Gargaaramtoota nyaataa miliyoonotaa fi karoora qamadii gurguruu

0
1107

Mootummaan fooyya’insa dinagdee isaa biyya keessaa madduun; dameewwan misoomaa Itoophiyaan waggoota arfan darbanitti xiyyeeffannaa itti kennuun hojjette keessaa misoomni qamadii isa tokko ta’uun irra-deddeebiidhaan ni ka’a. Ministirri muummee Abiyyi Ahimad misooma qamadii jal’isii bara kanaa naannoo Sumaaleetti wayita jalqabsiisanis Itoophiyaan waggaa jalqabame kanatti oomisha qamadii gabaa biyya alaatti dhiyeessuu akka jalqabdu dubbataniiru.

Kanaanis waggaa jalqabamee jiru kanatti oomishni qamadii kuntaala miliyoonaan lakkaa’amu gabaatti ni dhiyaata kan jedhame yoo ta’u; waliigalteen Itoophiyaan qamadii gara Keeniyaatti akka ergitu dandeessisus taasifameera.

Waliigaltichi kan taasifame dhiyeenya kana pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo daawannaa hojii ifatti taasisaniin ministira muummee Abiyyi Ahimad wajjin wayita marii taasisanitti. Waajjirri pirezidaantii Keeniyaa akka beeksisettis; waliigalteen dhiyeessii qamadii kun qaala’insa gatii oomishaalee nyaataa Keeniyaa mudate tasgabbeessuuf shoora ni qabaata.

Hata’u malee Itoophiyaatti hongee irra deddeebiin mudatuun; lolaa; waraanaa fi walitti bu’iinsotaan akkasumas sababoota uumamaa fin am-tolchee kan biraatiin haalli namoonni gargaarsa nyaataa barbaadan miliyoonaan utuu jiruu oomishni qamadii gabaa biyya alaatti ni dhiyaata jedhamuun isaa gaaffii uumeera.

Akka lakkoofsa faranjootaa bara 2018 dhaabbata mootummoota gamtoomanitti waajjirri qindeessaa deeggarsa namoomaa; Itoophiyaan lakkoofsa buqqaatota biyya keessaatiin adunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa irra akka teese eereera. Walqabsiisuunis walitti bu’iinsa waliin waliiniitiin lammiiwwan miliyoona 1.4 caalan qe’e isaanii irraa akka buqqa’anii fi kunis biyyoota adunyaa biratti waan hinbaratamnee dha ittiin jedheera.

Koomishiiniin hooggansa yaaddoo balaa federaalaa dhiyeenya kana akka ibsetti immoo; naannolee Tigiraay; Oromiyaa; Amaaraa; Affaarii fi Somaalee qofaatti gargaaramtoota miliyoona 20tti dhiyaatantu argamu.

Kanaaf; gargaaramaan baay’ina olaanaa qabu bakka jirutti; buqqaatonni buufataalee godaansaa keessa jiran hedduun mootummaa irraa gargaarsi nuuf dhiyaataa hinjiru haala jechaa jiranitti; qamadiin gabaa biyya alaatiif ni dhiyaata jedhamuun; faayidaa siyaasaatiif yookaan immoo qamadii bittaadhaan yookaan gargaarsaan gara biyyaatti galu deebisanii gurguruuf yaadamee ta’uu danda’a yaadonni jedhan dhiyaachaa jiru.

Hanqina qamadiitiin daakuun daabboo qaala’uu; gatiin daabboos daraan dabaluun isaa ni mul’ata. Kana gidduutti oomishaalee nyaataa bu’ura ta’an gabaa biyya alaatti dhiyeessuun qaala’insa jireenyaa caalaatti hammeessuu irra darbee faayidaa akka hinqabaanne namoonni baay’een ni ibsu.

Tarii qamadiin gara gabaa biyya alaatti ni ergama kan jedhame raawwatamuu danda’a. Kunis kan alaa gale kallattiidhaan gara biyyoota alaatti baasuudhan ta’uu danda’a jechuun kan dubbatanis ni jiru.

