Tajaajilli wabii fayyaa hawaasummaa waggoota 10 ol duubatti harkifatee ture hojii irra ooluuf akka ta’e ibsame

0
802

Hojjettoota dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaatti qacaramuun hojjetaa jiran kan haammatu tajaajila wabii fayyaa hawaasummaa bara 2015tti jalqabuuf karoora akka qabu Tajaajilli wabii Fayyaa Hawaasummaa beeksise.

Sadarkaa biyyaalessaatti hanga yoonaatti bal’inaan kan raawwatame tajaajila wabii fayyaa hawaasaa yoo ta’u; tajaajila kanaanis aanaalee biyyattii keessaa dhibbeentaan 84 itti fayyadamtoota tajaajilichaa ta’uu akka danda’an Addis Maaledaan gabaasa tajaajilicha irraa argatte irraa ilaalteetti. Tajaajilicha kan fayyadaman qusannaan maatiis dhibbeentaa 66 gahuu gabaasa tajaajilichaa irratti eerameera.

Tajaajilli wabii fayyaa hawaasaa kun maatiiwwan galii ji’aa hinqabne kan haammatu yoo ta’u; erga jalqabamees waggaa 11 lakkoofsiseera. Hata’u malee jalqabamuu tajaajila wabii fayyaa hawaasaa kana boodatti hafuun waggoota 10 turuun tajaajilli wabii fayyaa hawaasummaa bara bajataa kanatti jalqabuuf tajaajilichi karoora qabateera.

Tajaajila wabii fayyaa hawaasummaa kana irratti kanaan dura wayita maryatamu gaaffii kaasisee kan ture galii ji’aa hojjettootaa irraa buusiin kutamu mootummaadhaan kan murtiin itti kennamu yoo ta’u; murteen kun yoo murtaa’ee fi mootummaan guyyaa kanatti hajalqabamu yeroo jedhetti tajaajilicha jalqabuuf Tajaajilli Wabii Fayyaa Itoophiyaa qophii ta’uun isaa beekameera.

Tajaajila wabii fayyaa hawaasaa dursee jalqabameenis sadarkaa biyyaatti dhaabbilee fayyaa kuma sadii fi 165 wajjin waliigalteen kan raawwatame yoo ta’u; kana keessatti buufataaleen fayyaa kumni lamaa fi 825 fi hospitaalonni 340ni ni argamu. Dhaabbileen kunis tajaajila wabii fayyaa hawaasummaa bara kana jalqabamuuf tajaajila isaanii kan dhiyeessan ta’a.

Tajaajila wabii fayyaa hawaasaa kanaan kaffaltiin waggaa kan kanfalamu yoo ta’u; maatiin yeroo tokko fayyadamaa tajaajilichaa ta’e waggaa waggaadhaan haaromsa miseensummaa isa barbaachisa. Hangi haaromsa waggaa dhibbeentaa 83 kan gahe yoo ta’u; kana sol kaasuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru beekuun danda’ameera.

Tajaajilli wabii fayyaa hawaasaa buusii waggaa baasuu kan hindandeenye maatiiwwan miliyoona tokkoo fi kuma 700 fi kuma 89 fi 858f baasiin isaanii mootummaadhaan kan baafameef yoo ta’u; kanaanis namoonni miliyoona torba caalan fayyadamtoota ta’uu gabaasichi mul’iseera.

Tajaajilli Wabii Fayyaa Itoophiyaa tajaajila wabii hawaasaa amma kennaa jiruu fi waggaa kana jalqabuuf kan yaade tajaajiloota wabii fayyaa hawaasummaa qindeessuu fi sirna qabiinsa raga dhaabbatichaa hammayyeessuun dijitaalummaa cimsuuf akka hojjetu beekuun danda’ameera.

Tilmaama gatii tajaajila wallaansaa hospitaalota mootummaatti hojii irra oolus qorachiisuu fi qeeqsisuun qaamolee dhimmichi ilaalutti dabarsuun fooyya’insi barbaachisaan akka taasifamu beekameera.

Hanga yoonaatti tajaajila wabii fayyaa hawaasaatiin abbootii fi haadholii warraa miliyoona 9.8 fayyadamtoota taasisuun kan danda’ame yoo ta’u; kanaanis ummati miliyoona 43tti shallagamu fayyadamaa ta’uun gabaasichaan eerameera.

Waggaa kana kan jalqabamu tajaajila wabii fayyaa hawaasummaatiinis hawaasni hedduun fayyadamoo akka ta’u kan eegamu yoo ta’u; sababuma kanaan waliinga’iinsi wabii fayyaa biyyattiis akka ol ka’u ni eegama. Tajaajilli wabii fayyaa hawaasaa bara 2003tti aanaalee 13 haammachuu fi fayyadamtoota wabii fayyaa hawaasaa taasisuun kan hojii jalqabe yoo ta’u; tajaajilli wabii fayyaa hawaasummaa garuu sababoota adda addaatiin jalqabamuu utuu hindanda’in turuun isaa kan yaadatamuu dha.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 5 2015 No 70

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here