- Ammas hojjettoonni komii qaban ni jiru.
Naannoo kibbaa godina Goofaa aanaa Maloo Gadaatti hojjettoota sababa raga barnootaa sobaatiin hojii irraa ari’aman 119 keessa hojjettoonni ragaa sirrii qaban jiraachuu aanichi beeksise.
Bulchaan aanaa Maloo Gadaa Fiqiree Abbabaa Addis Maaledaatti akka beeksisanitti; baay’inni isaanii kan hinibsamnee fi tarkaanfiin hojii irraa ari’amuu kan irratti fudhatame komii dhiyeeffataniin ragaan isaanii irra-deebiin wayita ilaalamu hojjettoonni ragaan isaanii sirrii ta’ee argame hojiitti deebifamuu isaanii himaniiru.
Hojjettoota 208 aanichatti qacaramuun hojjetan irratti koree ogeeyyii godinaa fi aanaa irraa walitti baba’een calallii taasifameen hojjettoonni 119 ragaan barnootaa sobaa irratti argameera jedhamuun Waxabajjii 27 bara 2014 xalayaa barreeffameen tarkaanfiin hojii irraa ari’amuu irratti fudhatameera.
Hata’u malee hojjettoota hojii irraa ari’aman gidduudhaa hojjettoonni ragaa barnootaa sirrii qaban komii isaanii irra-deddeebiin kan dhiyeeffataa jiran yoo ta’u; kana gidduudhaa komiin koreetti dhiyeeffatan fudhatama argachuun hojjettoonni gara hojiitti deebi’an jiraachuu Fiqireen mirkaneessaniiru.
Adeemsi ragaalee calaluu kun hangam amansiisaa ture jechuun kan gaafataman Fiqireen; korichaan tattaaffii olaanaan taasifamee madaalliin mirkaneessaa gahumsaa utuu hinhafin mirkaneessuuf akka yaalame ibsaniiru. Walqabsiisuunis hojii ragaalee calaluu korichaa irra qaawwaan akka ture sababa komiitiin ragaaleen wayita calalaman mirkanaa’uu eeraniiru.
Hata’u malee kun kan uumame hata’u jedhamee osoo hintaane ragaalee calaluuf daandiiwwan walxaxaa fayyadamuun barbaachisaa waan tureef jedhan. Akka fakkeenyaattis hojjettoonni ragaalee sobaa fi sirrii walitti makuun qabatan jiraachuu ibsuun; utuu tarkaanfiin hinfudhatamin dura hanga danda’ameen calaluuf akka yaalame dubbataniiru.
Ammas hojjettoonni aanichaa akka maleetti ari’amneerra jedhan kan jiran yoo ta’u; komiin isaanii ji’oota sadan darban siruma akka deebii hinargati dubbataniiru.
Bara 2011 godinni Gaamoo-Goofaa godinaalee Gaamoo fi Goofaa jedhaman lamatti wayita qoodame bakka hojjetaa turan aanaa Maloo Kozaa irraa gara aanaa Maloo Gadaatti jijjiiramuu isaanii kan ibsan komataan Asmallaash Mangashaa jedhaman akka ibsanitti; waliigalaan waggoota shanii fi ji’oota kudhaniif hojii isaanii hojjetaa turan irraa karaa sirrii hintaaneen akka geggeeffaman dubbataniiru. Kooleejii Paaraadaayiz Shaashamanneetti argamu irraa dhuunfaadhaan digirii jalqabaa ‘akkaawuntiingiidhaan’ fudhachuu isaanii kan ibsan Asmallaash; biiroo faayinaansii aanaa Maloo Gadaatti dursaa garee adeemsa hojii odiitii fi inspeekshiinii ta’uun tajaajilaa akka turan dubbataniiru.
Hata’u malee dhimmicha irratti ibsa akkan kennu utuun hingaafatamin Waxabajjii 27 bara 2014 xalayaan na qaqqabeera kan jedhan Asmallaash; ragaan barnoota isaanii sirrii akka ta’e ibsuun komii yoon dhiyeeffadhes hanga ammaatti deebiin naaf hinkennamne jedhan. Wayita hojii irraa ariamanis miindaan ji’a Waxabajjii dursanii hojjetan akka hinkennaminiif ibsuun; deebii sirrii waan hinargatiniif rakkootti saaxilamuu isaanii dubbataniiru.
Komii-dhiyeeffataan kan biraa Gabre’ab Ayyaaloo akka jedhanitti immoo kooleejii teekiniikaa fi ogummaa Saawulaa irraa sarveeyiingiin sadarkaa arfaffaan kan eebbifamanii fi raga mirkaneessa ogummaa kan qaban yoo ta’u; mana qopheessaa aanichaatti ogummaan miindeffamanii hojjetaa turan. Hata’u malee miindaan isaanii hir’ifamee hojjetaa gita walfakkaataa irra hojjetaa turee fi muuxannoo hojiitiin kan isaanii gadi ta’ee gadi taasifamuu isaanii dubbataniiru. Dhimma kanaaf osoo komii dhiyeeffataa jiran hojjettoota biraa wajjin sababa raga barnootaa sobaa jedhuun hojii irraa akka ari’aman ibsaniiru.
Waa’ee komattoota komii dhiyeeffatanii deebii hinargatinii kan dubbatan Fiqireen; adeemsi calallichaa yeroo waan fudhatuuf malee komiin nama hundumaa deebii ni argata jedhaniiru. Dhiyeeffattoota komiitiif waa’ee miindaa hinkaffalaminii kan gaafataman Fiqireen; hojjettoonni ragaa barnootaa sobaa qabatanii argaman “miindaa kaffaluufii osoo hintaane miindaa hanga hojii irraa geggeeffamanutti fudhatan deebisiisuu fi tarkaanfiin barbaachisaan akka irratti fudhatamu gochuuf qopha’aa jirra” jechuun dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 19 2015 No 72



