“Ho’i adunyaa dabalaa jira. Cabbiin baqee; olka’insi galaanaas dabalaa jira. Lubbu qabeeyyii hedduun badaa jira. Sanyiin bineensotaa fi biqilootaa gara fuula-duraatti hinarganne hedduu dha. Sababani kana hundaa jijjiirama qilleensaa fi babal’ina induustirii ta’uun isaa ifaa dha. Kanaaf jijjiiramni qilleensaa dhimma nyaachuu fi nyaachuu dhabuu; dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’eera.” Kun ilaalcha ogeeyyii jijjiirama qilleensaa ti.
Karaa pilaastikoonni deebi’anii faayidaaf oolan irratti xiyyeeffannoodhaan yoo hinhojjetamne; qorattoonni bu’aawwan qorannoo adda addaa furmaata of keessaa qaban yoo hibeeksisin; mootummaanis filannoowwan imaammataa adda addaa cimaa ta’an hojii irra yoo hinoolchine akkasumas lammiiwwan hubannoo horachuudhaan gahee gama isaanii yoo hingumaachine adunyaan balaa hammaataa adeemutu ishee eeggata jedhu hayyoonni.
Jijjiiramni qilleensa adunyaa akkasiin yoo itti fufe dhala namaa lafa irraa balleessuu akka danda’u qoranoon tokko yuunivarsiitii Kaambiriijitti ifoomeera.
Jijjiirama qilleensaa ittisuun yoo hindanda’amin badii qaqqabuu danda’u tilmaamuun akka hindanda’amne ogeeyyiin ni kaasu. Gabaasni fandii beeladoota bosonaa adunyaa bara kanaa akka mul’isutti; hangi beeladoota bosonaa dhibbeentaa 69 hir’ateera. Maddi bishaan adunyaas akkasuma dhibbeentaa 83n hir’ateera.
Adunyaa manca’ainni heddumina lubbu-qabeeyyii olaanaan kan ishee mudate yoo ta’u; manca’inni hammaataan (dhibbeentaan 94) kan umame Ameriikaa-kibbaatti akka ta’e ibsameera. Itti aansuun Afriikaatti dhibbeentaa 60; Eshiyaatti dhibbeentaa 55; Ameriikaa kaabaatti dhibbeentaa 20; akkasumas Awurooppaatti dhibbeentaan 18 akka uumame dhaabbatichi ibseera.
Badiin kun namoota hedduu biratti sochiisummaa yeroo gara fuula-duraa kan agarsiisu balaa hinyaadamnee dha jedhameera.
Dhiyeenya kana xiyyeeffannaa isaa jijjiirama qilleensaa irratti taasifachuun marii gaazexeessitootaaf qophaa’e irratti argamuudhaan yaada kan dhiyeessan ogeessi hir’isa jijjiirama qilleensaa Simrat Tarrafaa; dhabbata fayyaa adunyaa wabeeffachuun akka ibsanitti; Afriikaanonni miliyoona 200 fi miliyoona 30tti siqan gaaga’ama hanqina bishaanii keessa jiraatu.
Lakkoofsi kun akka bara faranjootaa 20130tti gara miliyoona 400 fi miliyoona 60tti akka olka’u hubachiisuun; sababa jijjiirama qilleensaatiin keessumattuu gara Afriikaatti rakkoo hammaataan dhufaa jiraachuu isaatiif agarsiiftuu baay’eetu jira jechuun ibsan.
Akka lakkoofsa faranjootaa bara bara 2019tti biyyoota jijjiirama qilleensaatiin gar-malee hubaman keessaa shan biyyoota Afriikaa ti kan jedhan ogeettiin kun; ardittii keessatti namoota du’an sadii keessaa tokko rakkoo yookaan dhibee sababa jijjiirama qilleensaatiin akka ta’e eeraniiru.
Kanaaf; Afriikaan sababa jijjiirama qilleensaatiin hubamtuu jalqabaa taatee utuu jirtuu adunyaa irraas ta’ee ardittii keessaa xiyyeeffannaan dhimmichaaf kenname gadaanaa ta’uu ibsaniiru.
Afriikaadhaaf Xiyyeeffannaan Addaa Maaliif Barbaachisa?
Akka ibsa ogeettii kanaatti; utubaa olaanaan dinagdee ardittii qonnaa waan ta’eef; hawaasni kan mana ijaarratu jijjiirama qilleensaatiin walqabsiisuun waan hintaaneef akkasumas humni jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dandamachuuf qabnu gadaanaa waan ta’eef; adunyaas ta’ee ardittiin dhimma kanaaf xiyyeeffannaa addaa qabaachuu qabu jedhaniiru.
Adunyaan hundi saaxilamaa jijjiirama qilleensaa yoo ta’es; Afriikaan garuu addatti hubamtuu dha jedhu. Humna tekinooloojii gadaanaa; sirna siyaasaa dadhabaa; dinagdee dadhabaa akkasumas dhaabbilee dadhabaa fi sababoonni biraa walitti ida’amuun humna dandamannaa Afriikaa dadhabaa taasisuu ibsaniiru.
