Garaagarummaan mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti uumame gara waraanaatti qajeeluuisaa hordofuun; TPLF aangoo mootummaa federaalaa keessatti qabu dhabuun isaa ni yaadatama.
Humnoonni lamaan waliigaltee nageenyaa mallatteessuu isaanii hordofuun; TPLF aangoo mootummaa federaalaa qooddachuuf marii akka taasisu karaa dubbi himaa isaa obbo Geetaachoo Raddaatiin beeksiseera.
Dubbi himaan TPLF yaada Riipoorteer Itoophiyaaf kennaniin; TPLF aangoo mootummaa federaalaa qooddachuuf mootummaa federaalaa waliin maryachuuf qophaa’aa akka jiru beeksisaniiru.
Hata’u malee TPLF mana maree bakka bu’ootaatiin gooltummaan isatti murtaa’e hanga yoonaatti kan jiru yoo ta’u; akka yaada Geetaachootti mootummaan federaalaa murtee
gooltummaa haala kaasuu itti danda’u kan ilaalu ta’uu tilmaamaniiru.
TPLF mootummaa federaalaa waliin nan taasisa kan jedhe mootummaa federaalaaqooddachuun dabalatatti; bu’uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatiin waa’ee mootummaayeroo naannoo Tigiraayitti ni hundaa’a jedhamee sanada qopheessuun maryachuuf qophii taasisaa akka jiru beeksiseera.
Bu’uraa waliigaltee nageenyichaatiin naannoo Tigiraayitti karaa
boordii filannoo Itoophiyaatiin filannoon adeemsifamuun hanga kan moo’atu beekamutti naannichi bulchiinsa yerootiin hoogganama.
Hata’u malee waa’ee bulchiinsa yeroo ni hundaa’a jedhamee karaa mootummaa federaalaatiin sochii fi ejjennoon jiru wanti beekame hinjiru.
Bulchiinsa yeroo irratti ammumaan gaaffiin kanitti ka’aa jiru yoo ta’u; paartileen siyaasaa mormitootaa fi qaamoleen biraa naannoo Tigiraay keessa socho’an; TPLF bulchiinsa yeroo olaantummaadhaan dhuunfachuuf socho’aa jira jechuun qeequu irratti argamu.