Tarii namoonni siyaasaa ummanni miliyoona ta’u guyyaatti yeroo tokkollee quufee nyaachuu hindandeenye jiraachuu isaa utuu hindagatin akka hinhafnes taajjabbiin ni jira.Ummanni daabboo argachuun isaa utuu hinmirkanaa’in; gabaa tasgabbeessuu irratti bal’inaan utuu hinhojjetamin waa’ee qamadii gara gabaa biyya alaatti erguu dursanii dubbachuun dhimmicha faayidaa siyaasaatiif oolchuu bira darbee faayidaa akka hinqabaanne agarsiistuuwwan ni jiru.

hooggantoonni siyaasaa sobni haaraa itti hinta’in biyya jiranitti; siyaasni qamadii akka boba’aa ta’uu hinhafu jechuun kan nutty himan wanticha dhaadhessuuf kan yaalanis baay’ee dha. Haala walfakkaatuun ministirri muummee tibba aangootti dhufan Itoophiyaan jikita boba’aa baasuu jalqabuuf akka ta’ee fi boba’aa gara biyyoota alaatti gurguramuun waggaatti galii olaanaa akka argattu dubbatanii turuu isaanii yaadatu. Hata’u malee oduu tibba tokkoo ta’uu irra hinceene.

Itoophiyaa keessatti qamadii akka nyaata ijootti fayyadamuun yeroo gara yerootti dabalaa dhufuun isaa ni dubbatama. Keessumattuu baay’ina ummataa fi magaalonni babal’achuun walqabatee itti fayyadamni qamadii waggaa waggaadhaan daraan akka dabalu ibsama.

Ogeessi dinagee Waasihun Balaay oomisha tokko gara gabaa biyya alaatti erguuf dirqama guutee irraa hafuu hinqabu jechuun ibsaniiru. Hata’u malee Itoophiyaan yeroo ammaa deeggarsa namoomaa atattamaatiif Yuukireenii fi biyyoota biraa irraa kan gargaarsa eeggattu taatee utuu jirtuu; qaala’insi gatii biyya keessaas sadarkaa yaaddessaa irra haala ga’ee jiruun qamadiin irraa hafeetu moo biyya olla (Keeniyaatti) erguuf kan karoorfatte kan jedhu kaasaniiru.

Gaaffii biyyattiin haala qamadii gabaa biyya alaatti erguu irra jirtii laata jedhu kaasaniis; hanqinni qamadii jiraachuu isaatiif gatiin daabboo qaala’uun agarsiiftuu akka ta’e eeraniiru.

Kanaaf; “deeggarsa namoomaatiif qamadii hangi isaa olaanaa ta’e biyya alaatii galuu akka danda’u ni beekama. Kana caalaatti garuu qamadii haala gahaa ta’een oomishuun fayyadamuu fi qaala’insa gatii biyya keessaa tasgabbeessuu kan jedhu sadarkaa yaadaatti ni adeemsisa” jedhaniiru.

Itti dabaluunis “dinagdeen Itoophiyaa dadhabina baay’ee kan qabu waan ta’eef; bittaawwan doolaara biliyoona 18 adeemsisa. Kan akka qorichaa; boba’aa; meeshaalee ijaarsaa; fi barnootaa akkasumas meeshaalee bu’uraa kan biraa galchuuf sharafa alaa barbaachisa ta’a qamadii gara gabaa biyya alaatti erguun kan karoorfame” jechuun yaada isaanii ibsaniiru.

Qamadii gabaa biyya alaatti dhiyeessuun meeshaalee bu’uraa galchuun sababa ta’uu ni qaba. Garuu galiin oomisha gara alaatti erguudhaan argame tajaajila kanaan ala ta’eef yoo oole gaaga’ama dinagdee dabalataa akka uumu eeran.

Ta’us galii daldala alaa irraa argamu irratti hanqinoonni itti-fayyadamaa baay’een akka mul’atanuu fi kana sirreessuus akka barbaachisu hubachiisan. Itoophiyaan haala amma keessa jirtuun qamadii gara gabaa biyya alaatti erguun ulfaataa dha kan jedhan ogeessichi; qamadii erguudhaan deebifamee qamadiin kan bitamu yoo ta’e gaaffii ni kaasa jedhan.

Gosoota oomishaa xiqqoo hanga xixxiqqaadhaan gabaa biyya alaatti dhiyeessaa kan jirtu Itoophiyaatti; karoora qamadii gara gabaa biyya alaatti erguu milkeessuunis salphaa akka hintaane ogeessichi ibsaniiru. Kanaaf biyya gargaaramtoonni nyaataa miliyoonaan lakkaa’aman jiranitti qamadii gara gabaa biyya alaatti erguuf karoorfachun waan wal faallessu waan ta’eef qeeqni bal’inaan itti dhiyaataa jira.

Humna oomisha qamadii Itoophiyaa

Oomishi qamadii Itoophiyaa hedduun isaa roobaan kan wal-qabate ta’uu isaatu ibsama. Dhiyeenya kana garuu naannoowwan gammoojjiitti qamadiin akka misoomu taasifamaa jira. Mootummaan akka jedhutti keessumattuu waggoota arfan darban keessa hangi oomisha qamadii Itoophiyaa guddataa jira.