Dhiyeenya kana Awurooppaa keessatti hongee hammaataan waggoota 500 keessatti hinmudatin uumameera. Garuu dandeettiin ittisuu fi dandamachuu isaanii olaanaa waan ta’eef hanga hammeenya rakkinichaatti utuu hinodeeffaminii fi utuu hinbeekamin hafeera jechuunis itti dabaluun dubbataniiru.
Marii Jijjiirama Qilleensaa
Erga jalqabamee waggoota 28 kan lakkoofsisee fi sababa weerara vaayireesii Koroonaatiin waggaa tokkoof kan addaan citee ture yaa’iin marii jijjiirama qilleensa adunyaa (COP 27) bara kana Ijiptitti taa’ama.
Yaa’ii kanaanis sababa qilleensa faalamaa biyyoonni badhaadhan qilleensatti gadhiisanuutiin rakkoowwan jijjiirama qilleensaatiin dhufan hedduun dararamaa kan jirtu Afriikaan falmattuu jabduu ta’uun murteewwan faayidaa qaban akka murteessistu abdatameera. Itoophiyaanis yaa’ii kana irratti shoora olaanaa akka qabaattuu fi kana milkeessuuf ammumaan qophiiwwan barbaachisan taasifamuu akka qaban eerameera.
Yaa’ii kana irratti hooggantoonni biyyoota baay’ee argamuudhaan; raawwii murteewwan yaa’ii darbeen murtaa’anii ni madaalu. Murteewwan furmaataa haaraa ni murteessu. Walii isaaniitiin mariiwwan adda addaa ni taasisu.
Yaa’iiwwan hunda irra kan Ingiliizitti taa’ame yaa’ii 26ffaa irratti murteewwan gaariin kan murtaa’an yoo ta’u; kanaanis biyyoonni qilleensa gubataa gadhiisanu hir’suu irratti hojjechuuf tumsa kan itti uuman ta’uu isaatiin ibsama.
Itoophiyaanonni ogeeyyii jijjiirama qilleensaa yaa’ichatti hirmaatanii turan akka ibsanitti yoo ta’e; biyyoonni guddatan ittisa jijjiirama qilleensaatiif kan waadaa galan doolaara biliyoona 100 hanga bara faranjootaa 2025tti dachaadhaan ni arjoomna jedhanii turan.
Hanga ho’a adunyaa digirii sentigireedii 1.5n hir’isuufis karoorri kaahamuu ogeeyyiin ibsaniiru.
Ameriikaa fi Chaayinaan dhimma jijjiirama qilleensaa irratti waliin hojjechuuf waliigaltee irra gahuun isaaniis bu’aa yaa’ii kanaa ture. Hooggantoonni biyyootaa 100 ol (wal-ga’iinsi bosonaa dhibbeentaan 85 kan keessa jiru) manca’insa bosonaa dhaabsisuuf waadaa galaniiru. Haala walfakkaatuun hooggantoonni biyyootaa 100 ol “gaazii miteenii” gadhiifamu dhibbeentaa 30n hir’isuuf waliigalaniiru.
Dhaabbileen maallaqaa waggaatti doolaara tiriiliyoona tokko yookaan hanga doolaara tiriiliyoona 100 fi tiriiliyoona 30 ijaarsa anniisa haaromuu fi eegumsa naannoo irratti hojjechuuf waadaa seenanii turan. Hata’u malee nuusi isaatuu akka hinraawwatamin ogeeyyiin eeraniiru.
Hooggantoonni Chaayinaa, Ruusiyaa fi Biraaziil sababni yaa’icha irratti hinargamneef akkasumas Indiyaan kaarboonii gadhiifamu hir’isuuf malee dhaabsisuuf waliihingalu jechuun ishee gufuu tokko ta’uun isaa ka’eera.
Jijjiirama qilleensaa dhaabsisuuf yaadamee karoorri qophaa’e (A.L.A. 2030) hojii irra yoo hinoolle; hangi ho’a adunyaa sentigireedii 2.1 hanga digirii sentigireedii 2.4tti ol ka’a jedhameera. Karoorri bara 2030 immoo laafaa fi hojii irra ooluu kan hindandeenye ta’uu ogeeyyiin ni ibsu.
Yaa’ii 21ffaa irratti biyyoota guddataa jiraniif waggaatti beenyaan doolaara biliyoona 100 akka kaffalamuuf kan murtaa’ee ture yoo ta’es; hanga yoonaatti kan kaffalame dhibbeentaa saddeet qofa ta’uutu ibsameera.
Gaazii faalamaa qilleensatti gadhiifamu waggaa waggaadhaan dhibbeentaa afuriin kan hir’istu Koongoof; qabeenya uumamaa ishee kana eeguuf doolaarri biliyoonni hedduun waadaa yoo seenameefis raawwiin isaa garuu gaaffii keessa jira jedhameera. Kanaaf; yaa’iin ji’a Sadaasaa dhufu Ijiptitti taa’amuun waadaawwan kanaan dura seenaman hojii irra ni oolu jedhamee akka eegamu ogeeyyii irraa dhaga’ameera.
