Ijaarsa masaraa haaraa “piroojeektii bosonaa” jedhameen walqabatee; lammiiwwan naannoo isaa jiraatan hedduun manni jireenyaa keenya tasa nurratti diigamaa jira jechuun komii isaanii Addis Maaledaatti ibsan.
Kanaanis jiraattonni magaalattii Faransaayii hanga Yakkaa Abbaadootti jiran hanga yoonaatti abbootiin warraa gara 100tti siqan manni isaanii tasa akka diigame dubbataniiru. Jiraattonni naannoo sanaa manni isaanii tibba kana tasa diigame manni isaanii kan diigame akeekkachiisa tokko malee akka ta’e ibsaniiru.
Abbootiin manaa naannichatti kaartaa qilleensaa qabna jedhan “manni keenya yoom akka diigamu wayita gaafannu; hindubbannu halkan dhufnee diigna” deebiin jedhu qaamolee mootummaa biraa akka isaan qaqqabe dubbataniiru.
Kutaa magaalaa Yakkaatti lafti Faransaayii hanga Yakkaa Abbaadootti jiru jiraattoti kumoota kudhaniin lakkaa’aman kan irra jiraatan yoo ta’u; jiraattonni naannichaa yeroof manni isaanii hindiigamin “manni keenya tasa diigama” jechuun yaaddoo hamaa keessa akka jiran eeran.
Ijaarsi masaraa mootummaa “piroojeektii bosonaa” jedhame bara 2013tti wayita ifa taasifame; waajjirri ministira muummee akkasumas kutaa magaalichaa waliin maryannee waliigaltee irra gahamee kan ture yoo ta’es; amma kan ta’aa jiru garuu kanaan ala jechuunis komattoonni dubbataniiru. “Nuti akka hinbuqqaane; inumayyuu bakka jirrutti akka misoomnu ture kan nutty himame; hata’u malee tasa dhufuun mana keenya diiguun dirree irratti nu bittinneessaa jiru” jedhan namoonni manni isaanii tasa diigame.
Piroojeektichi wayita gara hojiitti galu sadarkaa sadarkadhaan kaatu jechuun manni tokko tokkoon keenyaa safaramee; qabeenyi keenyas lakkaa’amee; wanti hunduu galmaa’ee ture kan jedhan jiraattonni; kun wayita ta’u mootummaa abdannee utuu jiraannuu manni keenya tasa diigamaa jira komii jedhu dhageessisaniiru.
Haala kanaan ijoollee keenya akkamiin barsiifanna kan jedhan jiraattonni; mana keenys si’a tokkoon diiguun hojii mootummaa irraa eegamuuyii jechuun gaafataniiru.
Miseensonni poolisii akkasumas qaamoleen aanaa fi kutaa magaalaa kan keessa jiran humni waloo mana keenya diigu ni jira jechuun jiraattonni eeraniiru. Qaamoleen humna waloo diigdotaa jedhaman waadaa duraan waajjira ministira muummeetiin nuuf seename wayita itti himnu deebii hinbeeknu jedhu kennuu malee sababa biraa nutty hinhiman jedhan.
Piroojeektichaan kan ka’e manni keenya akka hindiigamnee fi akka hinbuqqaane walitti qabanii wayita nu mariisisanitti kan turan minister deetaa waajjira ministira muummee Aamtsahaay Phaawuloositti koree hundeessuun wayita erginus “hinjiran” sababa jedhuun rakkoon keenya dhaga’amaa hinjiru jedhaniiru.
Komii keenya qaamolee mootummaa adda addaatti wayita dhiyeffannu tokko tokko hinbeeknu nuun jedhu kan jedhan jiraattonni; “piroojeektich nuyis ni deeggarra; garuu kan ummata hinhubne akkasumas ijoollee keenya mana barumsaa irraa kan hinhambisne ta’uu qaba” jedhaniiru.
“Nutis lammii dha” kan jedhan jiraattonni manni isaanii diigame; manni keenya kan ‘addeessaa ti’ yoo jedhame kan diigamuun irra ture amma akka tasaa utuu hintaane jalqaba isaatti ture jedhu. Ibsaa, bishaanii fi misooma bu’uraalee kana fakkaatan mootummaan nuuf dhiyeessaa ture kan jedhan jiraattonni; bakkicha irra abbootiin warraa hedduun waggaa 20 ol jiraatan akka jiran yaadachiisaniiru. Jiraattonni manni isaanii tasa jalaa diigame haala-duree tokko malee kan mana hinqabne ta’uun isaanii rakkoo hamaatti akka isaan saaxile dubbataniiru.
Addis Maaledaan deebii minister-deetaa waajjira ministira muummee kan ta’an Alamtsahaay Phaawuloos argachuuf deddeebitee yoo yaaltes utuu hinmilkaa’in hafeera.
አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 19 2015 No 72


