Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Itoophiyaa seenan

0
632

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkan daawwannaa isaanii biyyoota Afrikaa Itoophiyaa irraa eegalaniiru.

Eega waraanni kaaba biyyattiitti balaa buuse qondaalli olaanaa Ameerikaa Itoophiyaa yoo daawwatu kuni kan duraati.

Biliinkan Kibxata halkan yeroo Finfinnee gahan Ministir Di’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Misgaanu Argaa simataniiru.

Daawwannaa isaaniin hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa jalqaba waggaa kanaa mootummaafi TPLF gidduu irratti walgahame mari’achuudha.

Akkasumas dhimma haqa yeroo ce’umsaa irratti aangawoota Itoophiyaa waliin akka mari’atan waajjirri isaanii beeksiseera.

Dhaabbileen mirga namoomaa Biliinkan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin yeroo mari’atan ajandaan isaanii ijoo waa’ee haqaafi itti gaafatamummaa akka ta’u qabu gaafataniiru.

Qondaalli olaanaa Ameerikaa kuni Itoophiyaati gara Niijer imaluun dura, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faaki Mahaam waliinis akka wal argan eegama.

Guyyoota dura qondaalli olaantuu Ministeera Dhimma Alaa Mooli Fii akka beeksisanitti Biliinkan qondaaltota TPLF Finfinneetti ni dubbisu.

Itoophiyaafi US hariiroo waggoota 100 oliif ture qabu. Haa ta’u malee, waraanni kaaba Itoophiyaatti adeemaa ture hariiroo isaanii rakkoo buuseera.

Waliigalteen nagaa kan Ameerikaanillee keessatti qooda qabdu eega milkaa’e garuu Itoophiyaan suutuma hariiroo biyyoota lixaa waliin qabdu fooyyessaa jirti.

Taatullee hariiroon biyyoota lameenii lafa duraatti akka hin deebine qondaalli olaantuu Ameerikaa ibsaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here