Rakkoowwan walxaxaa Itoophiyaa mudateef furmaata ni fida jedhamee kan abdatame marii biyyaalessaatiif qaamolee qooda olaanaa qaban keessatti kan ramadaman waldaaleen siivilii; waa’ee marii biyyaalessaa hubannoo gahaa akka hinqabne qu’annoodhaan mirkanaa’eera.
Qorannicha kan taasise mana maree dhaabbilee hawaasa siivilii Itoophiyaa yoo ta’u; qu’annichaan waldaaleen siivilii waa’ee marii biyyaalessaa hubannoo qabanii fi hanqinoota qaban akkasumas ciminoonni jiran adda bahaniiru. Qu’annichaan akka ibsametti yoo ta’e; waldaaleen siivilii hedduun haala wayitaawaa Itoophiyaa gahumsaan hubachuu irratti hanqinoota akka qabanii fi marii biyyaalessaa irratti hojjechuuf fedha yoo qabaatanis hubannoo gahaa akka hinqabne beekameera.
Waldaaleen siivilii 140 ta’an qu’annichatti kan hirmaatan yoo ta’u; hedduun isaanii waa’ee marichaa hojjechuuf fedha yoo qabaatanis hanqinoota adda addaa akka qaban eerameera. Marii biyyaalessaa irratti shoora olaanaa akka qaban waldaaleen siivilii mataan isaanii irra-deddeebi’uun wayita ibsan kan dhaga’amu yoo ta’es; gurmaa’inoonni waldaalee siivilii dhimma kana irratti hojjetanis uumamaniiru.
Hata’u malee akka fedhii isaanii fi shoora qabaniitti waa’ee marii biyyaalessaa hanga yoonaatti waan hojjechuu qaban hojjetaniiru jechuun akka hindanda’amne irra-deddeebiin ni ibsama. Kanaafis akka sababa ijootti kan ka’u hanqina hubannoo; dhabiinsa qabeenyaa fi hanqina humna namaa dame kanaan jiru ta’uun kan eeramanii dha.
Manni maree dhaabbilee hawaasa siivilii Itoophiyaa; manni mare waliinii paartilee siyaasaa Itoophiyaa fi ministeerri nageenyaa adeemsa marii biyyaalessaa irratti walitti dhiyaachuu fi qindoomuun hojii fooyya’e hojjechuuf waliigaltee isaan dandeessisu waliin mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Bu’ura kanaan dhaabbileen sadan faayidaa marii biyyaalessaa irratti sagantaalee hubannoo uuman qindeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Manni marichaa miseensotaa fi qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun damee hawaasa siiviliitiin adeemsa hubannoo marii biyyaalessaa jiru gabbisuuf mata duree “hirmaannaa ho’aa dhaabbilee hawaasa siivilii milkaa’ina marii biyyaalessaa bu’a-qabeessaaf” jedhuun hojii hubannoo horachiisuu raawwataa akka akka jiru beeksiseera.



