Sukkaara kuntaala miliyoona lama biyya alaatii bitamuuf liqiin doolaara miliyoona 110.4 hayyamame

0
683

Dhiyeenyatti gara biyyaatti ni seena kan jedhame sukkaara kuntaala miliyoona lamaaf baankiin daldalaa Itoophiyaa liqii doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 10 fi kuma 400 hayyamuu isaa gareen induustirii sukkaaraa Itoophiyaa beeksise.

Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo; shaqaxoota nyaataa bu’ura jedhaman keessaa tokko kan ta’e gatiin oomisha sukkaaraa qaala’aa dhufuu isaa hordofuun; qaala’insa jireenyaa waliin walitti ida’amuun dhiibbaa olaanaa waan uumeef bittaan sukkaara kuntaala miliyoona lamaa adeemsa irra akka jiru ibsuun isaa ni yaadatama.

Addis Maaledaan adeemsi bittaa sukkaarichaa sadarkaa maalii irra akka ga’e garee induustirii sukkaaraa Itoophiyaatti hoogganaa kutaa sab-quunnamtii fi hirmaannaa Rattaa Dannaqaa kan gaafatte yoo ta’u; sukkaaricha gara biyyaatti galchuuf liqiin hayyamamuu eeraniiru.

Adeemsi caal-baasii idil-adunyaa sukkaarichaa kan xumurame yoo ta’u; bittaa isaa raawwachuuf adeemsi baankii akka jalqabame ibsaniiru. Sukkaarichi liqii doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 10 fi kuma 400 baankii daldalaa Itoophiyaa irraa argameen akka bitamus ibsaniiru.adeemsi sukkaaricha gara biyyaatti galchuu keessatti murteessaa kan ta’e xalayaa liqii idil-aunyaa (Letter of Credit) yeroo torban tokkoo keessatti akka xumuramu hooggantichi beeksisaniiru. Waliigalaan sukkaaricha gara biyyaatti galchuun torban tokko booda kan yaadamu yeroo guyyoota 45 akka barbaachisu eeraniiru.

Fulbaana 6 bara 2015 ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo ibsa baaseen; sukkaarri adeemsa bittaa irra jiru yeroo dhiyootti gara biyyaatti gala jechuun isaa kan yaadatamuu dha. Kana hordofee si’ooma danda’ameen sukkaaricha gara biyyaatti galchuuf hojiiwwan hojjetamaa akka turanii fi Fulbaana 26 bara 2015 adeemsi liqichaa xumuramuu beeksisaniiru.

Sukkaarri gara biyyaatti seenu erga qaqqabee boodas gareen induustirii sukkaaraa Itoophiyaa atattamaan biirolee daldalaa naannolee fi magaalotaatiif akka qoodamu kan taasisu ta’uu kan ibsan hooggantichi; biiroleen daldalaa immoo sukkaaricha karaa waldaalee bitattootaa uummataan akka gahan ibsaniiru.

Hanqinni oomisha sukkaaraa rakkina utuu gangalatuu har’a gahe ta’uun isaa kan beekamu yoo ta’u; mootummaanis rakkinicha furuudhaaf irra-deddeebiin caal-baasiiwwan adunyaatiin bittaa raawwachuun dhiyeessii yerootiin furmaata kennuuf wayita yaalu ni mul’ata. Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo Fulbaana 6 bara 2015 ibsa kenneen adeemsa bittaa kanaatiin dabalatatti warshaaleen wayita gannaa suphiinsaaf cufaman guutummaadhaan gara hojiitti wayita deebi’an rakkoon dhiyeessii akka furamu ibsamuun isaa ni yaadatama.

Warshaalee hojii ni jalqabu jedhaman ilaalchisuun Rattaan ibsa Addis Maaledaaf kennaniin; warshaaleen suphamaa jiran hanga ammaatti hojii akka hinjalqabin dubbataniiru. Kanaafis kan sababa ta’e miidhama tasaatiin alatti warshaaleen kun ji’oota saddeetiif sa’atii 24 boqonnaa malee waan hojjetanuu fi agadaan shonkooraa ji’oota gannaa bishaan roobaa hinmadaalamne argatu humni sukkaara kennuuf qabu xiqqaa waan ta’uuf yeroon suphiinsa warshaalee ji’oota gannaa keessa akka ta’u eeraniiru. Warshaaleen kun suphiinsa isaanii xumuruun guyyoota jalqabaa Onkoloolessaa hanga Sadaasaatti guutummaadhaan gara hojiitti akka deebi’anu ibsaniiru.

Yeroo ammaatti sukkaarri kiiloon tokko hanga birrii 150tti kan gurguramu yoo ta’u; sababni guddaan qaala’insi gatii kun uumameef hanqina dhiyeessii sukkaaraa ta’uun ibsameera.


አዲስ ማለዳ Fulbaana 28 2015 No 69

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here