‘Em Peesaan’ Itoophiyaatti tajaajila kennuuf kaffaltii hayyamaa doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 50 gaafatamuuf jedhame

0
535

Baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa; Itoophiyaa keessatti tajaajila maallaqaa moobaayilaan
jalqabuuf eeggataa kan jiru qaama Saafaarii Koom kan ta’e ‘Em Peesaa’ kaffaltii hayyamaa
doolaara miliyoona 100 fi miliyoona 50 kaffalchiisuuf karoorfachuun isaa dhaga’ameera.

Ardii Afriikaa keessatti dhimmoota biizinasii irratti kan hojjetu “Koominiitiin biizinasii
Afriikaa” odeeffannoo baankii biyyaalessaa irraa argate eeruun gabaasa hojjeteen; Em Peesaandabalatatti dhaabbileen biyyoota alaa Itoophiyaa keessatti karaa moobaayilatiin tajaajilamaallaqaa kennuu barbaadan kaffaltii eegumsa investimentii kanaan walfakkaatu raawwachuun isaan irraa eegama.

“Biizinas Koominiitiin” argeera kan jedhee fi daarikteera sirna kaffaltii baankii biyyaalessaa
Salamoon Daamxootiin wixineen piroopoozaalaa mallatteeffame; Saafaarii-Koom Itoophiyaan biyyattii keessatti tajaajila maallaqa moobaayilaa jalqabuuf adeemsa dhiyeesse irratti maryachuuf daandii ni banaaf jedhameera.

Bu’uura qajeelfama haaraatiin herrega daddabarsa maallaqa dijitaalaa sadarkaa tokkoffaatiin guyyaatti daddabarsuun kan danda’amu hangi maallaqaa olaanaan birrii kuma 20 irraa akka ol guddatu himameera.

Tajaajila daddabarsa maallaqaa kennuuf mootummaa irraa hayyama gaafatee kan argate
dhaabbanni biyya Keeniyaa ‘Em Peesaan’ seerri Itoophiyaatti ittiin hojjetu kan hinturre yoo ta’u; hojicha seera-qabeessa kan taasisu labsiin fooyya’insa kaffaltii qophaa’uun mana maree bakka bu’oota ummataatiin ragga’eera.

Labsiin fooyya’e lammiiwwanii fi dhaabbileen biyyoota alaa sirna kaffaltiitti akka hirmaatan ni hayyama. Labsiin baankotaa hojii irra jiru utuu hinfooyya’in sirni kaffaltii amma jiru
lammiiwwan biyyoota alaatiif banaa ta’uun kan gaaffii kaase yoo ta’u; hojiin baankii fi adeemsi kaffaltii baankii biyyaalessaa adda adda waan ta’eef labsii adda addaa baasuun sirrii dha jedhameera.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shiidee sirna jalqabsiisa tajaajila Saafaarii Koom irratti argamuun ‘Em Peesaan’ Itoophiyaa keessatti tajaajila kennuu akka danda’u mootummaan hayyamuu dubbachuun isaanii ni yaadatama.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here