Ragaan ministeera qonnaa akka agarsiisutti qonnaa gannaa bara 2012tiin oomishni qamadii kuntaala miliyoona 53 caalu kan argame yoo ta’u; bara 2013tti iimmoo qamadiin kuntaalli miliyoona 57 ol oomishameera.

Misooma qamadii bonaa bara oomishaa 2012tiin lafa hektaara kuma 20 irraa oomishni kuntaalli kumni 700 kan argame yoo ta’u; bara 2013tti oomishni kuntaala miliyoona sadii caalu argameera.

Bara oomishaa 2014tti immoo qamadii gabaa biyya alaatiif dhiyeessuu dandeessisa abdii jedhu kan kennee fi misooma jal’isii qamadii marsaa lamaan taasifameen lafa hektaara kuma 600 ol irraa oomishni kuntaala miliyoona 24 caalu walitti qabameera.

Bara 2014/2015 sadarkaa biyyaatti lafa hektaara miliyoona 1.3 jal’isiidhaan misoomsuun qamadii kuntaala miliyoona 50 ol oomishuuf karoorri qabameera. Oomisha gannaatiin immoo oomisha qamadii kuntaala miliyoona 100 ol walitti qabuuf kan dandeessiu oyiruun qamadii jiraachuu ministirri muummee tibbana dubbataniiru.

Ministirri muummichaa ittuma dabaluun “ofii keenyaaf quufnee ‘Ethiopia Aid’ jechuun ollaawwan keenya gargaaruu qabna” jechuun isaanii dhaga’ameera.

Itoophiyaan biyyoota Afriikaa gammoojjii Saaraatii gadi jiran keessaa kan oomisha qamadii olaanaa qabdu ta’uun ishee ni himama. Biyyattiitti waggaa waggaadhaan oomishi qamadii kan dabalu yoo ta’es; fedhii jiruu wajjin wal simuu akka hindandeenye beekama. Kanaan kan ka’es; waggaa waggaadhaan fedhiin qamadii Itoophiyaa nuusa yookaan harka afur keessaa tokko ta’u kan biyya alaatii galu yoo ta’u; harka afur keessaa tokko immoo gargaarsaan akka dhiyaatu ragaaleen ni eeru.

Itoophiyaan wayita ammaatti doolaara biliyoonaan lakkaa’amu baasii taasisuun waggaa waggaadhaan qamadii kuntaala miliyoona 10 ol biyyoota alaatii galchiti jedhama. Itoophiyaa keessa lafti jal’isiidhaan misoomuu danda’u hektaarri miliyoona afur caalu jiraachuu isaatu amanama. Bal’ina lafaa qabdu keessaa dhibbeentaa 60 kan ta’u gammoojjii fi biyyoo lageen lafa baddaa irraa dhufuun kan guutame waan ta’eef oomishaaf mijataa ta’uu ogeeyyiin dinagdee wayita ibsan ni dhaga’ama.

Waggaa lama dura (2012) qamadiin waggaatti biyyattiif barbaachisu kuntaala miliyoona 65 akka ture ragaaleen ni eeru. Kana keessaa kuntaalli miliyoona 48 oomisha biyya keessaatiin kan guutamu yoo ta’u; kan hafe qamadii toonii miliyoona 1.7 guutuuf doolaara hanga miliyoona 700 baasii taasisti.

Ta’us; oomisha qamadii gara biyyaatti galchuun; komiiwwan sharafa alaa akkasumas dhukkuba fiduudhaan wal-qabatan ni dhiyaatu. Mootummaanis bara faranjootaa 2023tti qamadii biyya alaatii galchuu dhaabuuf hojjetaan jira jechuun isaa ni yaadatama.

Oomishaa fi omishtummaa qamadii sadarkaa biyyatti guddisuuf sayiiwwan filatamaa qamadii; galtee xaa’oo akkasumas farra ilbiisaa fi tekinooloojiiwwan too’annaa dhukkubaa filatamoo ta’an bal’inaan faayidaa irra oolchuu akka gaafatu ni beekama.

Ragaan waggoota 10 dura bahe akka agarsiisutti; Afriikaan waggaa waggaadhaan qamadii kuntaala miliyoona 38 bituuf doolaara Ameriikaa biliyoona 12 baasii taasisti. Lakkoofsi kun yeroo ammaa sadarkaa olaanaadhaan guddachuu isaatu ibsama.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 5 2015 No 70

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here