Naannoo 12ffaa hundeeffamuuf karoorfamee wajjin kan wal hindaangessine godinni Geede’oo murtee ummataaf dhiyaachuun isaa gaaffii kaase

0
755

Naannoo saboota, sab-lammootaa fi uummattoota kibbaatti kan argaman godinaalee jahaa fi aanaalee addaa shank an of keessaa qabu naannoo haaraa hundeessuuf karoorfamuu hordofee; godinaalee aanaalee addaa kanaa wajjin kan wal hindaangeessine dhimmi godina Geede’oo gaaffii kaaseera.

Dhiyeenya kana boordiin filannoo Itoophiyaa murtee ummataa naannoo 12ffaa hundeessuuf taasifamuuf marii paartilee siyaasaa waliin taasiseen; murtee ummataa irratti gaaffiiwwan baay’een kan ka’an yoo ta’u; Dhaabbanni Diimookiraatawaa Ummata Gede’oo raawwiin murtee ummataa boordii filannoo seera kan hordofe ta’uu qaba jechuun hubachiiseera.

“Godinni Geede’oo yaada heera mootummaa isa kamiin godinaalee fi aanaalee wajjin naannoo tokko ta’uuf murtee ummataatiif dhiyaate?” jechuun hooggansi paartichaa fi miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Alasaa Mangashaa gaafataniiru.

Alasaan itti dabaluunis; mootummaan godinaaleen jahaanii fi aanaaleen addaa shaman kilaasteraan naannoo tokko akka ta’anuuf kallattii erga kaa’ee; tokkoon isaanii waliinuu daangaa kan hinqabne godinni Geede’oo akkamitti qaama naannoo haaraa kana ta’uu danda’a jechuun gaaffii dhiyeessaniiru.

Godinni Geede’oo naannoo Sidaamaa fi Oromiyaadhaan kan wal daangessu yoo ta’u; godinaalee fi aanaalee amma isaa wajjin hagurmaa’anu jedhaman waliin hariiroo daangaa hinqabu. Godinicha irratti gaaffiin kan ka’e godinichi godinaalee fi aanaalee waliin gurmaa’u kanaa wajjin kilaaterummaa waan hinqabneefi.

Murtichi godina Geede’oo qaama naannoo Amaaraa yookaan naannoo Affaar akka taasisuu ti kan jedhan hooggansi paartichaa; heerri mootummaas godinaaleen wal hindaangessine naannoo tokko ta’uun gurmaa’uu ni danda’u hojmaata jedhu akka hinqabne ibsaniiru.

Walitti qabduun boordii filannoo Itoophiyaa Burtukan Miidhaqsaa dhimmicha ilaalchisuun deebii kennaniin; gaaffichi itti gaafatamummaa boordichaa irra kan darbe ta’uu akka danda’u kaasanii; gaafficha mana maree federeeshiiniitti dhiyeessuun akka danda’amu eeraniiru.

Heerri mootummaa Itoophiyaa keewwati 46 tumaan seeraa gurmaa’insa naannoo ilaalchisuun kaa’e “naannoleen kan gurmaa’an qubannaa ummataa; afaan; enyummaa fi hayyama irratti hundaa’un” jedha.

Gurmaa’insi naannoo haaraa kun kan uummanni fedhu irra haala mootummaaf mijatuun akka raawwatamu murtaa’uu isaa paartileen siyaasaa mormitootaa eeraniiru. Kunis gaaffii uummataa kan furu miti jechuun paartileen siyaasaa adda addaa marichatti hirmaatan dubbataniiru.

Paartiin Adda Diimookiraatawaa Ummata Walaayittaa; ummanni Walaayittaa “naannoo ta’uu yookaan du’a” haala jechaa jiruun; adeemsa farra-diimookiraasii mootummaa boordiin filannoo raawwachiisuuf karoorsuu isaatiin ‘cabi natty dhaga’ameera’ jedheera.

Ummanni haala sirna ukkaamsaa keessa jiruun sirna ukkaamsaa kana caalaatti itti fufsiisuuf hintumsinukan jedhe paartichi; ummanni Sidaamaa mirgi kennameefii haalli uummanni Walaayittaa mirga dhorkamuuf hinjiru jedheera.

“Fedhii ummataa malee murteen ummataa taasifamuun faayidaa maal fida?” milkaa’uus ni danda’aa kan jedhanuu fi naannoon kibbaa amma jiru itti fufuu akka hindandeenye utuu beekamuu “kilaateraan yookaanis kan tureen itti fufta?” jechuun filannoo dhiyeessuun sirriidhaa? gaaffiiwwan jedhan dhiyaataniiru.

Gaaffiiwwan hedduu dhiyaataniif irratti deebii kan kenne boordiin filannoo Itoophiyaa; aangoo labsiidhaan safaramee kennameef qofa akka bahatuu fi qaama raawwachiisaa ta’uu isaa ibsuun; aangoo dhaabbilee biraa keessa hinseenu jedheera.

“Harree sodaatanii daawullaa” akka hintaanes gaaffii ilaallatu qaama ilaallatuuf yoo dhiyeessitan ni wayya “kan Qeesaar Qeesaariif” erga jedhee booda; boordichi murtee ummataa ni kabachiisa jechuun ibseera.

Godinaalee Gaamoo; Goofaa; Koonsoo; Oomoo kibbaa; Walaayittaa fi Geede’oo akkasumas aanaalee addaa Amaaroo; Alee; Baaskeetoo; Burjii fi Daraasheekan of keessatti qabate naannoo haaraa gurmeessuuf Amajjii 29 bara 2015 murtee ummataa geggeessuuf karoorri qabameera.

Kanaafis birrii miliyoona 500 fi miliyoona 41 ol mootummaa irraa bajata gaafachuu isaa kan ibse boordiin filannoo; buufataalee filannoo kuma sadii caalan keessatti filattoonni miliyoona 3.1 caalan hirmaachuu ni danda’u jedheera.


አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 5 2015 No 70

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here