Yuuivarsiitii Finfinnee biiroowwan torbatti hanni sanadaa raawwatameera jedhame

0
581

Yuunivarsiitii Finfinnee mooraa Siddist kiilootti waajjira pirezidaantii dabalatee biiroowwan torba keessatti hanni sanadaa raawwatamuu Addis Maaledaan mirkaneessiteetti.

Hannichi kan raawwatame Kamisa Gurraandhala 16 bara 2015 halkan yoo ta’u; hanna raawwatameen biiroowwan kana keessaa sanadoonni filatamanii fudhatamuun isaanii beekameera.

Hanni sanadaa kun qaamolee hinbeekamneen raawwatameera kan jedhame yoo ta’u; saamtonni foddaa fi balbala cabsuudhaan hanna raawwataniiru jedhaman sanadaan alatti meeshaalee qaalii ta’an kan biraa akka hinfudhatin dhaga’ameera.

Biiroowwan saamichi keessatti raatame keessatti meeshaaleen ammayyaa argaman koompiyutaroonnii fi laaptoopponni akka hinfudhatamin eerameera. Hata’u malee sanadoonni akkamii akka fudhataman beekuun hindanda’amne.

Biiroowwan hannichi itti raawwatame gidduudhaa kutan odeeffannoo pirezidaantii; biiroon daarikteera dhimmoota akkaadaamii; biiroon ogeessa dhimmoota akkaadaamii; biiroon daarikteera geejjibaa; biiroon qorannoo fi ce’umsa takinooloojii fi biiroon daarikteera sagantaa digirii lammaffaa keessatti akka argaman beekuun danda’ameera. Biiroon saamichi keessatti raawwatame hundi miseensota “koree piroomooshiinii ti” jedhameera.

Saamicha sanadaa raawwatameen hojjettonni eegumsaa shanii gadii hintaane poolisiidhaan hidhamuun isaanii kan ibsame yoo ta’u; poolisiin magaalaa Finfinnee dhimmicha qorataa akka jirus Addis Maaledaan madden yuunivarsiitichaa odeeffannoo kana ittiin gahan irraa dhageesseetti.

Addis Maaledaan dhimmicha ilaalchisuun yuunivarsiiticha irraa ibsa kan gaafatte yoo ta’u; kutaan quunnamtii-alaa yuunivarsiitichaa “hannichi kan raawwatame naannoo biiroo pirezidaantiitti waan ta’eef anaan na hinilaallatu” jechuudhaan deebii kenneera.

Pirezidaantiin yuunivarsiitii Finfinnee piroofeeseer Xaasoo Walde-Haannaa saamicha sanadaa raawwatameera jedhameef gaaffii isaaniif dhiyaateef “hanni raawwatame hinjiru” jechuudhaan
deebii kennaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here