Dargaggoonni saddeet humnoota nageenyaatiin ajjeefamaniiru.Roobii Gurraandhala 8 bara 2015 (Addis Maaledaa) Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Gobbuu-Sayyootti qaaxxeen buqqaatota irratti raawwatame walitti bu’iinsi naannicha keessatti itti fufe nageenyi namoota siivilii sadarkaa hammaataa irra gahuu isaa kan mul’isu ta’uu Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.
Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qaaxxee bakkichatti raawwatame ilaalchisuun ibsa Addis Maaledaaf ergeen; naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Gobbuu-Sayyoo magaalaa Aannootti Amajjii 25 bara 2015 qaaxxeen buqqaatota giddugaleessa taasifachuun raawwatame lubbuu, qaamaa fi qabeenya namaa irraan hubaatii qaqqabsiisuu qorannoo taasiseen mirkaneessuu beeksiseera.
Qaaxxeen kun kan raawwatame garee “Adda Biliisummaa Oromoo” jechuun of waamuu fi mootummaadhaan “Shanee” jedhamuun garee shororkeessaa jedhamu ta’uun himameera. Bara 2014 jalqabuun gargaarsi bakkawwan qaaxxeen uumame gandoota 13 keessaa godaanuun magaalaa Aannoo buufata qubannaa keessatti; akkasumas buufata qubannaatin alatti hawaasa waliin walitti makamauun godaantonni jiran baay’ inni isaanii kuma 10 fi 800 ol gaheera.
Qaaxxee garee hidhataa kanaan qaqqabeen hoogganaan hojii naannoo tokko konkolaachisaa isaanii waliin dabalatee yoo xiqqaate namoonni 50 ta’an ajjeefamuu Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksiseera.
Kana keessaas miidhamtoonni 42 buufata qubannaa buqqaatotaa keessaa fi hawaasa isaan simatee wajjin walitti makamanii kan jiraataa turan; akkasumas jiraattota mootummaa ni deeggaru jedhaman turan. Namoota du’an keessaa afur dubartoota; sadii immoo daa’imman ta’uun eerameera.
Gama biraatiin raayyaan ittisa biyyaa erga magaalattii deebisee too’atee booda shakkii “Shanee tumsitaniittu” jedhuun dargaggoota saddeet erga too’annaa jala oolchanii booda humnoota nageenyaatiin ajjeefamuu isaanii Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa mirkaneesseera.
Koomishiiniin koomishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa; bakkeewwan namoonni sababa walitti bu’iinsaatiin buqqa’an itti qubatan qiyyaafannaa hubaatii taasisuun haala kamiinuu fudhatama kan hinqabnee fi gochaa tumaalee mirgoota namoomaa sadarkaa adunyaatiin kan wal faallessu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan nageenya namoota siivilii eegsisuuf dirqama qabu sirnaan bahachuun cinatti; naannicha keessatti nageenya namoota siivilii fulla’insaan mirkaneessuuf walitti bu’iinsichaaf atattamaan furmaata naga-qabeessa akka barbaadu hubachiisaniiru.



