulbaanaa torban lammaffaa; keessumattuu imaltoonni Abbaayiin ce’uun gara magaalattii galanu irratti rakkoowwan adda addaa akka itti uumame ibsamaa ture. Roobii 11/01/2015 imaltoota Dabre-Maarqos irraa gara Finfinnetti imalaa turan keessaa haati tokko “Finfinnee gahuuf xiqqoon nu hafee utuu jiruuseensa Caancoo irratti konkolaataa erga dhaabsisanii booda dubartoota, kan gadda irra jiratanuu fi maanguddoota dabarsanii dargaggoota deebisaniiru” jechuun Addis Maaledatti himaniiru. Kan kana godhan immoo baay’inaan namoota huccuu calaqqisu uffatan poolisoota waliin ta’uuni jedhan.

Duraan karaa Dabira-Biraaniin gaaga’amni namoota Finfinnee galan irra gahaa ture kan fooyya’e yoo fakkaates; kanaan dura gochaan akkasii uumamee kan hinbeekne sarara Goojamittis sochiin lammiiwwanii yaaddoo keessa seeneera.

Addis Maaledaanis dhuma torban darbee sochii toora kana irra jiru akka taajjabdetti; daandichi nagaa miti jechuun kan imala isaanii haqan baay’ee dha. Imala jalqabuu isaaniitiin duras daandii irratti butamanii kan badan akkasumas kan reebaman waan jiranuuf yeroo kana gara Finfinneetti imaluun sirrii miti yaaddoo jedhu kan ibsanus ni jiru.

Imalaan kan biraas “yeroo kana mootummaan naaf qaqqaba; seerri na baraara haala hinjenne keessa seenneerra. Humni nageenyaa ofii isaatuu ergama mootummaan kenneefiin alatti kaayyoo kan biraa maal akka qabu beekuu hindandeenyu. Maal nu godhu laata jennee kan yaaddofnu enyunuu osoo hintaane qaamolee caasaa mootummaa keessa jiranuu dha” jechuun dubbataniiru.

Imaltoonni Caancoo irratti sakatta’insaaf yeroo dheeraa kan balleessan yoo ta’u; waraqaa enyummaa kan hinqabnee fi qabaatanus kan hinhaaromsinee dha dargaggoonni jedhaman baay’een konkolaataa irraa bu’anii harka humnoota nageenyaa keessa utuu jiran Addis Maaledaan argiteetti.

“Dargaggoonni kun gara dhufanitti akka deebi’an ni taasifamuu? Yoo ni deebifamu ta’e Finfinnee seenuuf wayita xiqqoon isaan hfetti deebisuu irra maaliif wayita imala jalqaban yookaan Abbaayiin wayita ce’an sakatta’amanii akka deebi’an hintaasifamne? gaaffiiwwan jedhan ni ka’u. ta’us tilmaama “gara hinbeekamnetti geeffamu” jedhu dhaga’uu irraa kan hafe waa’ee dargaggoota bakka tokkotti walitti qabamanii turanii murteen kennamu maal akka ta’e hinbeekamu.

Toorri kun Finfinnee irraa gara naannoo Amaaraatti daandiiwwan geessan lamaan keessaa isa ijoo waan ta’eef; halkanii fi guyyaa sochiin isaa kan addaan hincinnee dha. Ta’us yeroo dhiyoo as garuu qaamolee halkan imalanuuf kan hinyaadamne ta’eera.

Kunis dinagdee naannichaa irratti dhiibbaan uumu salphaa akka hintaane tilmaamuun rakkisaa miti. Namoonni baay’een akka jedhanutti sochiin guyyaadhaan taasifamus yeroo tokko nagaa yoo ta’u; yeroo tokko immoo qaamni barbaade ka’uun hindabaratni sadarkaa itti jedhu ga’eera.

Darbee darbees imaltoonni waraqaa enyummaa Finfinnee osoo hinqabaatin Abbaayiin ce’anii dhufan hindabarsinu qaamolee nageenyaa jedhanuuf imaltoota irraa birriin walitti buufamee akka kennamuu fi akka dabarsanus dhaga’ameera.

Kanaaf; kibbatti (Amaaroo, Burjii, Gujii …) fi waraanaan walqabatee gara kaabaatti fagaatee dhaga’amaa kan ture duutii fi gaaga’amni lammiiwwanii suuta suutaan daangaa isaa bal’ifataa bakka hunda gahaa waan jiruuf mootummaan nageenya lammiiwwaniitiif waan kamiinuu dura dursa kenneefii hojjechuu akka qabu qaamni hinwacne waan jiru hinfakkaatu.

Rakkinichi sarara imalaa tokkoo fi lamaan kan daangeffame osoo hintaane  imaltoota Itoophiyaa-kibbaatii gara Finfinnee dhufanu irrattis rakkoowwan walfakkaatan akka uumaman wayita dubbatamu ni dhaga’ama.

