- Doolaara miliyoona 1.46n sarvariin bitameera.
Dhaabbilee faayinaansii irraa liqa wabii qabeenya socho’uun argamuuf sirni galmee hunda-galeessi diriiruun ibsame.
Sirnichi “labsii mirga wabii qabeenya socho’aa irratti hundaa’u lakkoofsa 1147/2019” raawwachiisuuf kan jedhame yoo ta’u; irra-caalaa damee faayinaansii kan fayyadamaa taasisu ta’uu hoogganaan hojii baankii biyyaalessaa maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne tokko Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Sirna haaraa ta’uun isaa kan himameef galmee eleektirooniiksii kanaan; dhaabbileen faayinaansii liqa kennaniif qabeenyaa wabiidha jechuun qabatan; qaamni kamiyyuu beekamtii galmeessaatiin alatti bituu fi gurguruuf yoo yaale ofii isaa irratti kasaaraa raawwataa jiraachuu isaa beekuu qaba jedhan hooggantichi.
Sababni isaa qabeenyaa duraan wabummaaf galmaa’e namni kan biraa yoo bite; liqeessaan qabeenyicha barbaadee fudhachuuf mirga ni qaba jedhan.
Kuni kan ta’u garuu qabeenyaan socho’aan sun sirna kanatti yoo galmaa’ee dha kan jedhan hooggantichi; dhaabbanni faayinaansii liqeesse qabeenyichi naaf haqabamu jechuun yoo gaafate; baankiin biyyaalessaa liqeeffataan liqii fudhate deebisuu dadhabuu isaatiin qabeenyaan qabsiise akka qabamu jechuun poolisiif xalayaa kan barreessu ta’uu ibsaniiru.
Seerri labsiidhaan taa’e kun kan jedhu liqeessaan kamiyyuu qabeenya socho’aa wabii taasisuun liqii yoo kenne; seerichi qaama sadaffaa irratti raawwatamaa ta’a waan jedhuuf; qabeenyaa sana irratti dhorkaan taasifameera jechuun ibsaniiru.
Glmeen yoo hinraawwatamne garuu seerichi qaama sadaffaa irratti raawwatamaa akka hintaane eeranii; sirni galmichaa qabeenyaa kana galmeessisee liqeessaa kana irraa maallaqa hangana liqeeffadheera kan jedhuu fi enyummaan liqeeffataa kan itti galmaa’u galmeen eleektirooniikii (collateral registration system) ti jedhaniiru.
Meeshaan eleektirooniikii tajaajila kanaaf oolu karaa piroojeektii faayinaansii interpiraayizii xixiqqaa fi giddugaleessaatiin akka bitamee fi hojii jalqabe kaasanii; gara fuula-duraatti waa’ee sirna galmee kanaa labsiin sadarkaa biyyaalessaa ni taasifama jedhan.
Hoogganaan koomunikeeshiinii piroojeektii faayinaansii interpiraayizii xixiqqaa fi giddugaleessaa Warradaqaal Gabrekiristoos gama isaaniitiin; sirni galmee eleektirooniikii kun sarvariin ittiin raawwatamu baasii doolaara miliyoona tokkoo fi kuma 400 fi kuma 60n biyya alaatii bitamee galuu isaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Sarvarichi bittaa soofti weerii fi haard weerii akkasumas hojii diriirsuu (installation) qaba kan jedhan hooggantichi; meeshaa guddaa sadarkaa biyyaalessaatti hojjetuu dha jedhaniiru.
Kanaaf liqiidhaan wal-qabatee; liqeeffattoonni keessumattuu interpiraayizoonni xixiqqaa fi giddugaleessaa dhaabbata faayinaansii kam irraa liqii akka fudhatanii fi waa’ee liqichaa kuusaan odeeffannoo guutuu ta’e jiraachuu waan maluuf baankiin biyyaalessaa kana too’achuuf aangoon labsiidhaan kennameef waan jiruuf; meeshaa galmee eleektirooniikii itti gaafatamummaadhaan fuudhee akka bulchu eeraniiru.
Qabeenya socho’aa wabiidhaan qabame irratti abbootii mirgaa dorgomtootaatiin mirga dursuu ka’u murteessuuf kan dandeessisu sirna galmee eleektirooniikii hunda-galeessa diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef akkasumas wabichi sirni liqii eegamaa fi hammayyoomaan akka jiraatuu fi namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen qabeenya isaanii socho’aa qabsiisuun kaappitaala haaraa hojii irra ooluu argachuu akka danda’anu jechuun bu’ura heera mootummaa federaalaa keewwata 55(1)tiin “labsii mirga wabii qabeenya socho’u irratti hundaa’u” qophaa’uun isaa ni beekama.
አዲስ ማለዳ Fulbaana 28 2015 No 69



