Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaala’insa jireenyaa sababeeffachuun hojjettoota mootummaatiif durgoo deeggarsa kiraa manaa fi faayidaawwan biraa hojii irra oolchaa jiraachuu Addis Maaledaan dhageesseetti.
Qaala’insa jireenyaa hojjettoonni mootummaa kaasan salphisuun akka danda’amuuf deeggarsa durgoo kiraa manaa; durgoo itti gaafatamummaa oguma hojii; kan bilbila moobaayilaa fi geejjibaa dabalati akka taasifamu kaabineen bulchiinsa magaalichaa Hagayya 27 bara 2014 yaada murtee dabarsuun Addis Maaledaan murtichi hojii irra akka oolu raawwii kutaalee magaalotaaf darbe irraa ilaalteetti.
Deeggarsi durgoo kiraa manaa yeroo ammaatti rakkoon kiraa manaa magaalattii keessa jiru yeroo yeroon dabaluu isaatiin hojjettoonni mootummaa sadarkaa hammaataadhaan miidhamtoota ta’uu isaaniitiin waggoota dheeraadhaaf rakkoon komiin itti dhiyaataa ture amma tokko salphisuuf akka ta’e sanada raawwachiisummaa irratti ibsameera.
Sanadi ittiin raawwachiisanuu fi Addis Maaledaan ilaalte akka ibsutti; kaffaltiin deeggarsa durgoo kiraa manaa gita hojii kanaan dura hayyamameefitti kan ramadaman jechuunis diinota kooleejota teekiniikaa fi ogummaa fi leenjistoota; hooggantoota manneen barnootaa; hooggantoota iit aantota manneen barnootaa fi barsiisota; abbootii alangaa fi ogeeyyii seeraa; abbootii seera manneen murtii bulchiinsa magaalichaa fi abbootii seeraa koomishiinii ol-hiyyata taaksii hinilaallatu.
Kaffaltiin durgoo hoogganummaa kan raawwatamu hooggansa hojii hospitaalotaa fi buufataalee fayyaatti dursaa garee irraa jalqabuun kan ramadamanii fi hojjettoota sadarkaa gorsaatti ramadamanii jiranuuf jedhameera. Sanadichi itti dabaluunis durgoon geejjibaa kan kaffalamu abbootii seeraa manneen murtii bulchiinsa magaalichaa; hospitaalotaa fi buufataalee fayyaatti dursaa garee irraa eegaluun kan ramadamanii fi hojjettoota sadarkaa gorsaatti ramadamanii akka ta’e eereera. Kaffaltiin bilbila moobaayilii kan raawwatamu abbootii seeraa mannen murtii bulchiinsa magaalichaa; hospitaalotaa fi buufataalee fayyaatti dursaa garee irraa jalqabuun ramadamanii fi hojjettoota sadarkaa gorsaa irra jiranuuf akka ta’e ibsameera.
Addis Maaledaan namoota hojjettoota bulchiinsa magaalichaa ta’an irraa akka dhageessetti; hojjettoota miindaan isaanii birrii kuma afurii gadi ta’eef kiraan manaa birriin kumni tokkoo fi 500 dabalameeraaf. Bu’ura murtichaatiin hojjettoonni bulchiinsa magaalichaa deeggarsichi hayyamameef kaffaltiin ji’oota Adoolessaa fi Hagayya bara 2014 ji’a Fulbaanaa kanatti akka kaffalameef himaniiru.
Hojjettoota miindaan isaanii birrii kuma afurii ol ta’eefis durgoo kiraa manaa taasifameen dabalatatti hojjettoota eegumsaa fi qulqulleessitootaaf akkuma haala isaatti durgoo aannanii jedhamuun birrii dabalataa ni argatu.
Faayidaan hayyamame beekamtii biiroo pablik sarviisii fi misooma humna namaatiin hojjettoota kontiraataan qacaramanis ni ilaallata jedhameera.
Hojjettoota hayyama waggaa; hayyama da’insaa; hayyama gaddaa; hayyama dhukkubaa; barnoota yeroo dheeraa fi gabaabaa fi leenjiidhaan hojii idileetii ala ta’anuuf durgoon deeggarsa kiraa manaa kan raawwatamuuf yoo ta’u; sababoota kanaan olitti ibsamaniin guyyoota 30 oliif hojjetaa hojii idileetiin ala ta’eef durgoon hoogganummaa; kan bilbilaa fi geejjibaa raawwachuun kan dhorkamee dha jedhameera.
Durgoon deeggarsa kiraa manaa fi faayidaawwanii gibira hojiitiin ala jedhameera. Addis Maaledaan biiroo pablik sarviisii fi misooma humna namaa irraa ibsa dabalataa argachuuf yoo yaaltes utuu hinmilkaa’in hafeera.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 21 2015 No 68


