Hojiin kemikaala dhabamsiisuu waggaa lama dura jalqabame duubatti harkifachuun ibsame

0
556
  • Keemikaalli hindhabamsiifamin tooniin kuma tokkoo fi 43 ni jira

Waggaa lama dura kan jalqabame keemikaalota yeroon isaanii irra darbe kan akka DDT, Orgaanoo foosfeetii fi Orgaanoo kilookiriin jedhaman hojiin dhabamsiisuu sababoota adda addaatiin hanga ammaatti akka hinxumuramin abbaan taayitaa egumsa naannoo Itoophiyaa Addis Maaledaatti beeksise.

Abbaa taayitaa egumsa naannootti daarikteerri kabaja hordoffii fi too’annaa seera naannoo Girmaa Gammachuu Addis Maaledaatti akka beeksisaniiti; adeemsa keemikaalota dhabmsiisuu marsaa sadiitti qoodameen hanga yoonaatti isa jalqabaatiin man-kuusaa keemikaalota giddugaleessaa Adaamii-Tulluutti kan argamu keemikaala toonii 460 keessaa tooii 240 qofa biyya keessaa baasuun akka danda’ame ibsaniiru.

Kan hafe toonii 220 hojiin saamsuu immoo dhibbeentaan 97.5 kan xumurame yoo ta’u; man-kuusaa keemikaalotaa giddugaleessaa Adaamaatti argaman keessaa marsaa lammaffaadhaan dhabamsiisuuf kan karoorfame toonii 310 hojiin saamsuu immoo torban kana akka jalqabame ibsaniiru.

Hojiin keemikaalota kana dhabamsiisuu hanga yoonaatti xumuramuun akka irra ture kan ibsan Girmaan; sababa weerara vaayireesii Koroonaatiin waan addaan citeef keemikaalota kana dhabamsiisuuf kan barbaachisan hojiiwwan waraqaa akkasumas keemikaala dhabamsiisuuf kan barbaachisu adeemsa geejjiba idil-adunyaa irratti harkifannaa mudatan furuun hojicha akka duubatti harkisan Girmaan dubbataniiru. Waraanni Ruusiyaa fi Yuukireenis keessumattuu adeemsa geejjibaa galaana irratti taasifamu dhabuun sababa tokko ta’uu Girmaan eeraniiru.

Yeroo xumuraatiifis ji’a Caamsaa bara 2014 keemikaalli konteenerri torba biyya keessaa akka bahe kan himan Girmaan; duubatti harkifannaan kan uumame sababoota too’annaa mootummaa Itoophiyaatiin ala ta’een jedhan.

Keemikaalota dhorkuuf dhaabbata egumsa naannoo adunyaatiin (Global environmental facility) karaa sagantaa egumsa naannoo dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin kan ramadame doolaara miliyoona 4.5 deeggarsa taasifameen hojjetamaa jira jedhan. Waliigalteen dhorkaa kan itti hintaasifamnee fi hojii dhorkiinsa marsaa sadaffaatiin kutaalee Itoophiyaa adda addaa keessaa walitti qabamuun kan dhorkamu keemikaala toonii 513 dhabamsiisuufis hojii keemikaala dhabamsiisuu marsaa lamaanii hojjetaa kan jiru Vaayoliyoo invaayiroonmentaal serviisis wajjin sagantaa egumsa naannoo dhaabbata mootummoota gamtoomanii wajjin waliigalteen akka taasifamu beekameera.

Vaayoliyoo invaayiroonmentaal serviisis damee kanaan muuxannoo waggaa 20 olii kan qabu yoo ta’u; Itoophiyaan kuufama keemikaalaa waggoota 16 dura qabdu wayita dhabamsiiftetti soora olaanaa dhaabbata bahatee dha.

Hojiin keemikaalota dhabamsiisuu kun utuu hinjalqabamin dura kuufamni DDT; Organoo foosfeetii fi Orgaanoo kilooriin tooniin kumni tokkoo fi 283 kan ture yoo ta’u; kana keessaa keemikaalli tooniin kumni tokkoo fi 43 hanga ammaatti kan hindhabamsiisfaminii dha.

Waliigalaan hojiin keemikaalota dhabamsiisuu kun instiitiyuutii teekiniikaal Afriikaa jedhamuu fi dhaabbanni teessoo isaa Afriikaa kibbaa keessa taasifate kan qindeessu yoo ta’u; ministeerri fayyaa fi abbaan taayitaa egumsa naannoo Itoophiyaa immoo kutaa teekiniika isaa hoogganu.

Ministeerri fayyaa fichisiisaa keemikaalota kanaa waan ta’eef itti gaafatamummaan keemikaalota kana dhabamsiisuus kan isaa yoo tures; abbaan taayitaa egumsa naannoo itti gaafatamni isaa guddaan keemikaalonni kun namaa fi naannoo irraan miidhaa akka hingeessisne taasisuu ta’uu isaatiin ministeera fayyaa wajjin qindoominaan hojjetaa akka jiran Girmaan himaniiru.

Keemikaalota dhabamsiisuun biyya keessatti raawwatamuu waan hindandeenyeef kuufamni keemikaalaa Itoophiyaa baasii dhabamsiisaa olaanaadhaan keemikaalota hedduu kukkutuudhaan biyya Ispeenitti akka dhabamsiifamu beekuun danda’ameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here