Wal gaarreffannaa mootummaa fi ABO Shanee aanaalee Gindabarat lamaanitti

0
1132

Mootummaan kan kallattiidhaan bulchu – gandoota 10

Shanee jala kan jiran – gandoota 23

Zayitiin abbaa liitira shanii – birrii 1300 hanga birrii 1600 gurgurama

Qullubbii diimaan kiiloo tokko  – birrii 100 oliin

Ashaboon kiiloon tokko – birrii 120

Gindabaratii fi Abuunaa Gindabarat Finfinnee irraa gara lixaatti fageenya kiiloo-meetira 190 irratti naannoo Oromiyaa godina Shawaa lixaa keessatti aanaalee argamani dha. Waggoota dura utuu lamatti hinqoodamin Gindabarat aanaa tokkicha ture. Kibbaan aanaa Jalduu; karaa kibba lixaatiin Amboodhaan; lixaan Horroo Guduruu Wallaggaatiin kan isa qoodu laga Gudariin wal daangessa. Kaabaa fi kibba lixaatiin naannoo Amaaraa Goojjam waliin kan isa qoodu laga Abbaayiin daangeffama. Karaa bahaatiin immoo godina Shawaa kaabaa irraa kan adda isa baasu laga Muugariin daangeffama; naannoo badda-dareetiin kan marfame lafa baddaa ti Gindabarat.

Magaalaa guddoon aanaa Abuunaa Gindabarat Qalaaxee yoo jedhamtu kan Gindabarat immoo Kaachisii jedhamti. Aanaaleen kun lamaan gara waggoota arfan darbaniitiif obonboleettiin rakkoo nageenyaa Oromiyaa lixaa keessa jiru isaanis qaqqabuun; jirenyi isaanii kan gidiraa erga ta’ee waggaa sadaffaa jalqabuu isaanii jiraattonni ni dubbatu.

Jiraataa Gindabarat aanaa Kaachisii kan ta’an Waaqoo Gammachuu (gabaasa kanaaf jedhamee maqaan isaanii kan jijjiirame) akka jedhanitti; mana maree bakka bu’ootaatti gooltummaan kan ramadame ABO Shaneen naannoo sana erga seenee waggoota sadi lakkoofsisaa jira. Yeroo ammaatti gandoota aanichaa keessaa mootummaan kan bulchu kudhan qofaa yoo ta’u; gandoota baadiyyaa hafan 23 kan too’atu ABO Shanee dha.

Ragaaleen duraan turan akka agarsiisanitti; aanaaleen Gindabarat lamaan bara ADWUI-ABUT jalqabee Addi Biliisummaa Oromoo (ABOn) bakka deeggarsa ummataa olaanaa itti qabu keessaa isa tokko. Hiriirota mormii yeroo baay’ee taasifaman irrattis maqaan ABO  ol ka’uun akka dhaga’amaa ture ragaaleen ni mul’isu.

Jiraataan aanaa Gindabarat inni biraa hojjetaan mootummaa Jaarsoo Goobanaa (gabaasa kanaaf jecha maqaan isaanii kan jijjiirame) akka jedhanitti; humni ABO Shanee waggaa lama dura jalqaba gara aanichaatti wayita seenu gandoonni baadiyyaa baay’een gammachuudhaan simatanii turan. Garuu utuu battala hinturin humnichi hawaasa hidhannoo hiikkachiisuu fi dhiibbaa dinagdee irratti taasiuu jalqabeera. Namoota butuun birrii kumoota dhibbaa hanga miliyoonaa gaafata. Qonnaan bulaanis hidhattoota Shanee nyaachisuudhaan nuffeera jedhu. Humna mootummaa fi hidhattoota Shanee gidduutti waraanaa fi wal-dhiibuun taasifamu jireenya hawaasaa daraan akka miidhes ni dubbatu.

Yeroo ammaatti deeggarsi hawaasni ABO Shaneef qabu maal fakkaata jechuun gaaffii Addis Maaledaan dhiyeessiteef jiraattonni Gindabaratii fi Abuunaa Gindabarat deebii kennaniin; ummanni yeroo ammaatti waan godhu dhabeeti malee deeggarsa duraan Shaneef taasisetti guddaa gaabbuu isaa dubbatu.