Kanaafis bakka adda addaatti kellaa sakatta’insaa sobaa hundeessuudhaan qaamoleen hawaasa giddirsan baay’achuu isaaniitiin dabalatatti; humnoota nageenyaa mootummaa gidduudhaas itti gaafatamummaa kennameefitti fayyadamuudhaan hojmaata badaadhaan kan xaxamanii fi sochii uummataa kan gaaga’an jiraachuun ni himama.

Sarbama Mirgaa Walqabatan

Yaa’iin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 12 bara 2015 Dhimmoota Mirga Namoomaa jechuun ibsa baaseen; yeroo kana bakka baay’eetti sarbamni mirgaa hedduun raawwatamaa akka jiran ibseera.

Hidhamuu gaazexeessitootaa; kan namoota siyaasaa fi kan biraa dabalatee; poolisiin ajaja mana murtii diduudhaan mirga wabummaa lammiiwwabii akka dhorkuu fi naannolee Kibbaa, Amaaraa fi Oromiyaatti; lammiiwwan baay’ee irratti sarbamni mirgaa bal’aan qaqqabaa akka jiru ibsichaan utuu hineerin hindarbine.

Kanaaf; dhaabbatichi gaaga’ama lammiiwwan irra gahaa jiru seerota biyya keessaa fi kan sadarkaa adunyaa waliin akka wal faallessu hubachiiseera. Haala walqabateenis ibsi mirga namoomaa idil-adunyaa (UDHR) fi waadaan idil adunyaa mirgoota siivilii fi siyaasaa (ICCPR) waliigalteen lamaan keewwata sagal irratti namni kamiyyuu callisee qabamuu akka hindandeenye; namni kamiyyuu seeraan ala akka hinqabamne; akka hinhidhamnee fi mirga dhuunfaa isaa akka hindhabne ni tumu jechuun kaa’eera.

Haala walfakkaatuun Chaarteeriin Afriikaa waliigaltee mirgoota namootaa fi uummattootaa keewwata keewwata jaha irratti namni kamiyyuu mirga biliisummaa fi nageenya qaamaa akka qabu; mirga kanas seeraan alaakka hindhabnee fi namni kamiyyuu callisee hidhamuu akka hinqabne ni ibsa. Dabalataanis heerri mootummaa Itoophiyaas akkasuma keewwata 17 irratti mirga biliisummaa wayita ibsu namni kamiyyuu sirna seeraan tumameen ala qabamuu; utuu himati itti hinbanamin yookaan utuu itti hinmurtaa’in hidhamuu hindanda’u jechuun akka tume mul’iseera.

Kanaaf mootummaan mirga yaada biliisaan ibsachuu namootaa akka kabaju; namoonni hidhaman atattamaan haqa akka argatan akka taasisu fi murtee mana murtii kabajuu diduu poolisii irratti xiyyeffannoon akka hojjetu; lammiiwwan sababa waraanaa fi walitti bu’iinsaatiin buqqa’anii fi beelaan du’aa jiran atattamaan furmaata akka barbaaduuf; lubbuu lammiiwwan yeroo yeroon hidhattootaan ajjeefamaa jiranii baraaruu akka danda’uu fi qaamolee gochicha raawwatan itti gaafatamtoota taasisuun fulla’insaan hawaasni nageenyi itti dhaga’amuun socho’uu akka danda’uf itti gaafatamummaa isaa akka bahatu yaa’iin mirgoota namoomaa Itoophiyaa waamicha dhiyeesseera.

Koomishiiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa gama isaatiin ibsa Fulbaana 16 bara 2015 baaseen naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti namoonni nagaan baay’een hidhattootaan ajjeefamuu ifa taasiseera.

Hagayya 25 bara 2014 jalqabee walitti fufuudhaan qaaxxee torbeewwan sadiif raawwatameen namoonni nagaan 100 ol ajjeefamaniiru kan jedhe yoo ta’u; namoonni baay’eenis beeladoota isaanii dabalatee qabeenya isaanii saamamuun akka buqqa’an koomishiinichi ibseera.

Kanaaf koomishiinichi irra-deddeebiin akkuma hubachiisaa ture ammas mootummoonni naannichaa fi kan federaalaa qaaxxeewwan naannichatti sabummaa bu’ureeffachun raawwataman ittisuuf tarkanfii fudhataa jiranuun; gara sadarkaa rakkinichaan wal gituutti guddisuun itti gaafatamummaa nageenya lammiiwwanii eeguu sirnaan akka bahatan irra-deebiin hubachiiseera.

Mootummaan biyya tokkoo hojiin isaa jalqabaa nagaa lammiiwwanii haala amansiisaa ta’een eegsisuu akka ta’e ni amanama. Hata’u malee mootummaan Itoophiyaas biyyattii keessatti jijjiirama gaggaarii baay’ee galmeessiseera; nageenya lammiiwwanii eegsisuufis halkanii fi guyyaa nan tattaafadha kan jedhu yoo ta’es; bakka baay’eetti lammiiwwan mootummaan nu haa qaqqabu jechuun hiyyanu ajjeefamuu fi buqqa’uu irraa qaamni isaan baraaru hinargamne.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 21 2015 No 68

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here