Ta’us Itoophiyaa dabalatee Afriikaan gaazii faalamaa biyyoonni guddatan sadarkaa olaanaadhaan gadhiisanuun hubaatii isaan irra gahee fi gara fuula-duraattis isaan mudatuuf beenyaa miidhama isaanii gaafachuu qabu moo gaazii faalamaa gadhiisan hir’isuuf xiyyeeffannoo kennuu qabu kan jedhu dhimma baay’ee falmisiisaa dha.
Tokko tokko Afriikaan biyyoota badhaadhaniin kan ka’e hubamtuu jijjiirama qilleensaa taatee kan jiraatte bara induustirii irraa jalqabdee akka ta’e dubbatu. Kanaan kan ka’e maallaqni argannu gargaarsa osoo hintaane beenyaa sirrii waan ta’eef cimsinee falmuu qabna jechuun ibsu.
Itti dabalunis; nuti dandeettii guddisuuf malee hanga gaazii gadhiifamuu hir’isuu hinqabnu. Biyyoonni guddatan akka hir’isnuuf nu deeggaruu barbaadu. Nuyiif gadhiisa gaazii faalamaa dhaabuuf yookaan hir’isuuf waliigaluu jechuun immoo induustirii hinbabal’isnu jechuun akka murteessuu ti. Erga al tokko murteessinee booda immoo nan gaabbee naaf ha jijjiiramu jechuun hindanda’amu. Kanaaf haala kanaan falmuun hinta’u jedhu.
Kana caalaatti humna itti baruu fi dandamachuu (adaptation effort) guddisuuf hojjechuu fi kanaaf akka ta’uttis kaffaltii beenyaa biyyoota gaddataniin waadaa seename atattamaan akka raawwatamu taasisuun kanuma irratti ciminaan hojjechuu barbaachisa jedhu.
“Maallaqa waan arganneef jechuun dhimma dhiisnu miti; yaaddessummaa rakkinichaatiin kan ka’e Afriikaanis beenyaa fudhachuu qofa osoo hintaane gaazii faalamaa gadhiiftu hir’isuuf waliigaluu qabdi” kan jedhanus ni jiru.
Yaa’ii falmii jijjiirama qilleensaa 24ffaa (COP 24) Poolaanditti taa’ametti akka hirmaate kan ibse gaazexeessaa Damissi Makuraa; Itoophiyaan biyyoota 10 jijjiirama qilleensaa hammaataadhaan hubaman keessaa tokko ta’uu ishee kaaseera.
Kanaanis; oomishni hir’achuu; gubata; hanqina bishaanii; rooba yeroo isaa hineegganne; dhukkubaa fi hongeen rakkoowwan jijjiiramni qilleensaa uumee dha jechuun ibsa.
Dhaabbilee sab-quunnamtii Itoophiyaa fi Afriikaa biratti dhimmichi kan xiyyeeffannaan dhabe ta’uu ibsuun; yaa’ii Poolaanditti taa’ametti gaazexeessitoota hirmaatan kuma tokkoo ol keessaa; gaazexeessitoota Afriikaa bahaa afur dabalatee Afriikaa keessaa kan hirmaatan 30 qofa turan. Kunis ardittiitti xiyyeeffannaan dhimmichaaf kenname hangam gadi-bu’aa akka ta;e mul’isa jechuun dubbateera.
Carraa Gaarii dhaabbilee Sab-quunnamtiif
Dhaabbileen sab-quunnamtii xiyyeeffannaa isaanii jijjiirama qilleensaa irra taasisuun gabaasaalee walitti fufan hojjechuuf yeroo ammaa mata-dureewwan hedduun akka jiran eerameera.
Kana keessaa tokko waggaa waggaadhaan biqiltuuwwan baay’een kan itti dhaabaman sagantaa ashaaraa magariisaa ta’uun eerameera. Kanaanis biqiltuu biliyoona 500 dhaabuun yoo danda’ame gaazii gubataa qilleensa keessa jiru harka afur keessaa tokko (nuusa) hir’isuun akka danda’amu ibsameera.
Dabalataanis ijaarsaa fi babal’isa anniisa haaromuutiin walqabatee; qoodni hidha haaromsa guddichaa; anniisni qilleensaa fi hurka akkasumas hurka irraa argamu hanga meegaa waatii kuma 60 waan ta’eef kana irratti bal’inaan hojjetamuu qaba jedhameera.
Itoophiyaan bosona misoomsuudhaan gurgurtaan kaarboonii jalqabde; kaffaltiin beenyaa biyyoota guddatan irraa argamu akkasumas tattaaffiin haala qilleensaatti madaquu fi dandamachuu dhaabbilee sab-quunnamtiif xiyyeeffannaa gabaasaa ijoo ta’uu akka danda’aman ibsameera.
አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 19 2015 No 72