Kan ta’e ta’ee  humnoonni mootummaa fi kan Shanee irra-deddeebiin wal-waraanuu isaanii; garuu immoo ummanni hanga ammaatti guutummaan akka hinbiliisominii fi aanaalee lamaanitti baadiyyaa bal’aan naannichaa humnoota Shanee jala jiraachuu dha jiraattonni kan dubbatan. Hidhattoonni Shanee namoonni dhuunfaa maallaqa akka kennan; meeshaa waraanaa yoo qabaatan akka kennan gaafatu; kan dide immoo tarkaanfii hanga ajjeechaa jiru itti fudhatu. Haala kanaan namoonni ukkaamfamanii fudhataman; kan du’anii fi saamicha isaan irra ga’een jiraattonni lubbuu ofii balleessan jiraachuus ni dubbatu.

Kana hunda irra jechuun immoo kan humna qabanuu fi kan danda’an aanaalee lamaan keessaa qabeenya isaanii dhiisuun namoonni baqatan baay’ee akka ta’an dubbatu. Kun hundi walitti ida’amee misoomaa fi guddina naannoo sanaa duubatti harkisuu isaa caalaa; har’as taanaan jireenya akka itti qaalesse dubbataniiru.

Aanaa Abuunaa Gindabarat magaalaa Qalaaxee keessa kan jiraatan Salaam Mootii (gabaasa kanaaf jecha maqaan isaanii kan jijjiirame) qullubbii diimaa kiiloo tokko hanga birrii dhibba tokkootiin bitaa jiraachuu dubbatu. Kan akka saamunaa, zayitii, ashaboo fi kan biraa shaqaxoonni aanichatti hin oomishamnee fi Finfinnee irraa dhufan gatiin isaanii kan yaadamuun olitti akka qaala’e eeru.

Haalli kun Gindabaratiifis kan walfakkaatu yoo ta’u; jiraataa Kaachisii kan ta’an Waaqoon akka jedhanitti; ashaboon nuusa kiiloo ta’u safartuu kobbaayyaatiin hanga birrii soddomaatti gurguramaa jira. Zayitiin liitirri shanis hinargamu malee wayita argamu Kaachisiitti hanga birrii kuma tokkoo fi dhibba shaniitti giddugaleessaan gurgurama. Dhiyeessiin wayita jiruu fi sirumatti wayita dhabamu birrii dhibba tokkoo fi dhibba lamaan garaagarummaa agarsiisa.

Qaala’insi gatii irra caalaa guutummaa biyyattiitti haala hubatamuun dabalatatti kan warra Gindabarat adda kan taasise dhimma geejjibaa ti. Gindabarat Gincii booda kan jiru daandiin kiiloo meetira dhibba tokkoo gadi hintaane waggoota hedduuf utuu hinhojjetamin kan turee fi daandii cirrachaa ture. Rakkisaa ta’uu teessoo lafichaa irraa kan ka’e namoonni baay’een balaa tiraafiikaatiin wayita lubbuu isaanii dhaban jiraachuu isaanii fi gara Finfinnee yookaan magaalota biraa deemuuf wayita yaadamu “nagaan gallaa laata?” kan jedhu dhiphina isaanii akka ta’e dubbatu. Daandiidhumti kun ijaarsi isaa gara asfaaltiitti guddisuuf kan jalqabamee ture yoo ta’es rakkoo nageenyaatiin Jalduu gahee dhaabbateera.

Cittoo irratti fanxoo akkuma jedhamu; kutaaleen baadiyyaa aanichaa ABO Shaneedhaan qabamuun isaanii immoo daldaltootaaf haalicha hammaataa waan taasisee fi gochaan buttaa irra-deddeebiin waan mudateef konkolaattonni daldalaa yeroo deddeebi’uu itti dhaabantu ture. Jiraataa aanaa Abuunaa Gindabarat kan ta’an Leencoo Garramaaw (gabaas kanaaf jecha maqaan isaanii kan jijjiirame) akka jedhanitti; amma yeroo muraasa qofa konkolaattonni fe’isaa wal-eeguun; baay’inni isaanii yoo fooyya’e waraana mootummaatiin dabaalamanii hanga Jalduutti geggeessaan ni taasifamaaf. Wayita deebi’anus akkasuma wal eeguun dabaalamanii galu jedhu. Haalli kun warri konkolaataa qaban gatii fe’isaa akka dabalan kan taasise yoo ta’u; wayita nagaatti birrii shantamni kan itti hinkaffalamne kaartooniin saamunaa xiqqaatti hanga birrii dhibba sadii kaffalchiisu jedhan.

