Hojjettoonni Addis Miidiyaa Neetwoork 86 seeraan ala hojii irraa ari’amneerra jedhan.

0
574

Hojjettoonni Addis Miidiyaa Neetwoork 86 dhaabbatichi hojmaata seeraan ala ta’een hojii irraa nu hir’iseera jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti himan.

Dhaabbatichi ogeeyyii buleeyyii 86 hojmaata seeraan ala ta’een hojii irraa geggeessuun; ‘hojjettoota muuxannoo hinqabne’ qorumsa qoraa jira jechuun hojjettoonni Addis Maaledaatti himaniiru. Kan hojii irraa ari’aman hojjettoota muuxannoo hojii hanga waggaa 10 qaban dabalateeti.

Kanaan duras hojjettoonni haaraan 100 qacaramaniiru kan jedhame yoo ta’u; tibbana immoo hojjettoonni buleeyyiin dhaabbatichaa muuxannoo qaban ari’amanii; hojjettoonni haaraan 30 ta’an qoramanii garbaniiru jedhamuu fi kan qoramaa jiranis jiraachuun ibsameera.

Beeksisa Addis Miidiyaa Neetwoork baasee Addis Maaledaan ilaalteen rippoortaroota jalqabaa 59 Fulbaana 3 bara 2015 qorumsa barreeffamaaf waamuu isaa mul’isa.

Hojjettoonni garuu dhaabbatichi fudhatama seeraa kan hinqabnee fi hojmaata sabummaa irratti xiyyeeffateen ari’amneerra komii jedhu dhageessisaniiru. Kan komii dhiyeessan keessaa hojjetaan dhaabbatichaa muuxannoo waggaa 10 qaba jedhan; gochichi bu’ura seeraatiin ala waan ta’eef hojjettoonni ari’aman walitti qabamanii gara mana murtiitti qajeeluuf akka karoorfatan eeraniiru.

Hojjetichi ittuma dabaluun; “gochichi siruma bu’ura seeraa hinqabu” jedhan. Hojjettoonni muuxannoo hojii qaban ari’amanii kan siruma muuxannoo hinqabne akka galan taasifamuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi Hagayya 23 bara 2014 eegalee hojjettoota qacaruuf beeksisaan ibsaa kan ture yoo ta’u; hojjettoonni muuxannoo hojii hanga waggaa 10 qaban 86 qaban ari’amanii haaraan ‘qacaramaa’ jiraachuun ibsameera.

Dhaabbatichi hojjettoota hir’isuuf qorumsi madaalliif baase hojjetaa hundaaf carraa kan kennuu fi banaa akka hinturres eerameera. Madaalliin firii isaa wayita taasifamu tokko tokkoon hojjetaa madaalamee fi galmaa’ee bu’aan isaa gabateetti maxxanfamuu akka qabu qajeelfamni yoo ajajes; qoramaan tokko isa biraa qabxii hangamiin caalee akka qacaramu wanti beekamee fi ibsame akka hinjirre eerameera.

Riipoorterummaa irraa ka’anii daarikteera; gulaalummaa irraa ka’uun qopheessaa olaanaa akkasumas daarikteerummaa kutaa oduu irraa ka’uun hojjettoonni riipoortera ta’an jiraachuu Addis Maaledaan dhageesseetti.

Hojjettoonni dhaabbatichaa waan beekan qofa malee namni siruma muuxannoo hojii hinqabne gita hojii hojjettoota ari’amaniitti ka’amuun ibsameera.

Hojjettoonni kun hojii irraa wayita dhorkaman mirgi kabajamuuf jiraachuu isaa wayita dhaabbaticha gaafatan “gara dhaabbata siivil sarviisiitti isin ergina” deebiin jedhu nuuf kennameera jedhan.

Hata’u malee Addis Miidiyaa Neetwoork keessatti hojjetaan birriin kuma 20 kaffalamaafii maatii bulchu dhaabbata siivil sarviisiitti qacaramee birriin kumni saddeet kaffalameefii yoo maatii isaa bittinneesse malee kanaan bulchuun hindanda’amuuf jedhan hojjettoonni.

Addis Miidiyaa Neetwoork sababa sooramaatiin ogeeyyii 16; raawwii hojiitiinis ta’ee sababa biraatiin kan hanqinni irratti hinmul’atin ogeeyyii 86 waliigalaan hojjettoota 100 hojii irraa geggeessuun isaa ibsameera.

Gama biraatiin dhaabbatichi kanaan dura hojjettooti isaa dhibbeentaan 90ni afaan tokkicha (Amaariffa) kan dubbatanuu dha jechaa akka turee fi; hojjettoota kana hojii irraa kan ari’e sabummaa bu’ureeffachuun ta’uu akka hinhafne komattoonni eeraniiru.

Addis Maaledaan komii ka’e ilaalchisuun deebii maal akka qaban hoji raawwachiisaa itti aanaa Addis Miidiyaa Neetwoork Saamu’eel Kabbadaatiif gaaffii dhiyeessiteetti. Hoogganaa itti aanaan kun walga’ii irra waan jiruuf deebi’aa bilbilaa kan jedhan yoo ta’u; bu’ura beellamichaatiin irra-deddeebiin wayita bilbilamuuf bilbila kaasuu hafuu isaaniitiin yaada isaanii itti ida’uun utuu hindanda’amin hafeera.

Dhaabbatichi hojmaati isaa haqa-qabeessa ta’uu eeruun komicha fudhachuun qaama jajjabeessu seeraan akka gaafatu ibsaa kan ture yoo ta’u; hojjettoonni garuu gara mana murtiitti akka qajeelan ibsaniiru.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 5 2015 No 70

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here