Godina Wallaggaa bahaatti aanaaleen shan ABO Shaneen marfamanii jiraachuun ibsame

0
835

Naannoo Oromiyaa godina Wallaaggaa bahaatti kan argaman aanaaleen shan irra-deebiidhaan garee hidhataa ABO Shaneetiin marfamanii jiraachuu jiraattonni naannichaa himaniiru.

Gareen hidhataan kun jiraattota aanaalee shanii irratti irra-deebiidhaan qaaxxee raawwachuuf kan itti marse yoo ta’u; kanaanis humna lubbuu isaanii atattamaan baraaru akka isaan barbaachisu jiraattonni gaafataniiru. Garichi godinaalee Wallaggaa adda addaa keessatti namoota nagaa irratti waggoota arfan darbanniif ajjeechaa raawwachaa ture raayyaan ittisaa naannicha dhaquu isaatiin yeroo murtaa’eef tasgabbaa’ee ture.

Hagayya 18 bara 2014 jalqabee Addi Biliisummaa Ummata Tigiraay karaa kaabaatiin yeroo sadaffaadhaaf waraana banuu isaa hordofee; raayyaan ittisaa Wallaggaan gadhiisee bahuu isaatiin Shaneen hubaatii isaa baratame qaqqabsiisuuf humna walitti qabataa jiraachuu jiraattonni beeksisaniiru.

Godina Horroo-Guduruu Wallaggaa Haroo Liimmuu; Liimmuu akkasumas aanaa Kiiramuutti hidhattoonni Shanee hubaatii qaqqabsiisuuf aanaalee itti qopha’aa jiran keessa ti jedhameera.

Aanaaleen sadan waggoottaniif qaaxxeen irra deddeebi’ame qaqqabeera kan jedhame yoo ta’u; gareen hidhate kun ammas qaaxxee wal fakkaatu raawwachuuf qophii irra jiraachuu isaatiin jiraattonni yaadda’an eegumsi akka taasifamuuf asumaan gaafataniiru.

Dabalataanis godina Horroo-Guduruu Wallaggaa aanaalee Amuruu fi Jargadaa Jaarteetti namoonni nagaan argaman hidhattoonni ABO Shanee irra-deebiin hubaatii qaqqabsiisuuf qophii taasisaa jira jedhameera.

Aanaalee Amuruu fi Jargadaa Jaarteetti Hagayya 25 bara 2014 irraa kaasee torbanoota sadii jiran keessatti ABO Shanee fi humnoota hidhataa al-idilee Amaaraatiin hubaatii qaqqabeen namoonni nagaan 100 ol ta’an ajjeefamuu isaanii koomishiiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa ifa taasisuun isaa kan yaadatamuu dha.

Jiraataan naannoo sanaa maqaan isaanii akka hinibsamne gaafatan tokko hidhattoonni Shanee aanaa Jaargadaa Jaarteetti qaaxxee raawwataniin baay’inni namoota du’anii gara 200tti akka siqu eeraniiru. Itti dabaluunis ABO Shaneen irra-deebiin hubaatii qaqqabsiisuuf hidhattoota lakkoofsi isaanii olaanaa ta’e walitti qabataa jira jechuun eeraniiru.

Gareen hidhate kunirra-deebiidhaan hubaatii qaqqabsiisuuf tibbaa kana kan baratame irraa haala adda ta’een hidhattoota baay’ee walitti qabaa jira jedhameera. Kanaaf humna mootummaa olaanaa gaachana ta’u akka barbaachisu jiraattonni gaafataniiru.

Yeroo ammaatti dhalattoonni naannoo Oromiyaas garee hidhataa kanaan ajjeefamaa jiraachuun kan ibsame yoo ta’u; guyyaa sadii jalqabee hooggantoonni olaanaanis gara magaalota nagaa qabanuutti buqqa’aa jiru.

Horroo Guduruu; Amuruu akkasumas Jargadaa Jaartee keessa hooggantoonni turan fi kaabinoonni gara naannoo Amaaraatti buqqa’aiiru. Akkasumas hooggantoonni mootummaa aanaalee Liimmuu fi Haroo Liimmuu turan gara magaalaa Angar Guuttinitti buqqa’aniiru jedhameera.

Godina Wallaggaa bahaatti aanaalee adda addaa irraa buqqa’uun magaalaa Angar Guuttinitti kan argaman jiraattonni baay’inni isaanii sirriitti hinbeekamne yeroo waggaa sadii ol ta’uuf deeggarsa argataa hinjiran jedhameera. Mootummaan gargaarsa ergaan jira haa jedhu malee buqqaatonni garuu gargaarsicha argataa akka hinjirre dhaga’ameera. Sababa hidhattootaatiin naannoo Oromiya godinaalee adda addaatti jiraattonni kuma 500 ol buqqa’uu isaanii mootummaan naannichaa ibsee ture.

Addis Maaledaan jiraattota nutty marfamee jira jedhan erga dhaggeeffattee booda deebii mootummaa naannichaa argachuuf hoogganaan biiroo koomunikeeshiinii naannichaa Hayiluu Adunyaatti bilbila yoo bilbiltes kaasuu dhiisuu isaaniitiin itti dabaluu hindandeenye.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 21 2015 No 68

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here