Kutaalee aanichaa ABO Shaneen too’atu keessaa manneen barnootaa tajaajila kennuu dhiisan jiraachuu jiraattota irraa hubachuun danda’ameera. Kanaan kan ka’es keessumattuu Kaachisiitti baay’inni barattootaa daraan baay’achuu jiraattonni ni dubbatu.

Maqaan isaanii akka ibsamu kan hinbarbaadin hoogganaa olaanaan bulchiinsa aanaa Gindabarat haala naannicha keessa jiru yaada isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru. Yaada kennaniinis dhimmoonni jiraattonni kaasan hangam tokko sirrii dha jedhaniiru. Akka hooggantichi jedhanitti teessoon lafaa Gindabarat lamaanii garee Shanee gooltummaatti ramadameef shoora akka gumaache dubbatan.

Gindabarat lamaan naannoo isaanii olla waliin kan ittiin wal daangessan lageen akka Muugar; Abbaayii fi Gudar; yaa’a lageen kanaa hordofuun naannoon baddaa fi gammoojjii jiru; misoomni bu’ura daandii dhabamuu fi bal’inni naannichaa … tattaaffii garicha balleessuuf taasifamu hammeessee turuu isaa dubbatu. Humni nageenyaa mootummaa wayita bobba’u teessoo isaanii ariitiidhaan jijjiirratu jedhu hooggantichi.

Humni ABO Shanee guutummaa aanichaa too’achuuf irra-deddeebiin carraaquu isaa jiraattonni kan himan yoo ta’u; hooggantichi akka jedhanitti yaalii garichaa hunda fashaleessuun danda’ameera. Gandoota gareen gooltummaa kun ni bulcha jedhaman ilaalchisee hooggantichi akkasitti ibsu; “humni mootummaa wayita bobba’u bakka tokkoo gara biraatti teessuma uumamaa lafa naannichaa akka dawootti fayyadamuun naanna’uudhaan malee bulchiinsa dhaabbataa ta’e uumaniiru jechuu miti.”

Garuu; gareen gooltummaa kun ummata baadiyyaa gaaga’aa kan jiru yoo ta’u; kaleessa qotuu fi horuudhaan hedduwwan kan nyaachisaa ture ummanni keenya; jaarsoliin utuu hinhafin harka duwwaatti hafuun kadhaatti saaxilamaniiru jedhan hooggantichi. Qaamolee nageenyaa bulchiinsa aanichaatiin dabalatatti humnoonni nageenyaa naannoo fi raayyaa ittisa biyyaa aanichaaf kan ergaman yoo ta’anis; gama humna garichi uumaa jiruutiin humna dabalataa akka barbaachisu hooggantichi ni dubbatu. Kanaafis bulchiinsa naannichaa wajjin dubbataa jirra jedhaniiru.

Magaalaa Kaachisiitti namoonni kuma kudha sadii caalan baadiyyaa irraa buqqa’anii jiru kan jedhan hoogganaan kun; buqqaatonni kun gara caalaan hojjetaa mootummaa ta’uun kan uummata tajaajilaa turanii dha. Hooggantoonni bulchiinsa aanichaa kutannoodhaan ummataa wajjin rakkinicha qolataa jiraachuu eeruun; ‘bajata keenya irraa hir’isuun midhaan bituun lubbuu namaa baraaruuf tattaaffii taasisneerra” jechuun dubbatu.

Jiraattonni aanaaleen Gindabaratii fi Abuunaa Gindabarat akka jedhanutti aanaaleen isaanii oomishaalee qonnaa bal’aa kan qaban; albuudaan kan badhaadhanii fi kennaa umamaa hedduu kan qaban dha. Qabeenya isaa dilbii kanaan of irraa hafuun oomisha isaa biyyaaf dhiyeessaa kan jiraate ta’us; amma garuu nagaan bahanii galuunis rakkoo waan itti ta’eef ummanni rakkina hammaataatti saaxilamaa jira jedhan. Seenaa isaaniitiin dhaga’anii kan hinbeekne gara-jabeenyummaa hedduu arguu isaaniis himaniiru.

Jiraattonni aanaalee lamaanii dubbisne gama mootummaatiin tattaaffiiwwan taasifaman ilaalchisuun gaaffii dhiyeessineef; nagaa fi tasgabbii aanichaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman yoo jiraatanis gahaa miti jedhu. Hanga yoomiitti haala kanaan jiraanna? gaaffii isaanii isa ijoo dha.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here